Wajjiraa Fayyaa Aanaa
Kombolchaa
Karoora
Off Danda'uu Seektara Fayyaa Kan Bara 2019 Adolleessaa,
2018 Malka Rafu MAKE YOUR RESUME BETTER
Bafattaa
2.2.4.
Murteessitoota Fayyaa (Social Determinants of Health).................................... 18
2.3.1.
Uwwisa Fayyaa Hunda Galeessa (Universal Health Coverage).......................... 20
2.3.3. Hirmaannaa Hawaasaa (Community
Engagement)............................................. 20
2.4.
Fayyaa Haadholii, Daa’immanii, Dargaggootaa fi Sirna Nyaataa......................... 21
3.6.3.
Dhukkuboota Daddarboo Hin Taane (NCDs)................................................... 24
3.6.5.
Dhukkuboota Tirooppikaalaa Xiyyeeffannoo Barbaadan (NTDs)................... 25
3.6.6.
Tajaajila Haayiginii fi Eegumsa Fayyaa Naannoo........................................... 26
3.6.7.
Ittisaa fi Too'annoo HIV/AIDS, Vaayirasii Tiruu fi Dhibee Naf-Saalaa......... 27
3.7.
Hoggansa Balaa Tasaa Fayyaa Hawaasaa, Qorannoo.......................................... 27
3.9.1
Gaggeessummaa, Hoggansa fi Bulchiinsa Sirna Fayyaa.................................. 29
3.9.2.
Qabeenya Namaa Fooyyessuu (Human Resources for Health)........................ 32
3.10.
Sirna Dhiyeessii Qorichaa, Meeshaalee Yaalaa fi Omishaa............................. 40
3.1.7.
Karoora Misooma Off Danda’uu Seektaraa fayyaa Bara 2019........................... 60
Bu'aa Tarsiimoo 1: Sirna Tajaajila Fayyaa Bu'uuraa
(PHC) Cimsuu........................ 64
Bu’aa Tarsiimoo 3: Fayyaa Haadholii, Daa’immanii fi
Dargaggootaa Fooyya’e..... 66
Bu’aa
Tarsiimoo 3: Hubannoo fi missensa
Inshuraansii Fayyaa Fooyya’e........... 86
3.1.7.3.3.
KT 3: Tajaajila Fayyaa Sadarkaa
Olaanaa fi Addaa Babal’isuu.................... 88
Bu’aa
Tarsiimoo 2: Tajaajila Ispeeshaaliitii fi Sab-Ispeeshaaliitii Babal’ate....... 89
3.1.7.3.4.
KT 4: Sirna Dhiyeessii,
Loojistikii fi Oomishaalee Fayyaa Fooyyessuu...... 92
3.1.7.3.7.
KT7: Hoggansa, Bulchiinsaa fi
Gaggeessummaa Fooyyessuu.................... 100
3.1.7.3.8.
KT8: Fayyaa Dijitaalaa fi Misooma Teekinolojii Qunnamtii Odeeffannoo 102
Bu'aa
Tarsiimoo 2: Sirna Laaboraatorii fi Biosecurity Cimsuu........................... 107
Bu'aa
Tarsiimoo 3: Sirna Fayyaa Dandamataa fi Deebisanii Ijaarsa Cimsuu..... 107
3.1.7.3.10.
KT 10: Sirna Odeeffannoo, Ragaa fi Qorannoo Fayyaa Cimsuu............... 108
2.3. Sodaa fi Tarsiimoo Sodaan Ittiin
Xiqqaatu (Risk and Assumptions)................... 117
Gabaajeewwaan
|
Abbreviation |
Full Form (English) |
Full Form (Afaan Oromoo) |
|
AI |
Artificial Intelligence |
Sammuu Nam-Tochee / Teeknooloojii Sammuu
Namtolche |
|
ANC |
Antenatal Care |
Kunuunsa Da'umsa Duraa |
|
APTS |
Auditable Pharmaceutical Transactions &
Services |
Sirna Daldala Qorichaa Ooditawaa |
|
ART |
Antiretroviral Therapy |
Qoricha Farra Vaayirasii HIV |
|
ASP |
Antimicrobial Stewardship |
Sirna To'annoo Fayyadama Qorichoota Farra Jarmii |
Cuunfaa
Raawwii Hojii ijoo
Waggoota saddeet darban keessatti Seektarri Fayyaa
qaqqabamummaa fi qulqullina tajaajila fayyaa fooyyessuuf hojii bal’aa
raawwachuun bu’aawwan jajjabeessoo galmeesseera. Bara 2019tti Waajjirri Fayyaa
Aanaa Kombolchaa ummata 229,463 ol, Buufataalee
Fayyaa 5 fi Keellaalee Fayyaa 18 ol qabaachuun, walumaagalatti dhaabbilee fayyaa
mootummaa fi dhuunfaa 73 ol fi hojjettoota
fayyaa 294 qabaachuun tajaajila fayyaa hawaasaf
dhiyeessaa jira.
Agarsiiftoowwan ijoo hedduun fooyya’iinsa agarsiisaniiru.
Umuriin jireenyaa waggaa 68.7 irraa gara waggaa 70tti guddateera; UHC Service
Coverage Index immoo 0.38 irraa gara 0.44tti dabaleera. Reeshoon du’aatii
haadholii dhaloota lubbuun dhalatan 100,000 keessaa 267 irraa gara 141tti
hir’ateera. Du’aatiin daa’imman waggaa shanii gadii 1,000 keessaa 59 irraa gara
51tti, du’aatiin daa’imman waggaa tokkoo gadii 34 irraa gara 39tti fi du’aatiin
daa’imman reef-dhalatan 26 irraa gara 25tti jijjiirameera. Tajaajilli da’umsa
ogeessa fayyaatiin geggeeffamu %87 irraa gara %104tti guddateera; kunuunsi
ulfaa marsaa 8ffaa (ANC8) %13 irraa gara %58tti ol ka’eera; talaalliin Penta3
fi talaalliin guutuun %100 irra ga’aniiru.
Gama ittisaa fi to’annoo dhukkubootaatiin bu’aawwan gaariin
argamaniiru. Namoota HIV isaanii beekan keessaa %94 isaanii beekamtii
argataniiru; haadholeen ulfaa HIV qabaman qoricha ARV argatan %100 ga’aniiru;
namoota ART irratti argaman keessaa %97 keessatti vaayirasiin to’atameera.
Reettiin adda baasuu dhukkuba TB % 104 fi reettiin yaala xumursiisuu %98
gaheera. Akkasumas, tajaajilli deebii hatattamaa ambulaansii %95, tajaajila OPD
nama tokkoof 0.73 irraa gara 2 tti, itti quufinsi maamiltootaa %78 irraa gara
%86tti guddateera.
Ta’us, guddinni kun hanqinoota bu’uuraa hunda hin furre.
Hanqinni nyaataa daa’imman waggaa shanii gadii keessatti quucarummaan %41 ga’ee
jira. CPR %31.8 qofa yoo ta’u, galma karoorichaa %45 irraa gadi dha. Reettiin
walhormaataa (TFR) 4 irratti argama. Tajaajilli kunuunsa ulfaa yeroo isaa
eeggate, kunuunsa da’umsa boodaa fi tajaajilli fayyaa dargaggootaa naannolee
hedduutti gahaa miti. Akkasumas, dhukkuboonni hin daddarbine (NCDs) ba’aa
dhukkubaa %15.5 irraa gara %32.9tti guddatanii ce’umsa epidemioloojii
agarsiisaniiru.
Sirna fayyaa keessatti hanqinoonni akka hanqina ogeessota fayyaa, walqixxummaa
raabsa humna namaa dhabuu, hanqina qorichaa fi meeshaalee yaalaa, tajaajila
addaa akka MRI, CT Scan fi Dialysis iddoowwan muraasatti qofa argamuu, baajata
fayyaa gahaa dhabuu fi qulqullina ragaa fi itti fayyadama ragaa irratti
hanqinni mul’achuun itti fufeera. Akkasumas, rakkoon nageenyaa, buqqaatummaan,
jijjiiramni haala qilleensaa fi weerarri dhukkubootaa sirna fayyaa irratti
dhiibbaa guddaa geessisaa jiru.
Bu’aawwan, carraawwan fi qormaatawwan kunneen irratti
hundaa’uun Karoorri Tarsiimoo Misooma Fayyaa Aanaa Kombolcha bara 2019–2023
E.C. qophaa’eera. Karoorichi galmoota mootummaa, SDGs fi Karoora Misooma Bahaa
Damee Fayyaa Godina Harargee Bahaa, Oromiyaa fi Biyyaalessaa waliin walsimuun
tajaajila fayyaa bu’uuraa cimsuu, qulqullina tajaajilaa fooyyessuu, dandeettii sirna
fayyaa guddisuu, hirmaannaa hawaasaa fi damee dhuunfaa babal’isuu, fayyaa
dijitaalaa cimsuu, sirna ragaa fi murtoo ragaa irratti hundaa’e fooyyessuu,
akkasumas of-danda’ummaa fi faayinaansiingii sirna fayyaa mirkaneessuuf bu’uura
ta’ee tajaajila.
BOQONNAA
1: SEENSA fi Haala Karoorichaa
1.1.
Seensa
Aanaan Kombolcha Godina Harargee Bahaati baay'ina
uummataatiin fi bal'ina lafaan isa gudda ta'ee, guddina dinagdee fi hawaasummaa
Naannichaa keessatti gahee olaanaa qabu dha. Aanaan Kombolchaa Gandaa 20, bulchiinsa magaalotaa 3 kan of keessaa qabu yoo ta'u, akka tilmaama
Komishinii Karooraa Oromiyaa bara 2019tti
229,463 ol qaba. Akkasumas, qabeenya
uumamaa, qabeenya aadaa fi hawwata turizimii
qabaachuun carraa guddaa misooma dinagdee fi hawaasummaa naannichaaf
uuma.
Wajjirii Fayyaa Aanaa Kombolchaa akka dhaabbata
mootummaa misooma fayyaa hoogganuutti, tajaajila fayyaa qulqullina qabu,
walqixa, dhaqqabamaa fi itti fufiinsa qabu uummata hundaaf mirkaneessuuf itti
gaafatamummaa olaanaa qaba. Waggoota darban keessatti mootummaa, hawaasaa fi
michoonni misoomaa hojii bal'aa hojjechuun milkaa'inoota hedduu
galmeessisaniiru. Haa ta'u malee, jijjiiramni haala dinagdee biyya keessaa fi
addunyaa, hir'ina deeggarsa alaa, dabaluu fedhii tajaajila fayyaa, balaa
uumamaa, weerara dhukkubootaa fi rakkoolee nageenyaa sirna fayyaa naannichaa
irratti dhiibbaa guddaa geessisaniiru.
Xiinxalli yeroo qophii karooraa gaggeeffame akka
agarsiisutti, sirni fayyaa amma illee hirkattummaa deeggarsa alaa irraa
guutummaatti bilisa hin taane. Hanqinni bulchiinsaa fi hooggansaa, dandeettii
dhaabbilee, humna namaa, bu'uuraalee misoomaa, sirna odeeffannoo fayyaa,
dhiyeessii qorichaa fi meeshaalee yaalaa, akkasumas dandeettii maddisiisuu fi
bulchuu qabeenya keessaa laafaa ta'uun hojii sirna fayyaa irratti dhiibbaa
geessisaa jira. Kana malees, dubartoonni, dhiironni, daa'imman, dargaggoonni,
namoonni miidhamummaa qaban, hawaasni baadiyyaa fi gareewwan hawaasaa
saaxilamoo ta'an fedhii fi rakkoo fayyaa adda addaa kan qaban yoo ta'u,
walqixxummaan dhaqqabummaa fi fayyadama tajaajila fayyaa giddu isaanii
guutummaatti mirkanaa'uu hin dandeenye. Kanaafuu, qajeelfamoonni walqixxummaa
koorniyaa, hirmaachisummaa fi mootummaa keessatti “namni kamiyyuu duubatti akka
hin hafne” jedhu sirna fayyaa keessatti cimee hojiirra ooluun barbaachisaa
ta'ee jira.
Haala kana keessatti, Karoorri Of-danda'uu Misooma
Fayyaa kun sirna fayyaa Aanaa Keenyaa gara of-danda'ummaa, itti
fufiinsa, qulqullinaa fi bu'a qabeessummaatti ceesisuuf akka karoora tarsiimoo
waggoota shananitti qophaa'eera. Karoorri kun Karoora Misooma fi Invastimantii
Seektara Fayyaa II (KMISF-II), Karoora Misooma Oromiyaa, Imaammata Fayyaa
Biyyoolessaa fi Kaayyoo Misooma Itti Fufiinsa Addunyaa (SDGs) waliin walsimuun
qophaa'eera. Kaayyoon isaa sirna fayyaa hirkattummaa deeggarsa alaa irraa gara
dandeettii ofii, hoggansa cimaa, qabeenya ofii fi hojii bu'a qabeessa irratti
hundaa'etti ceesisuudha. Kunis bulchiinsa gaarii fi itti gaafatamummaa cimsuun,
humna namaa fi dandeettii dhaabbilee guddisuun, maddoota galii keessaa
babal'isuun, omisha fi dhiyeessii qorichaa fi meeshaalee yaalaa biyya keessaa
cimsuun, sirna odeeffannoo fi teeknoolojii fayyaa ammayyaa ijaaruun, akkasumas
walqixxummaa saalaa, hirmaachisummaa fi haqa hawaasummaa hojiiwwan karoorichaa
hunda keessatti hammachiisuun ni raawwatama. Karoorri kun murteewwan ragaa
irratti hundaa'an cimsuuf ragaa saalaan qoodame fi ragaa gareewwan hawaasaa
adda baase fayyadamuun, hordoffii, gamaaggama, baajata fi raawwii hojii hunda
keessatti ilaalcha walqixxummaa saalaa fi hirmaachisummaa ni mirkaneessa.
Karoorri kun kaayyoowwan
tarsiimoo torba irratti hundaa'a. Isaanis
1. Tajaajila fayyaa qulqullina qabu
fi walqixa ta'e fooyyessuu;
2. Bulchiinsa gaarii fi hooggansa
cimsuu;
3. Qorannoo, kalaqaa, intelijensii
fayyaa fi hoggansa beekumsaa guddisuu;
4. Sirna bulchiinsaa, oomishaa fi
dhiyeessii qorichaa fi meeshaalee yaalaa fooyyessuu;
5. Qophii fi deebii balaa fayyaa
hawaasaa cimsuu; dandeettii sirna fayyaa guddisuu; fi
6. Faayinaansiingii fayyaa fi
hirmaannaa mootummaa,
7. Damee dhuunfaa, hawaasaa fi
michoota misoomaa karaa itti fufiinsa qabuun cimsuudha.
Walumaagalatti, Karoorri Of-danda'uu Misooma Fayyaa
Oromiyaa kun kallattii tarsiimoo waggoota shanan itti aanan keessatti sirna
fayyaa of-danda'aa, bu'a qabeessa, walqixa, hunda hammatu fi itti fufiinsa qabu
ijaaruuf mootummaa, dhaabbilee fayyaa, damee dhuunfaa, hawaasa, michoota
misoomaa fi qaamolee dhimmi ilaallatu hundaaf bu'uura hojii ta'ee ni tajaajila.
1.2.
Kaayyoo
Karoorichaa
Kaayyoon waliigalaa Karoora Of-danda'uu Misooma
Fayyaa Oromiyaa sirna fayyaa Godinicha gara of-danda'ummaa, itti fufiinsa fi
bu'a qabeessummaatti ceesisuudha. Karoorri kun dhaabbileen fayyaa qabeenya
isaanii haala bu'a qabeessa ta'een bulchuun, dandeettii ofii isaanii cimsuun,
galii keessaa maddisiisuun, qabeenya mootummaa fi michoota misoomaa sirnaan
fayyadamuun, akkasumas tajaajila fayyaa qulqullina qabu, walqixa, dhaqqabamaa
fi itti fufiinsa qabu uummata hundaaf kennuu akka danda'an taasisuuf kan
qophaa'edha. Kana malees, karoorri kun bulchiinsa gaarii, itti gaafatamummaa,
iftoomina, kalaqaa fi ragaa irratti hundaa'uun murteessuu cimsuun, akkasumas
walqixxummaa saalaa, hirmaachisummaa fi namni kamiyyuu duubatti akka hin hafne
mirkaneessuun sirna fayyaa of-danda'aa ijaaruuf kan akeekedha.
Daangaa Karoorichaa
Karoorri Of-danda'uu Misooma Fayyaa Waajjira Fayyaa
Aanaa Kombolchaa kun yeroo Waggaa Bara 2019
kan hammatu yoo ta'u, sadarkaa mootummaa Godina, Bulchiinsa Magaalaa,
Aanaa fi Dhaabbilee fayyaa mootummaa hunda keessatti hojii irra kan oolu ta'a.
Karoorri kun hojiiwwan misooma fayyaa of-danda'ummaa cimsan hunda kan hammatu
yoo ta'u, qajeelfamoota fi tarsiimoo mootummaa damee fayyaa waliin
walsimsiisuun raawwatama.
Qooda raawwii karoorichaa keessatti walqixxummaan
saalaa, hirmaachisummaan hawaasaa, itti fayyadama ragaa saalaan fi garee
hawaasaatiin qoodamee, akkasumas bu'a qabeessummaa qabeenyaa fi mootummaa
gaarii akka hojiiwwan tarsiimoo hunda keessatti hammatan ni taasifama. Kunis
bu'aan karoorichaa uummata hundaaf walqixa akka qaqqabu, sirni fayyaas gara
of-danda'ummaa fi itti fufiinsaatti akka ce'u ni deeggara.
Boqonnaa 2.
Xiinxala Haalaa (Situational Analysis)
2.1.
Haala Waliigalaa Waajjira Fayyaa Aanaa Kombolchaa
2.1.1.
Haala Teessuma Lafaa
Aanaan
Kombolchaa Aanota akkaa Godina Hararge Bahaa jiran keessaa bal’ina lafaa fi baay’ina
uummataatiin isa guddaadha. Aanaan Ballina lafa tilmamaan ______ square kilometers
ta'u kan qabu yoo ta’u, Bahaa Aanaa Kombolchaa gara Kibba Dhihaatti ____
Baalee waliin daangaa qaba Gara Dhihaatti, Godina
Harargee Lixaa waliin daangaa qaba Gara Kaabaatti, Bulchiinsa
Magaalaa Dirree Dhawaa waliin daangaa qaba Gara Kaabaa fi
Bahaa, Naannoo Somaalee waliin daangaa qaba
Akkasumas, Naannoo Hararii waliin gama hundaan daangaa qaba , Magaalaan
Bulchinsa Godinicha Harar yoo taatu .
Aanichi garaagarummaa
teessuma lafaa fi haala qilleensaa bal’aa qabaachuun isaa carraa fi qormaata
misooma fayyaa irratti dhiibbaa guddaa qaba. Olka’iinsi lafaa meetira _____
hanga ____ ol galaanaa irraa ol kan ta’u yoo ta’u, Aanichi bifa qilleensaa
Baddaa, Badda-daree fi Gammoojjii of keessatti hammata. Garaagarummaan kun
facaatii dhukkuboota akka busaa, hanqina nyaataa, balaa hongee fi balaa uumamaa
irratti dhiibbaa qabaachuun, haala dhiyeessii tajaajila fayyaa fi qoodinsa
qabeenyaas irratti murteessaa dha.
Akka caasaa
bulchiinsaatti, Waajjira Fayyaa Aanaa Kombolchaa Gandoota 20, Bulchiinsa
Magaalaa 3, gandalee ____ol qaba. Babal’inni Aanaa fi faca’iinsi qubsuma
uummataa tajaajila fayyaa hunda biraan ga’u mirkaneessuu keessatti qormaata
guddaa ta’ee jira. Kanaafis, cimsuun Sirna Fayyaa Bu’uuraa (Primary Health
Care), sagantaa Ekisteenshinii Fayyaa fi sirna riifoormii tajaajila fayyaa
bu’uura tarsiimoo misooma fayyaa ta’ee itti fufeera.
2.1.3. Haala
Diinagdee fi Hawaasummaa
Waajjirri Fayyaa
Aanaan Kombolchaa bu’uura diinagdee Godinichaa keessatti gahee
mata isa kan qabu yomuu ta’u. Oomisha qonnaa, horsiisa beelladaa, albuudaa fi
tajaajila irratti hundaayuun galii mootummaa fi uummataa keessatti qooda guddaa
qaba. Qonni madda jireenyaa uummata keessaa isa guddaa yoo ta’u, hojii uummata
baadiyyaa keessaa harka caaluuf carraa hojii uuma.
Waggoottan darban
keessa bu’uuraalee misoomaa akka daandii, ibsaa, bishaan dhugaatii qulqulluu,
qunnamtii, dhaabbilee barnootaa fi dhaabbilee fayyaa irratti hojii bal’aan
hojjetamus, garaagarummaan misoomaa Aanalee fi aanaalee gidduu ammallee ni
mul’ata. Hiyyummaan, hojii dhabummaan dargaggootaa, rakkooleen jijjiiramni
haala qilleensaa fi hongeen yeroo gara yerootti mudatan haala jireenyaa
uummataa fi bu’aa fayyaa irratti dhiibbaa geessisaa jiru.
Akka tilmaama
mootummaa fi dhaabbilee idil-addunyaatti, Godina keessatti namoonni kumataman
lakkaa’aman deeggarsa namoomaa barbaadaa jiru; kunis rakkoo balaa uumamaa fi
namtolchee irraa madde. Rakkooleen kunneen hanqina nyaataa, facaatii
dhukkuboota daddarboo, hanqina bishaan qulqulluu fi dhiibbaa fayyaa sammuu
dabaluun sirna fayyaa irratti ba’aa dabalataa uumaa jiru.
Kana malees, guddinni
magaalummaa, jijjiiramni amala jireenyaa fi dabaluu dhukkuboota daddarboo hin
taane (NCDs) sirna fayyaa irratti qormaata haaraa uumaa jiru. Kanaaf, karoora
tarsiimoo kana keessatti murteessitoota hawaasummaa fi diinagdee fayyaa (Social
Determinants of Health), walqixxummaa tajaajila fayyaa, ittisa balaa,
akkasumas qindoomina sekteroota gidduu jiru cimsuun bu’uura hojii waggoota
shanan itti aananii ta’a. Hubannoo
2.2. Haala
Fayyaa Ummataa
2.2.1. Umurii
Jireenyaa (Life Expectancy)
Umurii jireenyaa yeroo
dhaloota irraa eegalee namni tokko giddugaleessaan hammam akka jiraatu
agarsiistuu hojii sirna fayyaa, haala jireenyaa fi guddina hawaasummaa keessaa
isa ijoodha. Waggoottan digdaman darban keessatti Aanaa keenyaa keessatti umurii jireenyaa
fooyya’iinsa guddaa agarsiiseera. Kunis hir’ina du’aatii haadholii fi
daa’immanii, babal’ina tajaajila talaallii, ittisa fi to’annoo dhukkuboota
daddarboo, akkasumas fooyya’iinsa sirna tajaajila fayyaa bu’uuraa irraa
maddeera.
Akka ragaa World Bank, UN Population Division fi WHO
agarsiisutti, umurii jireenyaa bara 2000 keessa waggaa 52 ture, bara 2024tti gara waggaa 68tti ol guddateera. Kunis waggoota 24 keessatti fooyya’iinsa
waggaa 16 ta’e agarsiisa.
Dubartoonni dhiira caalaa umurii dheeraa kan jiraatan yoo ta’u, kunis hir’ina du’aatii
haadholii fi fooyya’iinsa tajaajila fayyaa walhormaataa waliin walqabata.
Haa ta’u malee, umurii
jireenyaa Aanalee baadiyyaa tokkoo tokkoo keessatti umurii jireenyaa gadi aanaa
ta’uun ni mul’ata. Sababoonni kun hanqina nyaataa, dhukkuboota daddarboo,
hanqina bishaan qulqulluu, akkasumas qaqqabamummaa tajaajila fayyaa gadi aanaa
waliin walqabatu.
Kanaaf, waggoota
shanan itti aanan keessatti ittisa du’aatii yeroo malee, to’annoo dhukkuboota
daddarboo fi hin daddarbinee, akkasumas qulqullinaa fi walqixxummaa tajaajila
fayyaa cimsuun umurii jireenyaa dabaluuf xiyyeeffannoo addaa ni kenname.
2.2.3. Dhibbaa
Dhukkubaa (Burden of Disease)
Sirni fayyaa keenya
yeroo ammaa ba’aa dhukkubaa sadii (Triple Burden of Disease) waliin
wal’aansoo keessa jira. Isaanis: Dhukkuboota
Daddarboo (Communicable Diseases) akka Busaa, Qaama Harkifataa (TB),
HIV/AIDS, dhukkuboota garaachaa fi dhukkuboota daddarboo biro; Dhukkuboota Daddarboo Hin Taane
(Non-Communicable Diseases) akka dhibee onnee, dhiibbaa dhiigaa, dhibee
sukkaaraa, kaansarii, dhukkuboota sombaa yeroo dheeraa fi rakkoolee fayyaa
sammuu fi Miidhaa Qaamaa (Injuries)
kanneen akka balaa tiraafikaa, balaa hojii, miidhaa walitti bu’iinsaa fi balaa
uumamaa.
Akka qorannoo Global Burden of Disease agarsiisutti,
ba’aan NCDs waggaa kudhan darban keessatti saffisaan dabalaa jira. Sababoonni
kanaa keessaa guddina umurii uummataa, jijjiirama amala jireenyaa, nyaata
madaalawaa hin taane, sochii qaamaa xiqqaachuu, tamboo fi alkoolii fayyadamuun
ni eeramu.
Kana malees, hongeen,
jijjiiramni haala qilleensaa, rakkoon nageenyaa fi buqqaatummaan hanqina
nyaataa fi weerara dhukkuboota daddarboo dabaluun ba’aa sirna fayyaa ol
guddisaa jiru.
Kanaafuu, waggoota
shanan itti aanan keessatti tarsiimoon ittisa dhukkubaa, fayyaa hawaasaa,
tajaajila qorannoo fi daawwannaa yeroo jalqabaa, akkasumas sirna qophii fi
deebii ariifachiisaa cimsuun murteessaa ta’a.
2.2.4.
Murteessitoota Fayyaa (Social Determinants of Health)
Haalli fayyaa uummataa
tajaajila fayyaa qofaan osoo hin taane murteessitoota hawaasummaa, diinagdee fi
naannoo hedduun murtaa’a. Waajjira Fayyaa Aanaa Kombolchaa keessatti
murteessitoonni fayyaa hojii tarsiimoo barbaadan keessaa ijoo ta’an kanneen
armaan gadiiti.
Guddinni baay’ina
uummataa, hiyyummaa, hojii dhabummaa, sadarkaa barnootaa, hanqinni bishaan
dhugaatii qulqulluu fi tajaajila qulqullinaa, hanqinni nyaata madaalawaa,
jijjiiramni haala qilleensaa, hongeen, buqqaatummaan uummataa fi rakkoon
nageenyaa bu’aa fayyaa irratti dhiibbaa guddaa geessisu.
Akka ragaa mootummaa
fi dhaabbilee idil-addunyaatti, Aanaa
Harargee Bahaa keessatti uummanni baadiyyaa hedduun ammallee tajaajila bishaan
dhugaatii qulqulluu, mana fincaanii fayyaa fi tajaajila qulqullinaa gahaa hin
arganne. Haalli kun weerara dhukkuboota garaachaa, hanqina sirna nyaataa fi
du’aatii daa’immanii dabaluuf gumaacha qaba.
Dabalataanis, guddinni
magaalummaa, jijjiiramni amala jireenyaa fi dabaluu fayyadama alkoolii, tamboo,
caatii fi nyaata soogidda fi cooma baay’ee qabu dhukkuboota daddarboo hin taane
dabaluuf sababoota ijoo ta’aa jiru.
Kanaaf, bu’aa fayyaa
waaraa galmaan ga’uuf dameen fayyaa qofti osoo hin taane dameewwan bishaanii,
barnootaa, qonnaa, eegumsa hawaasummaa, hojii uumuu sadarkaa hundatti
qindoominaan hojjechuun murteessaa dha. Karoorri tarsiimoo kunis hojii
walta’iinsa sekteroota (Multisectoral Collaboration) cimsuun
murteessitoota fayyaa kana irratti furmaata waaraa fiduu irratti xiyyeeffata.
2.3. Raawwii Sirna Fayyaa
2.3.1.
Uwwisa Fayyaa Hunda Galeessa (Universal Health Coverage)
Waggoottan darban keessatti Harargee Bahaa
keessatti qaqqabamummaa tajaajila fayyaa guddisuu fi Uwwisa Fayyaa Hunda
Galeessaa (UHC) saffisiisuuf hojii bal'aan hojjetameera. Baay’inni
hospitaalotaa 0 irraa gara 1, Buufata Fayyaa 5 irraa gara 6 , akkasumas Comprehensive Health Posts 3 hundeeffamuun
qaqqabamummaan tajaajila fayyaa fooyya’eera. Haa ta’u malee, uwwisni Tajaajila
Fayyaa Bu’uuraa (PHC Coverage) ammallee 71–73% irratti kan argamu yoo ta’u,
karoora itti aanu keessati xiyyeeffanoon hojjetamuu qaba.
2.3.2. Tajaajila Fayyaa Bu’uuraa (Primary Health Care)
Sirni Tajaajila Fayyaa Bu’uuraa hojii riifoormii
hedduun cimeera. Keellaawwan Fayyaa tajaajila guutuu kennan irraa 16 gara 17
guddisuun karoorfameera. Akkasumas, namoota harka qalleeyyii tajaajila
Ekisteenshinii Fayyaa Magaalaatiin fayyadaman 2,076 irraa gara 2,675 ol
guddisuu, maatii moodeela itti fufiinsaan hojjetan irraa gara 87, akkasumas
tola-ooltoota fayyaa hawaasaa leenjii argatan 234 irraa gara 658 guddisuun
tajaajila fayyaa bu’uuraa cimsuuf kallattiin kaa’ameera.
2.3.3. Hirmaannaa Hawaasaa (Community Engagement)
Hirmaannaan hawaasaa bu’uura milkaa’ina sirna
fayyaa ta’ee itti fufeera. Gurmaa’insi Gamtaa Misooma Dubartootaa, Dursitoota
Gooxii Fayyaa fi Hojjettoonni Ekisteenshinii Fayyaa hojii dagaagina fayyaa
keessatti gahee guddaa taphataniiru. Haa ta’u malee, hanqinni Hojjettoota
Ekisteenshinii Fayyaa, deeggarsa hordoffii, geejjibaa fi baajataa, akkasumas
hanqinni qorichaa fi meeshaalee hojii bu’a qabeessummaa sagantichaa irratti
dhiibbaa geessisaa jira. Madaallii yaada hawaasaatiin itti quufinsi
maamiltootaa 80% irraa gara 85% guddatus, komiiwwan walqabatan hanqina qorichaa
fi qulqullina tajaajilaa ammallee furmaata barbaadu.
2.3.4. Qulqullina Tajaajilaa (Quality of Health Care)
Qulqullinni tajaajila
fayyaa fooyya'iinsa agarsiiseera; ta'us hanqinoonni bu'uuraa ni jiru. Itti
quufinsi maamiltootaa 86% gaheera; dhaabbileen fayyaa 85% Community Score Card
hojiirra oolchaa jiru; argamiinsi qorichoota murteessoo 93%, akkasumas
tajaajilamtoonni qoricha guutuu argatan 87% ta'aniiru. Gama bu'aa
tajaajilaatiin reetiin du'aatii kutaa ICU 18.6%, du'aatii dhaabbilee fayyaa
1.1%, fi qabamiinsi sireewwanii 67% ta'uun qulqullinni tajaajilaa fooyya'aa
jiraachuu agarsiisa. Garuu hanqinni humna namaa (ogeessa fayyaa 0.71 qofatu
uummata 1,000 keessaa jira), garaagarummaan qulqullina tajaajilaa dhaabbilee
gidduu jiru fi hanqinni dhiyeessii galteewwanii bu'aa sirna fayyaa irratti
dhiibbaa geessisaa jiru.
2.4. Fayyaa
Haadholii, Daa’immanii, Dargaggootaa fi Sirna Nyaataa
Waggoota karooraa darban
keessatti raawwiin sagantaa Fayyaa Haadholii, Daa’immanii, Dargaggootaa fi
Sirna Nyaataa fooyya’iinsa walitti fufiinsa qabu agarsiiseera. Akka ragaa EDHS
2024/25 fi ragaa tajaajilli kunuunsa ulfaa yeroo jalqabaa (ANC1+) 27% irraa gara
70.9%, kunuunsi ulfaa yeroo afraffaa (ANC4+) 19.7% irraa gara 48.4%, kunuunsi
ulfaa yeroo saddeettaffaa (ANC8) 13% irraa gara 53%, fi ANC torbee 12 dura
jalqabuu 22% irraa gara 39% guddateera. Akkasumas, da’umsi ogeessa fayyaatiin
geggeeffamu (SBA) 4.9% irraa gara 58.4%tti, kunuunsi booda da’umsaa guyyoota
lama keessatti kennamu (PNC) 5% irraa gara 32.9%tti ol guddateera.
Gama bu’aa fayyaa
daa’immaniitiin, du’aatiin daa’imman reef dhalatanii (NMR) lubbuun dhalatan
1,000 keessaa 49 irraa gara 25tti, du’aatiin daa’imman waggaa tokkoo gadii
(IMR) 97 irraa gara 39tti, akkasumas du’aatiin daa’imman waggaa shanii gadii
(U5MR) 166 irraa gara 51tti gadi bu’eera. Kunis fooyya’iinsa tajaajila fayyaa
haadholii fi daa’immanii keessatti galmaa’e agarsiisa.
Fooyya’iinsi agarsiistoota
kanaa babal’ina Sirna Fayyaa Bu’uuraa, cimina Sagantaa Ekisteenshinii Fayyaa,
dabaluu qaqqabamummaa tajaajila kunuunsa ulfaa fi da’umsaa, akkasumas
fooyya’iinsa tajaajila daa’imman reef dhalatanii waliin walqabata.
Dabalataanis, hojiirra oolmaan sagantaalee akka CBNC, IMNCI/iCMNCI, MPDSR fi
sirna walitti hidhamiinsa ol-erginsaa (Referral Linkage) cimuun bu’aa
tajaajilaa fooyyessuu keessatti gumaacha qabaataniiru.
Fooyya’iinsi galmaa’e jiraatus,
agarsiistonni muraasni ammallee sadarkaa barbaadamu irra hin geenye. Uwwisni
karoora maatii (CPR), raawwiin ANC yeroo isaa eeggate, ANC8 fi kunuunsi booda
da’umsaa (PNC) gadi aanaa ta’anii itti fufaniiru. Akkasumas, ragaan jiru akka
agarsiisutti, du’aatiin daa’imman reef dhalatanii ammaas ol’anaa ta’ee itti
fufee jira. Garaagarummaan qaqqabamummaa fi qulqullina tajaajilaa Aanaalee
gidduu, keessumaa Aanalee horsisee bulaa
fi hawaasa rakkoo keessa jiraniitti, ammallee ni mul’ata.
Yeroo itti aanan keessatti
xiyyeeffannoon gama qulqullinaa fi walqixxummaa tajaajila karoora maatii, ANC
yeroo isaa eeggate, ANC8, PNC, kunuunsa daa’imman reef dhalatanii fi sirna
nyaataa haadholii fi daa’immanii cimsuun, akkasumas garaagarummaa raawwii
Aanaalee gidduu jiru hir’isuun dhimma ijoo ta’ee mul’ata.
2.5. Ittisaa fi Too'annoo
Dhukkubaa
Godinii keenyaa yeroo ammaa
dhiibbaa dhukkuboota sadii (Triple Burden of Disease) jechuunis dhukkuboota
daddarboo, dhukkuboota daddarboo hin taane (NCDs), fi miidhaa qaamaa waliin
wal'aansoo cimaa keessa jira. Akka qorannoo Global Burden of Disease (GBD) fi
tilmaama Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti (WHO), dhukkuboonni daddarboo fi
rakkooleen fayyaa haadholii fi daa'immanii sababa ijoo du'aa ta'anii kan itti
fufan yoo ta'u, dhukkuboonni daddarboo hin taane, rakkooleen fayyaa sammuu fi
miidhaaleen qaamaa saffisaan dabalaa jiru. Jijjiiramni baay'ina uummataa,
babal'inni magaalummaa, jijjiiramni qilleensaa, walitti bu'iinsi hawaasaa,
sochiin uummataa fi jijjiiramni amala jireenyaa rakkoo kana daran hammeessaa
jiru. Waggoota darban keessatti damee kana keessatti bu'aan jajjabeessaan
galmaa'ee jiraatus, galmoota Misooma Waaraa (SDGs), UHC fi Ajandaa Fayyaa
Afrikaa 2063 galmaan ga'uuf hojii ittisaa fi too'annoo dhukkubaa caalaatti
cimsuun barbaachisaa ta'ee jira.
2.5.1. Ittisaa fi Too'annoo TB
Waggoota darban keessatti
tajaajilli barbaacha dhukkubsattootaa hawaasa keessatti (Community TB Case
Finding), qorannoo fi wal'aansa TB babal'achuun bu'aan gaariin galmaa'eera.
Lakkoofsi namoota TB adda baafamanii wal'aansa jalqaban bara 2009 irraa 4,343
ture bara 2018tti 5989 gaheera. Akkasumas milkaa'inni wal'aansa TB (Treatment
Success Rate) 95% irraa gara 99.5% tti guddachuun ulaagaalee biyyaalessaa fi
addunyaa guuteera. Haa ta'u malee, tilmaama WHO irratti hundaa'uun namoonni TB
qaban keessaa hedduun osoo hin adda baafamin hawaasa keessatti argamu,
akkasumas TB qoricha dandamatu (DR-TB) fi Juuzamiin Aanalee muraasa keessatti
itti fufuun rakkoo ta'ee jira. Kanaafuu waggoota shanan dhufan keessatti hojii
barbaacha dhukkubsattootaa hawaasa keessatti cimsuu, tajaajila qorannoo
saffisaa fi wal'aansa qulqullina qabu babal'isuu, sirna hordoffii fi deeggarsa
namoota wal'aansa jalqabanii fooyyessuu, akkasumas Juuzamii fi TB qoricha
dandamatu dhabamsiisuuf hojii irratti hundaa'e cimsuun xiyyeeffannoo olaanaa ni
argata.
3.6.2. Ittisaa fi Too'annoo Dhukkuba
Busaa (Malaria)
Waggoota darban keessatti hojii
ittisaa fi too'annoo busaa irratti bu'aan guddaan galmaa'eera. Baay'inni
namoota busaadhaan qabaman bara 2009tti 72,345 irraa bara 2013tti 62,536 tti
gadi bu'uun hir'ina 0.86% galmeesseera. Haa ta'u malee, bara 2017 weerarri
busaa guddaan uumamee namoota 75,129 qaqqabe. Tarkaanfiilee ariifachiisoo
fudhatamaniin bara 2018tti baay'inni kun gara 62,536 tti gadi bu'uun hir'ina
agarsiiseera. Akkasumas du'aatiin busaa bara 2018 tti gara zeerootti gadi bu'ee
jira; booda weeraraatiin bara 2016tti ol ka’ee, hojii cimaa mootummaa fi
michoota misoomaatiin bara 2018tti gadi bu'eera. Dabalataanis waggoota kurnan
keessatti saaphanni siree miliyoona ol raabsamee uummata giddugaleessaan 2.6
miliyoona ta'aniif eegumsa kenneera; qorannoon busaas waggaatti 67,564 irraa
gara 247,721 guddateera. Karoora waggoota shanan dhufan keessatti sirna
dhabamsiisa busaa, qorannoo saaxilamummaa irratti hundaa'e, raabsa LLIN fi IRS
qulqullina qabu, akkasumas sirna akeekkachiisa duraa fi deebii saffisaa cimsuun
hojii ijoo ta'u qaba.
3.6.3.
Dhukkuboota Daddarboo Hin Taane (NCDs)
Jijjiiramni amala jireenyaa fi
baay'ina ummataa dhukkuboota daddarboo hin taane akka dhiibbaa dhiigaa, dhibee
sukkaaraa, kaansarii fi dhukkuboota onnee saffisaan dabalaa jira. Waggoota
darban keessatti tajaajilli sakatta'iinsa kaansarii balbala gadameessaa
dubartoota umurii 30–49 bara 2009tti 0.2% irraa gara 17%tti guddateera.
Tajaajila baqaqsanii yaaluu moora ijaatiin namoonni 4798 ol tajaajila
argataniiru; Secondary Eye Care Units 6 irraa gara 14, Primary Eye Care Units
immoo 16 irraa gara 34tti guddataniiru. Akkasumas reetiin namoota dhiibbaa
dhiigaa to'atame 0.001% irraa gara 48%, kan dhibee sukkaaraa immoo 0.2% irraa
gara 30%tti guddateera. Haa ta'u malee, tajaajilli sakatta'iinsa yeroo
jalqabaa, hordoffii fi bulchiinsi NCDs sadarkaa tajaajila fayyaa bu'uuraatti
walqixa kennamuu irratti hanqina qaba. Kanaafuu waggoota shanan dhufan
keessatti tajaajila daddarboo hin taane sadarkaa dhaabbilee bu’uura keessatti
walitti qindeessuun, sakatta'iinsa yeroo jalqabaa babal'isuu, hojii ittisa
sababa balaa (risk factors) fi sirna hordoffii yeroo dheeraa cimsuun hojjetamuu
qaba.
3.6.4. Fayyaa
Sammuu
Rakkoon fayyaa sammuu addunyaa
fi biyya keenya keessatti dabalaa jira. Akka raga dhaabbata fayyaa aduunyaa
(WHO) tti namoonni addunyaa biiliyoona 1.2 ol rakkoo fayyaa sammuu waliin
jiraatu; dargaggoonni fi dubartoonni caalaatti saaxilamoodha. Aanaa keenya keessattis hojii dhabdummaa,
hiyyummaa, jijjiirama qilleensaa fi fayyadama alkoolii, caatii fi tamboo
dabaluun rakkoo kana hammeessaa jira. Tajaajilli fayyaa sammuu sadarkaa
tajaajila fayyaa bu'uuraatti babal'atus hanqinni ogeessotaa, qorichoota
barbaachisoo, tuffiin hawaasaa fi hanqinni tajaajila adda ta'e rakkoo guddaa
ta'ee jira. Kanaafuu waggoota shanan dhufan keessatti tajaajila fayyaa sammuu
PHC keessatti cimsuu, ogeessota leenjisuu, dhiyeessa qorichootaa fooyyessuu fi
hubannoo hawaasaa guddisuun xiyyeeffannoo olaanaa ni argata.
3.6.5.
Dhukkuboota Tirooppikaalaa Xiyyeeffannoo Barbaadan (NTDs)
Waggoota darban keessatti hojii
ittisaa fi dhabamsiisuu NTDs irratti bu'aan guddaan galmaa'eera. Walumaagalatti
dooziin qorichaa 3.5 miliyoona ol ta'u raabsameera. Lakkoofsi baqaqsanii yaaluu
dacha'uu qola ijaa (TT Surgery) bara 2009tti 1257 irraa gara 5856 tti
guddateera. Facaatiin Tiraakoomaa 38% irraa gara 11.6%, raammoolee maxxantuu
immoo 70% hir'ateera. Dabalataanis aanaaleen 8 Tiraakoomaa, 10 Hooqxoo keessaa
ulaagaalee dhabamsiisuu guutuun raabsa qorichaa dhaabaniiru. Haa ta'u malee,
Aanalee muraasa keessatti dhukkuboonni kunneen itti fufuun sirna hordoffii fi
eegumsa cimsuun barbaachisaa ta'ee jira.
3.6.6. Tajaajila
Haayiginii fi Eegumsa Fayyaa Naannoo
Waggoota darban keessatti dameen WASH fooyya'iinsa jajjabeessaa
galmeesseera. Hojii ijaarsa mana fincaanii, sagantaa Community-Led Total
Sanitation and Hygiene (CLTSH), fi hirmaannaa hawaasaa cimsuun
pirooppoorshiniin maatii mana fincaanii bu'uuraa qaban bara 2009 irraa % 54
irraa gara %72tti guddateera. Akkasumas, fayyadama mana fincaanii %84 irraa
gara %95tti ol ka'uun jijjiirama amala fayyadamaa fi hojii hubannoo hawaasaa
irratti galmeen gaariin argamuu agarsiiseera. Gandoonni Open Defecation Free
(ODF) ta'anis %29 irraa gara %63tti guddatanii, tattaaffii bal'aan qulqullinaa
fi eegumsa fayyaa naannoo irratti taasifame bu'aa qabeessa ta'uu isaanii
mirkaneessaniiru.
Gama dhaabbilee fayyaatiin, dhaabbilee fayyaa 102 keessatti
bu'uuraaleen bishaanii, mana fincaanii fi qulqullinaa diriirfamaniiru;
dhaabbilee fayyaa 116 keessatti immoo
sagantaan WASH FIT hojii irra ooluun ittisa infekshinii (IPC), nageenya
dhukkubsattootaa fi qulqullina tajaajila fayyaa fooyyessuuf bu'uura cimaa uumee
jira.
Haa ta'u malee, bu'aan galmaa'e fedhii uummataa fi
istaandaardii biyyaalessaa guutummaatti hin guunne. Pirooppoorshiniin maatii
mana fincaanii bu'uuraa hin qabne fi gandoonni ODF hin taane ammallee hedduu
jiru. Akkasumas, dhaabbileen fayyaa hedduun bishaan qulqulluu yeroo hunda
argachuu, mana fincaanii istaandaardii guutee qabaachuu, bulchiinsa xurii
yaalaa, hojii ittisa infekshinii (IPC) fi raawwii WASH FIT keessatti hanqinoota
mul'isan. Garaagarummaan qaqqabamummaa fi qulqullina tajaajila WASH godinaalee
fi aanaalee gidduutti mul'atus hojii fooyya'iinsa barbaachisu keessaa isa
ijoodha.
Walumaagalatti, guddinni baay'ina uummataa, babal'ina
magaalummaa, jijjiirama qilleensaa fi balaa weeraraa dhukkuboota daddarboo
dabalaa dhufan sirna WASH irratti dhiibbaa guddaa uumaa jiru. Kunis
qaqqabamummaa bishaan qulqulluu, bulchiinsa xurii yaalaa, hojii ittisa
infekshinii fi tajaajila WASH dhaabbilee fayyaa keessatti cimsuun, akkasumas
hojii ODF waaraa fi qulqullina naannoo mirkaneessuun waggoota itti aanan
keessatti dhimma murteessaa ta'uu agarsiisa.
3.6.7. Ittisaa
fi Too'annoo HIV/AIDS, Vaayirasii Tiruu fi Dhibee Naf-Saalaa
Waggoota darban keessatti damee
HIV/AIDS irratti bu'aan jajjabeessaan galmaa'eera. Facaatiin HIV Godinicha bara
2009tti 0.79% irraa gara 0.64%tti gadi
bu'eera; Lakkoofsi dhaabbilee tajaajila ART kennan 21 irraa gara 23tti,
namoonni ART fudhatan immoo 1520 irraa gara 1886 tti guddataniiru. Reetiin
Viral Load Suppression 99% irraa gara 100%tti guddachuun qulqullina tajaajilaa
agarsiiseera. Namoonni HIV qoratan 306,797 irraa gara 356,422, haadholiin ulfaa
qorannoo HIV argatan immoo 210,595 irraa
gara 234,167 guddataniiru. Reetiin daddarbiinsa HIV haadharraa gara daa'imaatti
18.8% irraa gara 12.7% tti gadi bu'eera. Dabalataanis namoonni 15,969 Hepatitis
B fi 33,312 Hepatitis C qoratamanii tajaajila argataniiru. Haa ta'u malee,
galma addunyaa 95-95-95, dhabamsiisa daddarbiinsa haadha irraa gara daa'imaatti
fi tajaajila gareewwan saaxilamoo cimsuun xiyyeeffannoo olaanaa ni argata.
3.7. Hoggansa
Balaa Tasaa Fayyaa Hawaasaa, Qorannoo
Waajjira Fayyaa Aanaa Kombolchaa waggoota darban
keessatti dandeettii hoggansa balaa tasaa fayyaa hawaasaa, sirna
faana-dhahiinsa dhukkubootaa fi deebii ariifachiisaa kennuu keessatti
fooyya'iinsa guddaa galmeessiseera. Haa ta’u malee, jijjiiramni qilleensaa,
sochiin uummataa, babal’inni magaalummaa, walitti bu’iinsi nageenyaa fi
dhukkuboonni haaraan mul’atan sababoota ta’uun balaa tasaa fayyaa hawaasaa
dabalaa jira. Weeraroonni akka busaa, koleeraa, gifiraa, MPOX fi dhukkuboonni
biroo yeroo gara yerootti mudachuun sirna qophii, akeekkachiisa duraa (Early
Warning), faana-dhahiinsaa fi deebii ariifachiisaa caalaatti cimsuun
barbaachisaa ta’uu agarsiiseera.
Dhibeen busaa waggoota hedduuf gadi bu’aa kan
ture ta’us, waggoota muraasa darban keessatti Aanaalee fi magaalota hedduu
keessatti bifa weeraraatiin deebi’ee mul’ateera. Kanaan walqabatee hojiiwwan
qorannoo fi yaalaa babal’isuu, raabsa saaphana siree, biifaa keemikaala farra
bookee busaa (IRS), leenjii fi bobba’insa gareewwan deebii ariifachiisaa (Rapid
Response Teams), akkasumas hojii hubannoo hawaasaa bal’inaan hojjetameera.
Haaluma wal fakkaatuun, weerarri koleeraa waggoota kurnan darban keessatti
yeroo gara yerootti mudatus, qindoomina damee hedduu, qulqullina bishaanii fi
naannoo, leenjii fi bobba’insa RRT, akkasumas hordoffii fi deebii ariifachiisaa
cimaan reetiin du’aatii dhibee kanaa ulaagaalee Dhaabbata Fayyaa Addunyaa
(<1%) gadi akka turu taasifameera.
Dhibee gifiraa (Measles) fi laamsheessaa (Polio)
ittisuuf duulawwan talaallii marsaa marsaan gaggeeffaman, sakatta’iinsa
shakkamtootaa fi qorannoo laaboraatoorii cimsuun dandeettiin sirna
faana-dhahiinsaa fooyya’eera. Akkasumas, weerarri MPOX yeroo jalqabaaf bara
2017 Magaalaa Moyyaaleetti mul’achuun namoota shakkaman 308 keessaa namoota 18
irratti mirkanaa’ee du’aan tokko galmaa’ee ture gara Aanaa keenyaa akkaa hin babalanee hojiin
ittisa fi to’annoo bal’aan hojatameen Deebii kanaaf kennameen qindoominni
qaamolee mootummaa, hordoffii walitti dhiyeenya namootaa (contact tracing),
leenjii ogeessotaa fi hubannoon hawaasaa cimeen to’aachuun danda’aameera.
Weerarri Marburg Viral Disease (MVD)
Aanaa keenyaa keessatti hin mul’anne ta’us, sababa naannolee biroo
keessatti mul’ateen qophii cimaa taasifameera. Hospitaalonni 7 tajaajila yaalaa
kennuuf qophaa’anii, wiirtuuleen adda baasaa fi tursiisaa hundeeffamanii,
ogeeyyiin fayyaa 30 ol ta’an leenjii argatanii fi ogeeyyiin miidiyaas
leenjifamuun sirni qophii balaa tasaa cimeera.
Sirni faana-dhahiinsa dhukkubootaa (Integrated
Disease Surveillance and Response-IDSR) waggoota darban keessatti fooyya’iinsa
guddaa agarsiiseera. Lakkoofsi dhukkuboota fi balaa tasaa hordofaman 20 irraa
gara 37tti guddatee, gabaasni guutuu fi yeroo isaa eeggate bara 2018tti wal
duraa duubaan 94% fi 92% gaheera. Akkasumas sirni Faana-dhahiinsa Du’aatii
Haadholii fi Daa’immanii (Maternal and Perinatal Death Surveillance and
Response MPDSR) sadarkaa hawaasaa fi dhaabbilee fayyaatti babal’atus, guutummaa
fi qulqullinni gabaasaa, akkasumas fayyadamiinsi ragaa murtoo keessatti hanqina
qaba.
3.9.1
Gaggeessummaa, Hoggansa fi Bulchiinsa Sirna Fayyaa
Gaggeessummaa,
hoggansaa fi bulchiinsi sirna fayyaa bu’uura hojii sirna fayyaa hundaati. Sirni
hoggansaa cimaa ta’e karoora qopheessuu, qabeenya sirnaan bulchuu, tajaajila
qulqullina qabu kennuu, itti gaafatamummaa cimsuu fi murteewwan ragaa irratti
hundaa’an kennuuf gahee murteessaa qaba. Kanaaf, dandeettiin hoggansaa fi
bulchiinsaa sirna fayyaa cimuun hojii tajaajila fayyaa hundaa irratti dhiibbaa
kallattii qaba.
Waggoota kudhan darban
keessatti Aanaa keenyaa keessatti
mootummaa fi michoonni misoomaa tarsiimoo ijaarsa dandeettii hoggansaa irratti
hojii bal’aa hojjetaniiru. Hojiiwwan kunneen Karoora Misooma Seektara Fayyaa
(HSDP IV fi HSTP I) jalatti gaggeeffamaa turuun dandeettii hoggantoota sadarkaa
Bulchiinsa Magaalaa, Aanaa fi dhaabbilee fayyaa cimsuu irratti
xiyyeeffataniiru. Leenjiileen Leadership, Management and Governance (LMG)
bal’inaan kennamuun hoggantoonni dandeettii karoorsuu, raawwachiisuu, hordoffii
fi madaallii, akkasumas rakkoo hiikuu irratti beekumsa isaanii guddisaniiru.
Dabalataanis,
Bulchinsaa Godinichaa keessatti hirmaannaa dubartootaa hoggansa keessatti
guddisuuf sagantaan Women Leadership, Management and Governance (Women-LMG)
hojii irra ooleera. Sagantaan kun dandeettii hoggansaa dubartootaa cimsuun qofa
osoo hin taane, bakka bu’ummaa isaanii murteewwan sirna fayyaa keessatti
dabaluuf gumaacha guddaa taasiseera. Bu’aan hojii kanaas hirmaannaan dubartootaa
sadarkaa hoggansaa gara **18%**tti akka guddatu taasiseera. Ta’us, yeroo
ulaagaalee mootummaa fi galma walqixxummaa koorniyaa waliin madaalamu,
hirmaannaan kun ammallee gadi aanaa ta’ee jira.
Sirna bulchiinsa
dhaabbilee fayyaa cimsuuf boordiin dhaabbilee fayyaa sadarkaa hospitaalotaa fi
Bufataa fayyaati hundaa’ee hojii irra ooleera. Boordiin kun karoora dhaabbilee
ragaa irratti hundaa’een qopheessuu, raawwii hordofuu, bulchiinsa qabeenyaa fi
faayinaansii fooyyessuu, akkasumas itti gaafatamummaa hawaasaa cimsuu keessatti
shoora olaanaa taphateera. Haa ta’u malee, gahumsi boordii dhaabbilee hundaa
walqixa miti. Bakka tokko tokkotti leenjii gahaa dhabuu, wal jijjiirraan
miseensotaa baay’achuu fi hordoffiin laafuun hojii isaanii irratti dhiibbaa
geessiseera.
Riifoormii sirna
fayyaa keessatti hojiiwwan akka Evidence-Based Care (EBC) fi System Bottleneck
Focused Reform (SBFR) hojii irra ooluun qulqullina kenniinsa tajaajilaa
fooyyeessuu keessatti bu’aa gaarii galmeessiseera. EBC'n murteewwan yaalaa
ragaa saayinsii irratti hundaa’an akka kennaman deeggaruun garaagarummaa
kenniinsa tajaajilaa hir’iseera. SBFR immoo hudhaalee hojii keessatti mul’atan
adda baasuun furmaata sirnaawaa kennuuf gargaareera. Kanaanis yeroo eegumsaa
maamiltootaa hir’isuu, itti fayyadama qabeenyaa fooyyessuu fi tajaajila itti
fufiinsa qabu kennuu keessatti jijjiiramni mul’ateera.
Sirna bulchiinsa
gaarii cimsuuf qajeelfamoonni garaagaraa qophaa’anii hojii irra oolaniiru.
Keessumaa Health Facility Standard Initiative diriirsuun dhaabbilee fayyaa
heduu keessatti qulqullina naannoo hojii, nageenya tajaajilaa, bulchiinsa
dhaabbataa fi itti quufinsa maamiltootaa fooyyeessuun danda’ameera. Dhaabbileen
fayyaa 109 ol ta’an istaandaardii kana
hojii irra oolchuu jalqabaniiru. Kunis qulqullina dhaabbilee fayyaa madaaluu fi
wal dorgomsiisuuf bu’uura gaarii ta’ee jira.
Kana waliin
walqabatee, sirni karoora tokko, baajata tokko fi gabaasa tokko (One Plan,
One Budget and One Report) hojii irra ooluun qindoomina hojii cimsuu
keessatti shoora olaanaa taphateera. Sirni kun karoora, baajata fi gabaasa
dhaabbilee garaagaraa wal simsiisuun qabeenya sirnaan fayyadamuuf gargaareera.
Haa ta’u malee, yeroo
ammaa rakkooleen bu’uuraa hedduun mul’achaa jiru. Tokkoffaa, qajeelfamoonni fi
imaammatonni hedduun yeroo isaanii eeggatanii hin haaromfamne. Jijjiiramoota
haaraa sirna fayyaa, dijitaalessuu fi riifoormii mootummaa waliin wal simuun
haaromfamuu qabu ture. Lammaffaa, sirni itti gaafatamummaa fi raawwii hojii
bakka hundatti walqixa hojii irra hin oolle. Sadarkaa tokko tokkootti
murteewwan ragaa irratti hundaa’an osoo hin taane muuxannoo dhuunfaa irratti
hundaa’uun kennamaa jiru. Kunis gahumsa hojii irratti dhiibbaa geessisaa jira.
Rakkoon biraa
hirmaannaa dubartootaa fi dargaggootaa hoggansa keessatti gadi aanaa ta’ee
hafuu dha. Akkasumas, wal jijjiirraan hoggantootaa yeroo gabaabaa keessatti
baay’achuun itti fufiinsa hojii irratti dhiibbaa geessisaa jira. Hoggantoonni
haaraan yeroo dheeraa fudhachuu fi dandeettii barbaachisu horachuun isaanii
yeroo waan fudhatuuf, hojii tarsiimoo tokko tokko gufachiisaa jira.
Yeroo ulaagaalee
Addunyaa Fayyaa (WHO) fi Karoora Jijjiiramaa Seektara Fayyaa (HSTP II) waliin
wal bira qabamee ilaalamu, sirna
hoggansaa bu’aa irratti xiyyeeffate (Results-based management),
bulchiinsa dijitaalaa (digital governance), sirna to’annoo keessaa
(internal control), bulchiinsa hojii irratti hundaa’e (performance management)
fi sirna itti gaafatamummaa ammayyaa guutummaatti diriirsuun hojii guddaa hafee
jira.
Kanaaf, waggoota
shanan dhufan keessatti xiyyeeffannoon mootummaa naannoo hoggansa sirna fayyaa
ammayyeessuu, qajeelfamoota haaromsuu, leenjii LMG fi Women-LMG babal’isuu,
sirna boordii dhaabbilee fayyaa cimsuu,Hogansa hospitaaloota sirna irratti
hunda’e cimsuu, murteewwan ragaa irratti hundaa’an sadarkaa hundatti hojii irra
oolchuu, akkasumas sirna bulchiinsa hojii bu’aa irratti hundaa’e diriirsuu
irratti ta’uu qaba. Kunis Karoora Of-danda’uu keessatti sirna fayyaa iftoomina,
itti gaafatamummaa, gahumsa fi itti fufiinsa qabu ijaaruuf bu’uura murteessaa
ta’a.
3.9.2. Qabeenya
Namaa Fooyyessuu (Human Resources for Health)
Humni namaa fayyaa bu’uura sirna fayyaa cimaa, of-danda’aa fi itti
fufiinsa qabu ijaaruuf qabeenya murteessaa dha. Baay’inni, qulqullinni,
gahumsii fi raabsi ogeessota fayyaa kallattiin qaqqabummaa, qulqullinaa fi
bu’a-qabeessummaa tajaajila fayyaa irratti dhiibbaa olaanaa qaba. Kanaaf, misoomni humna namaa fayyaa tarsiimoo ijoo
ta’ee waggoota darban keessatti xiyyeeffannoo olaanaa argatee hojii bal’aan
irratti hojjetamaa tureera. Babal’inni dhaabbilee fayyaa, guddinni baay’ina
uummataa, daballiin fedhii tajaajilaa fi babal’ina paakeejota tajaajila fayyaa
haaraa waliin walqabatee fedhiin ogeessota fayyaa waggaa irraa gara waggaatti
dabalaa dhufeera. Kana deebisuuf mootummaa naannichaa, Ministeera Fayyaa,
Yunivarsiitoota mootummaa fi dhuunfaa, akkasumas Koolleejjota Saayinsii Fayyaa
waliin ta’uun hojii oomisha, qaxaraa, leenjii, ijaarsa dandeettii fi
fooyya’iinsa bulchiinsa humna namaa irratti invastimantii guddaan taasifamaa tureera.
Waggoota kudhan darban keessatti lakkoofsi humna namaa fayyaa mootummaa
haala jajjabeessaa ta’een dabaleera. Bara 2009tti hojjettoonni seektara
fayyaa Aanaaa 2453 turan bara 2018tti
gara 6275 tti guddachuun waggoota kudhan keessatti daballii %64.9 agarsiiseera.
Guddinni kun dameewwan ogummaa garaagaraa keessatti mul’atus, saffisa babal’ina
dhaabbilee fayyaa, guddina baay’ina uummataa fi daballii tajaajila barbaadamu
waliin yeroo madaalamu fedhii jiru guutummaatti deebisuu hin dandeenye. Bara
2018tti humni namaa mootummaa fi dhuunfaa walitti ida’amee 8799 gaheera;
keessaa mootummaa keessatti %79.1 fi damee dhuunfaa keessatti %20.9 hojjechaa
turan. Kunis hirmaannaan damee dhuunfaa oomishaa fi hojii humna namaa fayyaa
keessatti guddachaa dhufuu agarsiisa. Haa ta’u malee, uwwisni caasaa mootummaa
%57.83 qofa ta’uun iddoowwan hojii hedduun guutamuu dhabuu fi hanqinni humna
namaa sadarkaa hundatti akka itti fufu agarsiisa.
Gosa ogummaa adda addaatiin yeroo ilaalamu guddinni guddaan naarsotaa
irratti mul’ata. Lakkoofsi naarsotaa bara 2012 irraa gara bara 2018tti %38.1
dabaleera. Midwaayifonni fi Health Officers illee guddina muraasa
galmeessaniiru. Garuu rakkoon guddaan ogeessota yaalaa sadarkaa olaanaa irratti
mul’ata. Lakkoofsi GP bara 2012 keessa 33 ture bara 2018tti gara 76 tti ta’us
baay’ina uummataa fi babal’ina dhaabbilee fayyaa waliin yeroo madaalamu
hanqina cimaa agarsiisa. Lakkoofsi GP fi ogeessota ispeeshaalistii walitti ida’amanii
daballii xiqqaa qofa (%1.6) agarsiisuun fedhii sirna fayyaa ammayyaa guutuu
akka hin dandeenye mul’isa. Hanqinni ogeessota yaalaa sadarkaa olaanaa kun
tajaajila hospitaalota sadarkaa lammaffaa fi sadaffaa, akkasumas tajaajiloota
addaa irratti dhiibbaa guddaa geessisaa tureera.
Leenjii fi ijaarsa dandeettii humna namaa irratti hojii bal’aan
hojjetameera. Waggoota saddeettan darban keessatti ogeessota fayyaa 3421 oliif
carraan barnootaa sadarkaa Hojjetaa Ekisteenshinii Fayyaa irraa hanga PhDtti
kennamuu danda’eera. Kunis dandeettii ogeessotaa fooyyessuu, ogeessota sadarkaa
olaanaa oomishuu, akkasumas gahumsa hoggansaa fi bulchiinsa sirna fayyaa cimsuu
keessatti shoora guddaa taphateera. Haa ta’u malee, oomishni ogeessotaa fi
fedhiin sirna fayyaa yeroo hunda wal hin simne. Dameewwan akka Anaesthesia,
Emergency Medicine, Critical Care, Oncology, Psychiatry, Family Medicine fi
Biomedical Engineering keessatti hanqinni ogeessotaa cimaa ta’ee itti fufeera.
Kunis tajaajiloota addaa fi walxaxaa babal’isuu keessatti gufuu ta’ee jira.
Rakkoon biraa sirna humna namaa keessatti mul’atu raabsa ogeessotaa
walqixa ta’uu dhabuudha. Ogeessotni hedduun magaalota guguddoo fi dhaabbilee
fayyaa sadarkaa olaanaa keessatti walitti qabamu; yeroo ta’u , aanaalee
baadiyyaa fagoo fi Aanalee horsisee bula
keessatti hanqinni humna namaa cimaa ta’ee itti fufeera. Garaagarummaan
kun walqixxummaa qaqqabummaa tajaajila fayyaa irratti dhiibbaa guddaa geessisaa
jira. Hanqinni mana jireenyaa, faayidaalee hojii gahaa dhabuu, carraa guddina
hojii xiqqaa, haala hojii mijataa dhabuu fi rakkoon nageenyaa sababoota ijoo
raabsi ogeessotaa walqixa akka hin taane taasisan keessaa muraasa.
Reeshiyoon ogeessa fayyaa fi uummataa waggoota darban keessatti
fooyya’iinsa agarsiiseera. Ta’us sadarkaa barbaadamu irraa baay’ee fagoo jira.
Bara 2018tti reeshiyoon GP fi uummataa 1:29,400, naarsii fi uummataa 1:2,200,
akkasumas midwaayifaa fi uummataa 1:8,900 ture. Akkasumas rukkinni humna namaa
fayyaa (Health Workforce Density) ummata 10,000 keessaa ogeessota filatamoo
6.13 qofa ta’uun ulaagaalee Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) kan ogeessota 45
ummata 10,000 irratti qabaachuu qabu jedhu irraa baay’ee gadi aanaa ta’ee jira.
Kunis sirni fayyaa Godinichaa hanqina humna namaa bu’uuraa akka qabu ifatti
agarsiisa.
Gabatee 3.9.2.2. Reeshiyoo Ogeessaa fi Ummataa
|
Agarsiiftuu |
Oromiyaa |
Ulaagaa |
|
GP: Ummata |
1:29,400 |
1:10,000 |
|
Nurse: Ummata |
1:2,200 |
1:1,000 |
|
Midwife : Ummata |
1:8,900 |
1:6,800 |
|
Health Workforce Density (per 10,000
population) |
6.13 |
WHO = 45 |
Gama tursiisa humna namaatiin waggoota jalqabaa keessatti fooyya’iinsi
mul’ateera. Daballiin mindaa, carraan barnootaa, deeggarsi waldaa mana
jireenyaa fi fooyya’iinsi bulchiinsa gaarii gadi-lakkisa ogeessotaa hir’isuuf
gumaacha taasiseera. Garuu bara 2016 booddee gadi-lakkisni ogeessotaa deebi’ee
dabaluun hanqinni humna namaa akka hammaatu taasiseera. Sababoonni ijoo kanaaf
ta’an mindaa gahaa dhabuu, carraa hojii fooyya’aa bakka biraa argachuu, kaka’umsa hojii gadi aanaa fi jijjiirraa
hojii yeroo baay’ee taasisuudha.
Xiinxalli haalaa akka agarsiisutti Godini Harargee Bahaa waggoota darban
keessatti baay’ina humna namaa guddisuu fi ijaarsa dandeettii irratti hojii
guddaa hojjettee jira. Haa ta’u malee, rakkoon sirnichaa yeroo ammaa baay’ina
qofaan kan daangeffame osoo hin taane gahumsa, qulqullina, raabsa walqixaa fi
bu’a-qabeessummaa humna namaa irratti kan xiyyeeffatu ta’uu isaa mul’isa.
Uwwisni caasaa mootummaa gadi aanaa ta’uun, hanqinni GP fi ogeessota
ispeeshaalistii, rukkinni humna namaa ulaagaalee idil-addunyaa irraa gadi aanaa
ta’uun, sirni bulchiinsa humna namaa ammayyaa guutummaatti diriirfamuu dhabuu,
iHRIS guutummaatti hojii irra ooluu dhabuu, sirni madaallii raawwii hojii
(Performance Management) laafaa ta’uu fi karoorri bakka bu’iinsaa (Succession
Planning) dhabamuun rakkoolee ijoo ta’anii itti fufaniiru.
Kanaafuu, Karoora Of-danda’uu waggoota shanan dhufan keessatti
xiyyeeffannoon guddaan karoora humna namaa ragaa irratti hundaa’e diriirsuu,
sirna iHRIS guutummaatti hojii irra oolchuu, oomisha GP fi ogeessota
ispeeshaalistii guddisuu, rukkinni humna namaa gara ulaagaalee biyyaalessaa fi
idil-addunyaatti akka dhiyaatu taasisuu, sirna tursiisa ogeessota baadiyyaa
cimsuu, bulchiinsa humna namaa bu’aa irratti hundaa’e hojii irra oolchuu,
leenjii itti fufiinsa ogummaa (CPD) babal’isuu, sirna bakka bu’iinsa hoggansaa
diriirsuu, Koolleejjota Saayinsii Fayyaa mootummaa gara dhaabbilee barnoota
olaanaa fayyaa sadarkaa guutuutti guddisuu fi tumsa mootummaa, yunivarsiitii fi
damee dhuunfaa cimsuun oomisha humna namaa qulqullina qabu mirkaneessuu irratti
ta’uu qaba.
Walumaagalatti, waggoota darban
keessatti humna namaa fayyaa baay’inaan guddisuu fi dandeettii isaa cimsuu
irratti hojii guddaa hojjettee jirti. Ta’us, hanqinni uwwisa caasaa, raabsa
walqixa hin taane, tursiisa ogeessotaa, gahumsa sirna bulchiinsa humna namaa fi
hanqinni ogeessota sadarkaa olaanaa ammallee rakkoolee ijoo ta’anii jiru.
Kanaaf waggoota shanan dhufan keessatti xiyyeeffannoon baay’ina humna namaa
guddisuu qofaan osoo hin taane qulqullina, gahumsa, walqixxummaa raabsa,
tursiisa fi sirna bulchiinsa humna namaa ammayyeessuu irratti ta’uun sirna
fayyaa of-danda’aa fi itti fufiinsa qabu ijaaruuf murteessaa ta’a.
3.9.3.
Bu’uuraalee Misoomaa
Bu’uuraalee misoomaa sirna fayyaa cimaa fi itti
fufiinsa qabu isa murteessaa dha. Dhaabbileen fayyaa sadarkaa hundatti
bu’uuraalee gahaa, meeshaalee ammayyaa fi teekinoolojii deeggaramu qabaachuun
qaqqabummaa, qulqullinaa fi bu’a-qabeessummaa tajaajila fayyaa murteessu. Kana
hubachuun akkaa Aanaati waggoota kudhan
darban keessatti mootummaa Federaalaa fi Naannoo, michoota misoomaa fi
invastaroota dhuunfaa waliin ta’uun babal’ina dhaabbilee fayyaa, haaromsa
bu’uuraalee misoomaa, dhiyeessa meeshaalee yaalaa fi babal’ina teekinoolojii
fayyaa irratti hojii bal’aa hojjechaa tureera.
Hojiiwwan kanaan lakkoofsi dhaabbilee fayyaa
mootummaa sadarkaa hundatti guddateera. Bara 2009 irraa eegalee hospitaalonni
mootummaa 5 irraa Bara 2018 gara 9 tti guddatanii daballii % 83 galmeessaniiru.
Keessumaa hospitaalonni sadarkaa jalqabaa 1 irraa gara 6 tti guddatanii
tajaajila yaalaa sadarkaa lammaffaa uummataaf dhiyeessuu keessatti gahee guddaa
taphataniiru. Buufataaleen Fayyaa 115 irraa gara 116 tti guddatanii, hojii
haaromsaa tajaajila sadarkaa bu’uuraa (PHCU) hordofuun Kellaa fayyaa hedduun
gara Kellaa fayyaa bu’uuraatti (Comprehensive Health Posts (CHP)tti jijjiiramaa
dhufaniiru.
Gabatee
3.9.3.1. Jijjiirama Dhaabbilee Fayyaa Mootummaa (2009–2018)
|
Agarsiiftuu |
2009 |
2018 |
Jijjiirama |
|
Hospitaalota Waliigalaa |
3 |
3 |
- |
|
Hospitaalota Jalqabaa |
1 |
6 |
+600% |
|
Buufataalee Fayyaa |
115 |
116 |
10+ |
|
Primary Health Posts |
542 |
475 |
Jijjiiramaa jira |
|
Comprehensive Health Posts |
0 |
14 |
Haarawaan hundeeffaman |
Babal’inni dhaabbilee fayyaa kun qaqqabummaa
tajaajila fayyaa fooyyessuuf bu’uura gaarii uumeera. Haa ta’u malee, guddinni
baay’ina uummataa, saffisa magaaloominaa fi babal’ina tajaajila fayyaa walxaxaa
waliin yeroo madaalamu, amma iyyuu hanqinni dhaabbilee fayyaa sadarkaa adda
addaa keessatti mul’ata. Aanalee baadiyyaa fi Horsisee Bula keessatti fageenyi
uummanni dhaabbilee fayyaa qaqqabuuf deemu ammallee olaanaa ta’ee jira.
3.9.4. Hoggansa Sirna Odeeffannoo Fayyaa (Health
Information System Governance)
Sirni odeeffannoo
fayyaa bu’uura murtee ragaa irratti hundaa’e kennuu, karoora qopheessuu,
raawwii hojii hordofuu fi itti gaafatamummaa mirkaneessuuf murteessaa dha.
Waggoota kurnan darban keessatti Waajjira Fayyaa Aanaa Kombolchaa keessatti
sirni odeeffannoo fayyaa sadarkaa hawaasaa irraa kaasee hanga dhaabbilee fayyaa
fi caasaalee bulchiinsaatti qindoominaan diriirfamaa dhufeera. Hojiirra oolmaan
qajeeltoo “Karoora tokko, baajata tokko fi gabaasa tokko” sirna karooraa,
baajataa fi hordoffii hojii walitti hidhuun bulchiinsa fayyaa ragaa irratti
hundaa’e cimsuu keessatti gahee olaanaa qabaateera.
Diriirsi HMIS, DHIS2,
CHIS, eCHIS fi EMR sirna odeeffannoo fayyaa ammayyeessuuf bu’uura cimaa
uumeera. Meeshaaleen gabaasaa istaandaardii, leenjii ogeessotaa fi diriirsi
sirna gabaasa tokkoon qulqullina odeeffannoo fi saffisa gabaasaa
fooyyessaniiru. Sirni eCHIS keessumaa sadarkaa hawaasaatti bal’inaan hojii irra
ooluun Aanalee Qonana Bula 12 , Aanalee Horsisee Bula 1, buufataalee fayyaa 72
fi keellaawwan fayyaa 347 keessatti babal’achuun maatii miliyoona 1.6 itti
lakkama’aan galmeessuu fi tajaajila
hawaasaa waliin walitti hidhuu danda’eera.
Qulqullina ragaa
fayyaa mirkaneessuuf tooftaaleen akka LQAS, RDQA fi mirkaneessa ragaa sadarkaa
hawaasaa hojii irra oolaniiru. Kanaanis qulqullinni gabaasaa (LQAS) 94.4%,
guutummaan gabaasaa 96% fi yeroo isaa eeggatee gabaasuun 74% irra gaheera.
Akkasumas, DHIS2 fi dashboordota dijitaalaa akka Power BI fayyadamuun
agarsiistotni fayyaa hordofamuu fi murteewwan ragaa irratti hundaa’an kennamuun
cimeera. Haa ta’u malee, itti fayyadama ragaa sadarkaa hundatti walqixa
taasisuu, dandeettii xiinxala ragaa cimsuu fi nageenya odeeffannoo fooyyessuun
ammallee hojii dursa kennamu barbaada.
Walumaagalatti, sirni
odeeffannoo fayyaa Waajjira Fayyaa Aanaa Kombolchaa waggoota darban keessatti
guddina guddaa agarsiisee jira. Haa ta’u malee, gara fuulduraatti sirnoota
dijitaalaa walitti hidhuu, qulqullina ragaa itti fufiinsaan mirkaneessuu, itti
fayyadama ragaa murtee hoggansaa keessatti cimsuu fi bulchiinsa odeeffannoo
ammayyeessuun Karoora Of-danda’uu waggoota shanan dhufanii keessatti hojii
tarsiimoo ijoo ta’uu qaba.
3.9.7.
Faayinaansiingii Fayyaa (Health Financing)
Faayinaansiingi fayyaa
bu’uura itti fufiinsa sirna fayyaa, qulqullina tajaajilaa fi of-danda’ummaa
dhaabbilee fayyaa mirkaneessuuf murteessaa dha. Waggoota darban keessatti akkaa
Waajjira Fayyaa Aanaa Kombolchaatti sirna faayinaansiingii fayyaa fooyyessuuf
riifoormiiwwan Health Care Financing Reform (HCFR), Inshuraansii Fayyaa
Hawaasaa (IFH/CBHI), galii keessaa dhaabbilee fayyaa guddisuu fi hirmaannaa
seektara dhuunfaa cimsuu irratti hojii bal’aan hojjetameera. Hojiileen kunneen
bulchiinsa qabeenyaa fooyyessuu, itti fayyadama galii keessaa guddisuu fi itti
fufiinsa tajaajila fayyaa cimsuu keessatti bu’aa gaarii argamsiisaniiru.
Keessumaa, babal’ina
Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa keessatti guddinni olaanaan galmaa’eera. IFH yeroo
ammaa aanaalee hunda keessatti hojii irra oolee jira. Lakkoofsi miseensota
sagantichaa abba Waraa 669,193 guddateera; galiin miseensummaa fi
kaffaltii tajaajilaa irraa walitti qabamuus waggaa waggaan dabalaa dhufeera.
Kunis maatiiwwan baasiin fayyaa isaan irra gahu hir’isuun, tajaajila fayyaa
yeroo barbaachisutti akka argatan fi dhaabbileen fayyaa galii dabalataa akka
qabaatan gumaacha taasiseera.
Gabatee
3.9.7.1. Agarsiiftuuwwan Ijoo Faayinaansiingii Fayyaa
|
Agarsiiftuu |
Haala
duraa |
Haala
amma jiru |
Jijjiirama |
|
Hojiirra
oolmaa IFH |
Xiqqaa |
Aanaalee
fi Bul/Magalaa 23 |
Uwwisa
guutuu |
|
Miseensota
IFH |
|
669,193
ol |
Babal’ina
guddaa |
|
Galii
IFH |
Mili
91 gadi |
Milion
778 ol |
Daballii
olaanaa |
|
Fayyadamtoota
IFH tajaajila argatan |
Xiqqaa |
Hanga
97% |
Fooyya’iinsa
guddaa |
|
Poolii
IFH |
Hin
jirre |
Aanaa keessatti hundaa’e |
Bulchiinsa
fooyya’aa |
Haa ta’u malee, sirni
faayinaansiingii fayyaa ammas qormaata ijoo qaba. Baasiin fayyaa nama tokkoof
ramadamu sadarkaa barbaadamu irra hin geenye; akkasumas baasiin fayyaa namni
dhuunfaa of irraa baasu (Out-of-Pocket Expenditure) ol’aanaa ta’ee jira. Kunis maatiiwwan
tokko tokko rakkoo maallaqaa fi hiyyummaa fayyaa irraa dhufuuf saaxiluu
danda’a. Akkasumas, dhaabbileen fayyaa galii keessaa maddisiisuu, bulchiinsa
baajataa fi itti fayyadama qabeenyaa irratti garaagarummaa qabu.
Gabatee
3.9.7.2. Rakkoo fi Kallattii Fooyya’insaa Faayinaansiingii Fayyaa
|
Rakkoo
Ijoo |
Ibsa |
Kallattii
Furmaataa |
|
Baajata
fayyaa gahaa dhabuu |
Baasiin
fayyaa nama tokkoof gadi aanaa ta’uu |
Daballii
faayinaansiingii mootummaa |
|
Hirkattummaa
deeggarsa alaa |
Itti
fufiinsa sagantaalee irratti dhiibbaa qaba |
Domestic
financing cimsuu |
|
OOP
ol’aanaa |
Maatiiwwan
irratti ba’aa maallaqaa fida |
Inshuraansii
fayyaa babal’isuu |
|
Galii
dhaabbilee fayyaa gadi aanaa |
Of-danda’ummaa
dhaabbilee hir’isa |
HCFR
cimsuu |
|
PPP
laafaa |
Invastimantii
dhuunfaa hin fayyadamne |
Tumsa
mootummaa fi dhuunfaa babal’isuu |
Walumaagalatti,
waggoota shanan dhufan keessatti xiyyeeffannoon faayinaansiingii fayyaa madda
galii keessaa babal’isuu, IFH fi HCFR cimsuu, baajata mootummaa fayyaaf
ramadamu guddisuu, sirna bulchiinsa baajataa ammayyeessuu fi hirmaannaa
seektara dhuunfaa guddisuu irratti ta’uu qaba. Kunis sirna fayyaa mootummaa
irratti hirkannaa hir’isuun sirna fayyaa of-danda’aa fi itti fufiinsa qabu
ijaaruuf murteessaa dha.
3.10. Sirna
Dhiyeessii Qorichaa, Meeshaalee Yaalaa fi Omishaa
Sirni dhiyeessii
qorichaa, meeshaalee yaalaa fi omishaa bu’uura qulqullina tajaajila fayyaa fi
nageenya dhukkubsataa mirkaneessuuf murteessaa dha. Waggoota darban keessatti
Waajjira Fayyaa Aanaa Kombolchaa keessatti sirna dhiyeessii qorichaa fooyyessuuf
hojiiwwan akka bulchiinsa qorichaa ammayyeessuu, Auditable Pharmaceutical
Transaction and Services (APTS), mana qorichaa hawaasaa fi sirna bulchiinsa
meeshaalee yaalaa cimsuu irratti xiyyeeffannoo kennuun hojjetameera.
Dhiyeessiin qorichoota
murteessoo dhaabbilee fayyaa keessatti bara 2009tti %60 ture bara 2018tti gara
%94tti guddachuun fooyya’iinsa guddaa agarsiiseera. Akkasumas, qisaasamni
qorichaa sirna bulchiinsa qorichaa fooyya’een %10 ol irraa gara %0.82tti gadi
bu’eera. Kunis hojii sirna kuusaa, raabsaa fi hordoffii qorichaa keessatti
fooyya’iinsa mul’ate agarsiisa.
Gabatee
3.10.1. Jijjiirama Dhiyeessii Qorichaa
|
Agarsiiftuu |
Ka’umsa |
Haala
amma |
Jijjiirama |
|
Argama
qorichoota murteessoo |
60% |
94% |
Fooyya’iinsa
guddaa |
|
Qisaasama
qorichaa |
>10% |
0.82% |
Hir’ina
olaanaa |
|
Dhaabbilee
APTS fayyadaman |
<
5 |
55 |
Babal’ina
sirnaa |
|
e-APTS |
Hin
jirre |
7
dhaabbata |
Dijitaala
ta’e |
Tajaajila faarmaasii
keessatti APTS fi e-APTS hojii irra ooluun iftoomina, hordoffii fi itti
gaafatamummaa bulchiinsa qorichaa cimsuuf gumaacha taasiseera. Akkasumas,
Antimicrobial Stewardship hojii irra ooluun itti fayyadama qorichoota farra
baakteeriyaa sirreessuuf gumaacha taasiseera.
Mana qorichaa hawaasaa
babal’isuun qaqqabummaa qorichaa hawaasaaf dabaleera. Bara 2010tti mana
qorichaa hawaasaa hin jirre irraa gara bara 2018tti 69tti guddateera. Kunis
hawaasa baadiyyaa fi fagoo keessatti tajaajila qorichaa dhiyeessuu keessatti
gahee olaanaa qaba.
3.10.6.
Bulchiinsa Meeshaalee Yaalaa fi Teeknooloojii
Waggoota darban
keessatti meeshaaleen yaalaa sadarkaa adda addaatti babal’achuun dandeettii
tajaajila yaalaa fooyyeesseera Digital X-ray, Ultrasound, babal’achuun
tajaajiloota sadarkaa olaanaa kennuu dandeessiseera.
Gabatee
3.10.2. Babal’ina Meeshaalee Yaalaa
|
Meeshaa |
Ka’umsa |
Haala
amma |
|
Digital
X-ray |
0 |
2 |
|
Ultrasound
Health Center |
6 |
84 |
|
CBC
Machine |
0 |
22 |
|
Chemistry
Machine |
0 |
18 |
Haa ta’u malee,
rakkoon guddaan sirna meeshaalee yaalaa keessatti mul’atu hanqina suphaa,
calibration, biomedical engineering fi asset management dha. Meeshaaleen
hedduun yeroo dheeraaf tajaajila ala turuun qulqullina tajaajilaa irratti
dhiibbaa geessisaa jira.
Gabatee
3.10.3. Haala Bulchiinsa Meeshaalee Yaalaa
|
Agarsiiftuu |
2010 |
2018 |
Jijjiirama |
|
Dhaabbii meeshaalee
yaalaa |
35 |
137 |
Daballii guddaa |
|
Suphaa meeshaalee
yaalaa |
67 |
534 |
Fooyya’iinsa guddaa |
|
Meeshaalee hojii irra
jiran |
54% |
88.9% |
+34.9% |
Cuunfaa fi Kallattii Tarsiimoo Waggoota
Shanan Dhufan
Xiinxalli haalaa akka
agarsiisutti, Waajjira Fayyaa Aanaa Kombolchaa keessatti sirni dhiyeessii
qorichaa, meeshaalee yaalaa fi bulchiinsi qabeenyaa waggoota darban keessatti
fooyya’iinsa guddaa galmeessiseera. Haa ta’u malee, itti fufiinsa sirnichaa
mirkaneessuuf hojii dabalataa barbaada.
Karoora
Of-danda’uummaa keessatti xiyyeeffannoon guddaan sirna bittaa fi dhiyeessii
dijitaaleessuu, APTS fi e-APTS babal’isuu, oomisha qorichaa fi meeshaalee
yaalaa biyya keessaa jajjabeessuu, biomedical engineering fi asset management
cimsuu, akkasumas sirna suphaa dursee ittisu (preventive maintenance) diriirsuu
irratti ta’uu qaba. Kunis sirna fayyaa
ofiin of deeggaru, itti fufiinsa qabu fi qulqullina tajaajilaa mirkaneessu
ijaaruuf bu’uura ta’a.
Bu’aa Argame
- Qulqullina odeeffannoo (completeness,
accuracy) dabale
- Yeroon turtii tajaajila yaalaa ni
gabaabbate (Waiting time reduced)
- Hordoffiin fayyadamtootaa fi ittifufiinsa
yaalaa fooyya’uu
- Murtiin ogeeyyii fayyaa ragaa irratti
hundaa’e jiraachuu
a. Babal’inna
tajaajila ashaaraa (biometry services)
Baroota dhufaan
keessaatti Keellaawwaan fayyaa keessatti tajaajila fayyaa ashaaraa (biometric
services) kennuu kan jalqabmuu . Sochii tajaajila ashaaraa Kanaan baasii waraaf
ba’u hambisuu bira darbee tajaajilamaan ragaan kee bade jechuun rakkatu kan
hambisuu ta’a
b. Fayyadama
sekuuritii kaameeraa mooraa Dh/Fayyaa keessati hojiira oolchuu
Hospitaalota fi
Buufata fayyaa keessaatti sochiiwwaan
adda addaa dhabbata fayyaa keessatti taasifamu hordofuuf seekuriitii kaameeraa
galchuun itti fayyadamuun eegalamee
jira.
2.6. Xiinxala Haala Keessaa fi Alaa (SWOT
Analysis)
Xiinxala
Haala Keessaa
|
Ciminaalee (Strengths) |
Hanqinaalee (Weaknesses) |
|
Kenna
Tajaajilaa: ·
Waggoota darban keessatti uwwisni fi qaqqabamummaan tajaajila fayyaa
bu'uuraa bal'inaan fooyya'eera. ·
Sirni Primary Health Care, Health Extension Program fi walitti
hidhamiinsi dhaabbilee fayyaa cimeera. ·
Tajaajiloonni RMNCAH-N, talaallii, HIV, TB, Malaria, WASH, Emergency
Care, Smart Start, ECD fi inisheetivoonni qulqullina tajaajilaa (Tsidu,
Compassionate, Respectful and Caring Services) hojii irra ooluun bu'aa gaarii
argamsiisaniiru. ·
Tajaajiloonni kanaan dura hospitaalota keessatti qofa kennaman akka ultrasound,
minor surgery fi tajaajiloonni adda addaa gara buufata fayyaatti
babal'ataniiru. |
·
Walqixxummaan tajaajilaa
Aanaaalee fi aanaalee gidduutti garaagarummaa qaba. ·
Tajaajiloonni sadarkaa olaanaa akka MRI, CT hospitaalota Aanaa keenyaa keessaati argamuu dhabuu. ·
Sirni referral fi feedback guutummaatti hin cimin; ·
Qulqullinni tajaajilaa dhaabbilee gidduutti garaagarummaa qaba; ·
Tajaajilli fayyaa sammuu, haaromsa qaamaa (rehabilitation) fi
tajaajilli dulloomtootaa bal'inaan hin babal'anne. |
|
Humna Namaa : ·
Qacarrii fi ramaddiin ogeessota fayyaa waggoota darban keessatti cimee
uwwisa humna namaa fooyyeesseera. ·
Sirni HRMIS, Professional
Licensing fi Continuous Professional Development (CPD) hojii irra ooluun
bulchiinsa humna namaa fi gahumsa ogeessotaa cimeesseera. ·
Sagantaaleen misooma hooggansaa (Leadership Development) dandeettii
hooggansaa fi raawwachiisummaa sadarkaa adda addaatti cimsaa jiru. ·
Leenjii dandeettii cimsuu fi walta’iinsi dhaabbilee barnootaa waliin
taasifamu ogeessota gahumsa qaban oomishuuf gumaacha olaanaa taasisaa jira. ·
Sirni bulchiinsa humna namaa
dijitaalaa fi qacarrii iftoomina qabu murtii ragaa irratti hundaa’e deeggaruu
jalqabeera.. |
·
Humna Namaa: ·
Oomishtummaan humna namaa (Workforce Productivity) dhaabbilee fayyaa
gidduutti garaagarummaa qaba; sirni hojii bu’aa irratti xiyyeeffate
guutummaatti hin dagaagne. ·
Karoorri bakka-bu’iinsa
hooggansaa (Succession Planning) fi misoomni hooggansaa sadarkaa hundaatti
sirnaan diriirfamee hojii irra hin oolle. ·
Wal madaalliin ogummaa ogeessotaa (Specialist Skill Mix) fedhii
tajaajilaa fi ba’aa dhukkubaatiin wal hin simne; hanqinni ogeessota ogummaa
addaa fi deeggarsaa itti fufeera. ·
Sirni bulchiinsa raawwii hojii
bu’aa irratti hundaa’e (Performance-Based Management) fi sirni kaka’umsa
hojjettootaa gahumsa barbaadamuun hojii irra hin oolle. ·
Hojii gadi lakkisuu, jijjiirraan
baay’achuu, facaatiin humna namaa walqixa ta’uu dhabuu fi hanqinni manneen
jireenyaa naannoo fagoo keessatti hojjettoota tursiisuu irratti dhiibbaa
geessisaa jira. ·
Hanqinni karoora humna namaa ragaa irratti hundaa’e qopheessuu fi
hojiirra oolchuu qaqqabamummaa fi qulqullina tajaajilaa irratti dhiibbaa
geessisaa jira. |
|
Sirna
Odeeffannoo Fayyaa: ·
DHIS2, eCHIS, EMR, eAPTS fi HRMIS hojii irra ooluun sirni odeeffannoo
fayyaa fooyya'eera. ·
Murtiin ragaa irratti hundaa'e, DQA/RDQA fi dashboard fayyadamuun
cimeera. ·
Dijitaalessuun qulqullina ragaa, gabaasaa fi hordoffii hojii
fooyyeesseera. ·
Dandeettiin ogeessota HIS leenjii fi deeggarsa ogummaatiin cimeera. |
·
Hanqinni bu'uuraalee ICT, ogeessota HIS/IT fi baajataa hojii dijitaalaa
irratti dhiibbaa geessisaa jira. ·
Interoperability, Full EMR fi data governance guutummaatti hin
milkoofne. ·
Hanqinni data analytics, evidence use, cyber security fi data privacy
itti fufeera. ·
Sirni suphaa, haaromsaa fi itti fayyadama teeknooloojii haaraa (AI fi
digital innovations) gahumsa barbaadamuun hin cimin. |
|
Qorichaa fi
Meeshaalee Yaalaa: ·
Manni Qorichaa Fayyaa Hawaasaa fi sirni dhiyeessa qorichaa
babal'ateera. ·
Sirni dijitaalaa (DAWA) fi bulchiinsi kuusaa qorichaa fooyya'eera. ·
Dhiyaannaan qorichoota bu'uuraa
fi suphaan meeshaalee yaalaa fooyya'iinsa agarsiiseera. ·
Dandeettiin bulchiinsa qorichaa fi qindoominni mootummaa, EPSS fi
michoota misoomaa cimeera. |
·
Hanqinni fi addaan cituun (stock-out) qorichoota bu'uuraa fi meeshaalee
yaalaa ·
Sirni forecasting, quantification fi inventory management gahumsa
dhabuu ·
Rakkoon loojistikii, kuusaa fi suphaa meeshaalee ·
Hanqinni baajataa fi sirni rational medicine use guutummaatti hin
fooyya'in. |
|
Faayinaansiingii
Fayyaa: ·
Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa (CBHI/IFH) fi domestic resource
mobilization cimeera. ·
Sirin grant management, audit fi bulchiinsa faayinaansii fooyya'eera. ·
• Qindoominni mootummaa, michoota misoomaa fi deeggartoota waliin
taasifamu cimeera. ·
|
·
Baajanni mootummaa fedhii seektarichaa guutuu hin dandeenye. ·
SHI hojii irra hin oolle; reimbursement CBHI/IFH yeroo isaa eeggatee
hin raawwatamu. ·
Baasiin hawaasaa ofii (Out-of-Pocket Expenditure) ammallee olaanaadha. ·
Deeggarsa alaa irratti hirkannaan fi gahumsi itti fayyadama qabeenyaa
hanqina qaba. |
|
Bulchiinsaa
fi Hoogansa: ·
Caasaan seektara fayyaa hanga sadarkaa gandaatti jirachuu. ·
Boordiin dhaabbilee fayyaa, Leadership & Management (LMG) fi
riifoormiiwwan bulchiinsa gaarii hojii irra oolaa jiru. ·
Murtiin ragaa irratti hundaa'e,
sirni hordoffii fi gamaaggamaa, akkasumas qindoominni michoota misoomaa
fooyya'aa jira. ·
Qindoominni sektaroota gidduu fi hirmaannaan hawaasaa fayyaa keessatti
cimee jira. |
·
Sirni itti gaafatamummaa (accountability), hojii bu'aa irratti hundaa'e
(performance management) fi iftoomina bulchiinsaa laafaa ta’uu ·
Dandeettiin hooggansaa, karoora tarsiimoo hojiirra oolchuu fi
jijjiirama hoogganuu sadarkaa adda addaatti garaagarummaa qabaachuu ·
Jijjiiramni hooggansaa yeroo baay'ee uumamuun itti fufiinsa hojii fi
raawwii tarsiimoo irratti dhiibbaa geessisaa jira. ·
Qindoominni sektaroota gidduu, bulchiinsi balaa (risk management) fi
dandamannaa balaa (institutional resilience) gahumsa barbaadamuun hin cimine ·
Hordoffiin, gamaaggamni fi fayyadama bu'aa madaallii hojii murtee fi
fooyya'iinsa tajaajilaaf walqixaan hojii irra oolchuu dhabuu. |
Xiinxala Haala Alaa
|
Carraa
(Opportunities) |
Sodaa
(Threats) |
|
·
Teeknooloojii
dijitaalaa, Artificial Intelligence (AI), Telemedicine fi Digital Health
babal'achaa dhufuun kenna tajaajila fayyaa fooyyessuuf carraa guddaa uumeera. ·
Xiyyeeffannoon mootummaa Universal Health
Coverage (UHC), Primary Health Care fi Digital Ethiopia irratti kenne
seektara fayyaaf deeggarsa cimaa uuma. ·
Babal'inni dhaabbilee fayyaa dhuunfaa,
Public–Private Partnership (PPP) fi invastimantii damee fayyaa dabalaa jira. ·
Babal'inni yunivarsiitiiwwanii, wiirtuu CPD
fi e-learning misooma humna namaa ni cimsu. ·
Oomishtoonni qorichaa biyya keessaa, digital
supply chain fi domestic resource mobilization babal'achaa jiru. ·
Hirmaannaan hawaasaa, deeggarsi michoota
misoomaa fi qindoominni sektaroota gidduu cimee jira. |
·
Jijjiiramni
qilleensaa, weeraroonni dhukkuboota haaraa fi deebi'anii mudatan, akkasumas
balaa uumamaa ·
Walitti bu'iinsi nageenyaa, godaansa
uummataa fi mancaatiin bu'uuraalee fayyaa ·
Hojjettoonni ogummaa qaban gara damee
dhuunfaa fi biyyoota alaa godaanuu ·
Qaalayiinsi jireenyaa, jijjiiramni dinagdee
addunyaa fi hir'ina baajataa itti fufiinsa faayinaansii fayyaa irratti
dhiibbaa geessisu. ·
Hanqinni qorichootaa, rakkoon dhiyeessaa
addunyaa, qorichaan walbaruun (AMR) fi qorichoonni qulqullina hin qabne
dabalaa jiru. ·
Rakkooleen cyber security, data privacy fi
hirkattummaan deeggarsa alaa dijitaalessuu sirna fayyaa irratti sodaa uumu. |
2.7. Rakkoolee fi Hudhaalee Ijoo
Waggoota shanan darban keessatti seektarri
fayyaa gama qaqqabamummaa fi babal’ina tajaajila fayyaatiin guddina
jajjabeessaa galmeessus, galmoota tarsiimoo hundaa guutummaatti milkeessuu
keessatti rakkoolee fi hudhaaleen hedduun itti fufanii turaniiru. Rakkooleen
kunneen walitti hidhamiinsa sirna fayyaa hunda irratti dhiibbaa geessisuun bu’a
qabeessummaa, qulqullinaa fi walqixxummaa tajaajila fayyaa daangessaniiru.
Rakkoon jalqabaa walqixxummaa tajaajilaa ture.
Garaagarummaan qaqqabamummaa fi qulqullina tajaajila fayyaa aanaalee baadiyyaa
fi magaalotaa gidduutti mul’ateera. Aanalee fageenyaa qaban keessatti
dhaabbileen fayyaa hedduun humna namaa gahaa, qorichaa fi meeshaalee yaalaa,
elektiriikii fi bishaan qulqulluu dhabuu irraa kan ka’e tajaajila guutuu kennuu
hin dandeenye. Kunis bu’aa fayyaa ummataa irratti garaagarummaa bal’aa uumeera.
Humni namaa fayyaa rakkoo guddaa ta’ee itti
fufeera. Lakkoofsi ogeessotaa dabalus, raabsi humna namaa walqixa hin taane,
jijjiiramni hojii (staff turnover), hojii dhiisuu, hanqinni ogeessota ogummaa
addaa, akkasumas dandeettiin hoggansaa fi bulchiinsaa dhaabbilee fayyaa tokko
tokko keessatti gadi aanaa ta’uun qulqullina tajaajilaa irratti dhiibbaa
geessiseera. Keessumaa ogeessota yaala addaa, ogeessota laaboraatorii,
ogeessota suphaa meeshaalee yaalaa fi ogeessota HIT irratti hanqinni mul’ataan itti fufeera.
Qaqqabamummaa fi qulqullinni tajaajila fayyaa
bu’uuraa fooyya’us, agarsiistonni ijoo tokko tokko galma barbaadame hin geenye.
Du’aatiin haadholii fi daa’immanii, hanqinni nyaataa daa’immanii, ulfaatinni
dhibee daddarboo fi dhibee hin daddarbine, akkasumas rakkoon fayyaa sammuu fi
miidhaan balaa geessisu rakkoo fayyaa ummataa ijoo ta’anii itti fufaniiru.
Akkasumas, fedhiin tajaajila fayyaa yeroo hunda dabalaa dhufus, dandeettiin
sirna fayyaa fedhii kanaaf deebii kennuu walqixa hin guddanne.
Sirni dhiyeessii qorichaa fi meeshaalee yaalaa
rakkoolee hedduu qabaatee ture. Hanqinni qorichoota bu’uuraa fi meeshaalee
yaalaa, harkifannaa dhiyeessii, rakkoo kuusaa fi raabsaa, akkasumas suphaa fi
tajaajila eegumsa meeshaalee yaalaa irratti hanqinoonni mul’ataniiru.
Dhaabbileen fayyaa hedduun meeshaalee ammayyaa qabaatanis tajaajilaaf oolchuu
fi suphuun rakkisaa ta’ee ture.
Qulqullinni tajaajilaa fi nageenyi
dhukkubsattootaa sadarkaa barbaadamu irra hin geenye. Sirni qulqullina
tajaajilaa, Infection Prevention and Control (IPC), Water, Sanitation and
Hygiene (WASH), bulchiinsa xurii yaalaa fi sirni to’annoo qulqullinaa
dhaabbilee fayyaa hunda keessatti walqixa hojiirra hin oolle. Kanaanis wal
qabatee infekshinoonni dhaabbilee fayyaa keessatti daddarban ittisuu fi
qulqullina tajaajilaa mirkaneessuun hojii guddaa ta’ee itti fufeera.
Sirni odeeffannoo fayyaa fi fayyadama ragaa
irratti hundaa’uun murtoo kennuus hanqinoota qabaatee ture. Qulqullinni ragaa,
guutummaan gabaasaa, yeroo gabaasni dhiyaatu, walitti hidhaminsa sirna
dijitaalaa fi dandeettiin ragaa irratti hundaa’uun karoorsuu fi murteessuun
dhaabbilee hedduu keessatti gadi aanaa ture. Kunis hordoffii raawwii fi
qoodinsa qabeenya irratti dhiibbaa geessiseera.
Gama mootummaa fi bulchiinsaatiin,
faayinaansiingiin fayyaa gahaa hin turre. Baajanni mootummaa, deeggarsi
michoota misoomaa fi galiin keessaa walitti makamuun illee fedhii dabalaa dhufe
guutuu hin dandeenye. Dabalataanis, qindoominni sektaroota garaagaraa,
hirmaannaa damee dhuunfaa, hawaasaa fi qaamolee biroo cimsuu keessatti
hanqinoonni mul’ataniiru.
Haalli alaa sirna fayyaa irratti dhiibbaa guddaa
geessiseera. Rakkoon nageenyaa, weerarri dhukkubootaa, hongeen, jijjiiramni
qilleensaa fi balaa uumamaa dhaabbilee fayyaa hedduu irratti miidhaa geessisuun
tajaajila fayyaa addaan kutuu fi fedhii tajaajila fayyaa dabaluun sirna fayyaa
irratti dhiibbaa cimaa uumaniiru. Akkasumas, ce’umsi epidemioloojii saffisaan
adeemaa jiru ba’aa dhukkuboota hin daddarbine, dulloomina ummataa fi fedhii
tajaajila yaalaa sadarkaa olaanaa dabaluun karoora tarsiimoo haaraa keessatti
xiyyeeffannoo addaa barbaachisaa taasisaniiru.
Walumaagalatti, rakkooleen kunneen walitti
hidhamiinsa cimaa kan qaban yoo ta’u, galmoota fayyaa uummataa milkeessuuf
qaqqabamummaa, qulqullina, walqixxummaa, of-danda’ummaa fi dandamachuu sirna
fayyaa cimsuun murteessaa ta’uu isaanii agarsiisu. Kanaafuu, Karoorri Tarsiimoo
bara 2019–2023 E.C. rakkoolee bu’uuraa kana hiikuuf sirna fayyaa cimsuu,
qabeenya namaa guddisuu, qulqullina tajaajilaa fooyyessuu, sirna dhiyeessii
qorichaa fi faayinaansiingii cimsuu, fayyaa dijitaalaa babal’isuu fi
dandamannaa sirna fayyaa balaa garaagaraaf guddisuu irratti xiyyeeffata.
Boqonnaa
Sadii: Kallattii Tarsiimoo
3.1.Sakatta'iinsa
Haala Mana Hojii
3.1.1. Aangoo
fi Gahee Hojii
Labsii Lakk.242/2014
qaamolee raawwachiiftuu
mootummaa naannoo oromiyaa irra deebiidhaan gurmeessuu, aangoo fi hojii isaanii
murteessuuf bahe irratti hundaa’udhaan aangoo fi hojiin ijoo Biiroo Fayyaa
Oromiyaatif kenname akkaata armaan gaditti tarreeffame jira.
1. Barnoota bu’uura fayyaa hawaasaaf
ni kenna; sagantaa ekisteenshinii fayyaa hojiirra ni oolcha;
2. Hospitaalota, buufataalee eegumsa
fayyaa, keellaawwan fayyaafi dhaabbilee qorannoo fayyaa ni gurmeessa; ni
babal’isa; ni bulcha; ijaarsa pirojektoota dhaabbilee fayyaa ni hordofa; ni
to’ata; bakka hanqinni jirutti tarkaanfii sirreeffamaa ni fudhata;
3. Dhaabbileen fayyaa Mootummaa
humna namaafi meeshaalee fayyaa barbaachisaa ta’aniin akka guutaman ni taasisa;
4. Qajeelfama kenniinsaafi
bulchiinsa tajaajila fayyaa qoratee ni qopheessa; yammuu hayyamamu hojiirra ni
oolcha; akka hojiirra oolu ni taasisa;
5. Boordii hospitaalaafi buufataalee
fayyaa keessatti akkaataa seeraatiin akka hundeeffaman ni taasisa; ni hordofa;
ni deeggara; akka hojiirraa gaggeeffaman ni taasisa;
6. Sagantaalee, pirojektotaafi
dhimmoota fayyaa ilaallatan irratti abbootii qabeenyaafi dhaabbilee miti
mootummaa waliin ni hojjata;
7. Abbootii qabeenyaa biyya keessaa
fi biyya alaa hoospitaala, buufata eegumsa fayyaa, kilinika fayyaa,
laaboraatoriifi faarmaasii hundeessaniif hayyama ni kenna; kanneen qaama
biraatiin kennameef dabalatee sadarkaafi qulqullina bahe eeganii hojjachuu
isaanii ni to’ata;
8. Leenjii koollejjota fayyaa
Mootummaa keessatti kennamu ulaagaalee Biiroo Barnoota Leenjii Teekiniikaafi
Ogummaa Mootummaatiin qophaa’e irratti hundaa’uun akka kennamu ni taasisa; ni
hordofa; ni to’ata; deeggarsa barbaachisaa ta’e ni kenna;
9. Ogeessonni hojii tajaajila fayyaa
ummataa irratti bobba’an sadarkaa murteeffame guutuu isaanii ni mirkaneessa;
qulqullinniifi naamusni hojii eegamuu isaa ni to’ata
10. Ogeessota fayyaa koollejjii
saayinsii fayyaa mootummaa, dhuunfaa fi dhaabbilee miti- mootummaa irraa
eebbifamaniif hayyama hojii ogummaa ni kenna; leenjii hojiirraa ni qopheessa;
ni kenna;
11. Qorichi aadaafi tooftaaleen yaalaa
aadaa fayyisuun isaanii mirkanaa’e yaala hammayyaa waliin wal simanii hojiirra
akka oolan ni taasisa;
12. Qoricha bu’uraa qulqullinniifi
sadarkaan isaa eegame raabsiin isaa hordofamee ummata akka dhaqqabu ni taasisa;
13. Hojii haayijiniifi saaniteeshinii
ummata keessatti ni gaggeessa;
14. Tajaajilootni dhukkuba daddarbaa
ittisuufi dhabamsiisuuf gargaaran akka kennamaniifi tarkaanfiiwwan biroo
barbaachisaa ta’an akka fudhataman ni taasisa
15. To’annoo kuwaaraantiinii fayyaa
ummataa eeguuf taasifamu irratti ni hirmaata;
16. Dhibeewwan hanqina qulqullina
bishaanii irraa maddan fayyaa hawaasaa irratti miidhaa akka hin dhaqqabsiisne
haala itti fayyadama bishaanii irratti barnoota ni kenna; qulqullina isaa ni
to’ata; akka to’atamu ni taasisa;
17. Iddoo nyaataa, dhugaatiifi kanneen
biroo itti oomishamuufi qophaa’u, akkasumas kuufamu fayyaa namaa fi Naannoo
irratti miidhaa kan hin dhaqqabsiisne ta’uu isaa ni mirkaneessa; ni to’ata;
qaama dhimmi ilaalu waliin tarkaanfii barbaachisaa ni fudhata;
18. Balfa dhangala’oofi gogaa,
hafteewwan oomisha warshaaleefi magaalaa keessaa bahan fayyaa hawaasa naannoo
irratti rakkoo akka hin uumne too’annoo ni raawwata; tarkaanfii sirreeffamaa ni
fudhata;
19. Laaboraatorii maddi dhukkubaa
itti qoratamu, too’annoo qulqullina nyaataafi dhugaatii qorichaa keessatti
gaggeeffamu ni hundeessa; ni bulcha;
20. Baankii dhiigaa ni hundeessa; ni
bulcha;
21. Dhaabbilee tajaajila fayyaan
walqabatan ilaalchisee waraqaa gahumsaa ni kenna; ni to’ata;
22. Akkaataa imaammataafi tarsiimoo
barnoota leenjii teeknikaafi ogummaatiin kollejjoota saayinsii fayyaa mootummaa
ni hundeessa; ni bulcha;
23. Qoricha sammuu adoochaniifi
araada adda addaa fayyaa hawaasaa miidhan ni to’ata; hawaasni akka itti hin
fayyadamne hubannoo ni uuma;
24. Sagantaan karoora maatii akka
hojiirra ooluu fi babal’atu ni hojjata;
25. Tajaajilli talaallii haadholee
yeroo ulfaafi umrii dahumsaa keessa jiraniifi dhukkuba daa’immanii ittisuuf
kennamu akka babal’atu ni taasisa;
26. Sababa ka’umsa dhukkubaafi
tooftaa ittisaa ni qorata; ni baasa; ni barsiisa; dhukkuba weeraraan ka’e
hordofuun too’annaa jala akka oolu ni taasisa;
27. Hospitaaloonnii fi buufataaleen
eegumsa fayyaa galii argatan boordii fi koree hooggansaatiin murteessisuun akka
itti fayyadaman deeggarsa barbaachisaa ni kenna; ni hordofa; ni to’ata;
28. Dubartootni fayyaa isaaniifi
hawaasaa eeguun misooma diinagdee keessatti gahee isaanii akka bahan haala ni
mijeessa;
29. HIV/AIDS'n akka hin babal’anne
tooftaan ittisaafi too’annoo cimee hojiirra akka oolu ni taasisa;
30. Namootni vaayirasii HIV/AIDS
waliin jiraatan, dhukkubsattootni HIV/AIDS, daa’imman sababa dhukkuba kanaan
maatii isaanii dhabaniifi miseensonni maatii kanneen miidhaan irra gahe haala
kunuunsa itti argachuu danda’an ni mijeessa;
31. Sadarkaa naannoo fi biyyaalessaatti
walitti dhufeenya hojiifi tattaaffiiwwan dhukkuba HIV/AIDS ittisuu fi
too’achuuf taasifaman ni deeggara; ni cimsa;
32. HIV/AIDS'n qorannoo
laboraatoriitiin haala beekuun nama dandeessisuufi hojimaatni sarviilaansii
cimaan hawaasa keessatti tamsa’ina vaayirasichaa hordofuu dandeessisu akka
jiraatu haala ni mijeessa; ni qindeessa; ni to’ata;
33. Dhaabbilee mootummaa,
miti-mootummaa, waldaaleefi namoota dhuunfaa sochii HIV/ AIDS ittisuufi
too’achuuf taasifamu keessatti hirmaatan waliin qindoominaan ni hojjata; deeggarsa
ni taasisa; ni to’ata;
34. Deeggarsi maallaqaafi kan biroo
akka argamu ni taasisa; dhaabbilee mootummaa, miti- mootummaa, waldaalee,
naamota dhuunfaafi koreen HIV/AIDS gandaa akkaataa karoora yookiin pirojektii
baafataniin seeraan akka argatan ni taasisa; ni hordofa; ni to’ata.
3.1.2.
Mul'ata,
Ergama fi Duudhaalee
Mul’ata (Vision): Uummata hundaaf jireenya fayya
qabeessa, umurii dheeraa fi badhaadhina qabu mirkaneessuu
Ergama (Mission)
Sirna fayyaa
Oromiyaa keessatti hoggansa gaarii, humna namaa gahaa, bu'uuraalee misoomaa
ammayyaa, faayinaansiingii itti fufiinsa qabu, sirna odeeffannoo ammayyaa,
dhiyeessii qorichaa fi meeshaalee yaalaa amanamaa, akkasumas qabeenya
mootummaa, hawaasaa fi damee dhuunfaa haala bu'a qabeessa ta'een fayyadamuun
tajaajila fayyaa qulqullina qabu, walqixxummaa fi bu'a qabeessummaa qabu
uummata hundaaf dhiyeessuudhaan of-danda'ummaa sirna fayyaa mirkaneessuu.
Kaayyoon waliigalaa sirna fayyaa gara of-danda'ummaa
faayinaansii, bulchiinsa gaarii, qabeenya namaa gahaa, bu'uuraalee misoomaa
ammayyaa fi kenniinsa tajaajila fayyaa qulqullina qabutti ceesisuudhaan fayyaa
uummataa fooyyessuu fi galma Universal Health Coverage (UHC) saffisiisuudha.
Raawwii Karoora
Of-danda'uu kana keessatti hojimaanni hundi duudhaa armaan gadiirratti
hundaa'a.
·
Walqixxummaa –
Tajaajilli fayyaa namoota hundaaf saala, umurii, bakka jireenyaa, sadarkaa
dinagdee ykn haala hawaasummaa osoo hin ilaalin haqa qabeessaa fi walqixa
ta’een ni kennama.
·
Qulqullinaa – Tajaajilli fayyaa
ragaa saayinsii fi istaandaardii irratti hundaa’ee nageenya maamilaa,
bu’a-qabeessummaa fi itti quufinsa hawaasaa ni mirkaneessa.
·
Itti-gaafatamummaa –
Qabeenyi mootummaa fi uummataa amanamummaa, iftoomina fi itti gaafatamummaa
guutuun ni bulfama; raawwiin hojii bu’aa irratti xiyyeeffatee ni gaggeeffama.
·
Of-danda'ummaa –
Sirni fayyaa qabeenya, dandeettii fi kalaqa biyya keessaa fayyadamuun, beekumsa ganamaa
(Indigenous Knowledge) fi mala fayyinaa hawaasaa ragaa saayinsii
waliin wal simsiisuun, maddoota faayinaansii babal’isuu fi hirkattummaa
deeggarsa alaa hir’isuun ofiin of deeggaruu fi itti fufiinsa isaa ni cimsata.
·
Kalaqaa – Kalaqaa, qorannoo,
teeknooloojii dijitaalaa fi mala hojii haaraa fayyadamuun rakkoolee sirna
fayyaa hiikuu fi qulqullina tajaajilaa yeroo hunda fooyyeessuun ni
jajjabeeffama.
·
Ogummaa – Hojjettoonni fayyaa
fi hoggantoonni naamusa ogummaa, amanamummaa, dandeettii hojii, barnoota itti
fufiinsaa fi kabaja maamilaa irratti hundaa’uun tajaajila gahumsaa fi
qulqullina qabu ni kennu.
·
Hirmaannaa – Hawaasni,
mootummaa, dameen dhuunfaa, michoonni misoomaa fi qooda fudhattoonni biroon
karoora, raawwii, hordoffii fi madaallii keessatti hirmaannaa hiika qabu ni
qabaatu.
·
Itti-fufiinsa
– Karoorri fi tajaajilli fayyaa qabeenya jiru bu’a qabeessaan fayyadamuun,
naannoo eeguun fi sirna fayyaa of-danda’aa dhaloota har’aa fi boruuf tursiisu
ijaaruuf ni qajeelfama.
3.1.3.
Qajeeltoowwan (Guiding
Principles)
Raawwiin karoora kanaa qajeeltoowwan armaan gadii irratti
hundaa'a.
3.1.4.
Dhimmoota hunda
galeessa (Cross-cutting Issues)
Dhimmoonni hundi galeesi akka walqixxummaa
koorniyaa, dargaggootaa fi daa’imman, hirmaachisummaa miidhamtootaa, hawaasa
dagataman fi iddoowwaan rakkoo keessa jiran, jijjiirama qilleensaa fi fayyaa
magariisummaa, fayyaa dijiitaaleessuu fi kalaqa, bulchiinsa gaarii fi ittisa
malaammaltummaa, hirmaannaa hawaasaa, fayyaa tokkoo (One Health) fi
nageenyummaa fayyaa (Health Security), karoora kana keessatti kutaa tarsiimoo fi
hojiiwwan hunda keessatti walitti makamuun hojiirra ni oolu. Dhimmoonni kunneen
walqixxummaa, itti fufiinsa, qulqullina tajaajilaa, nageenya fayyaa fi
mootummaa gaarii mirkaneessuuf bu’uura ta’anii ni tajaajilu.
3.1.5.
Koorniyyaa Idileessuu
Karoorri kun
dhimmoota koorniyaa sadarkaa karooraa, raawwii, hordoffii fi madaallii
keessatti guutummaatti hojii irra ni oola. Kaayyoo fi hojiiwwan tarsiimoo hundi
dhiibbaa isaanii dubartoota, dhiiraa, daa’immanii fi gareewwan saaxilamoo
irratti qaban xiinxaluun ni karoorfamu; raawwii isaaniis agarsiistota koorniyaa
irratti hundaa’uun ni hordofama. Agarsiistonni barbaachisoon saala, umurii fi
bakka jireenyaatiin addaan baafamanii ni gabaafamu; akkasumas baajanni
sagantaalee walqixxummaa koorniyaa fi tajaajiloota gareewwan adda addaa deebii
kennan deeggaran keessatti ni
karoorfama.
Hirmaannaan dubartootaa
hoggansa, murteessummaa fi bulchiinsa sirna fayyaa keessatti cimsamuun, carraan
walqixa ta’e hojii fi tajaajila keessatti akka argamu ni taasifama.
Tajaajiloonni fayyaa fedhii fi haala addaa dubartootaa, daa’immanii,
dargaggootaa, manguddootaa fi namoota miidhamtootaa giddugaleessa godhatan ni
babal’atu. Sagantaaleen ittisaa fi deebii miidhaa koorniyaa irratti hundaa’e
(GBV), eegumsa mirga walhormaataa, fi deeggarsa gareewwan saaxilamoo ni cimu.
Walumaagalatti, hordoffii fi
madaalliin karooraa agarsiistota koorniyaa irratti hundaa’uun akka gaggeeffamu
ni taasifama.
3.1.6.
Kaayyoo Tarsiimoo (Strategic Objectives)
Kun
kallattii hojii murteessuu, qabeenya ramaduu, hojiiwwan dursa qaban adda
baasuufi bu'aa (Outcomes) fi agarsiistota raawwii (KPIs) ittiin madaalaman
ifatti kaa'u.
Karoora
Of-danda'uu
Misooma Fayyaa keessatti Kaayyoo Tarsiimoo jechuun hojiiwwan
sirna fayyaa gara of-danda'ummaa,
itti fufiinsa, bu'a qabeessummaa fi qulqullina tajaajilaatti
ceesisan irratti kan xiyyeeffatan ta'u.
Bu'uuruma
xiinxala haalaa (Situation Analysis) fi Karoora Of-danda'uu irratti hundaa'uun,
kaayyoo tarsiimoo armaan gadii torba (7) kaa'uun ni danda'ama.
|
Toora Xiyyeeffannoo
(Strategic Pillar) |
Kaayyoo Tarsiimo’aa
(Strategic Objective) |
Bu’aa Tarsiimo’aa
Eegamu (Expected Strategic Outcome) |
|
1. Gaggeessummaa, Hoggansa fi Bulchiinsa Sirna Fayyaa
Cimsuu |
Sirna hoggansaa, bulchiinsaa fi itti gaafatamummaa
bu'aa irratti hundaa'e cimsuun sirna fayyaa of-danda'aa ijaaruu. |
Sirni hoggansaa fi bulchiinsaa iftoomina, itti
gaafatamummaa, murteewwan ragaa irratti hundaa'an fi riifoormii dhaabbataa
cimaa qabaata. |
|
2. Tajaajila Fayyaa Bu'uuraa fi UHC Cimsuu |
Tajaajila fayyaa qulqullina qabu, walqixa, hunda bira ga'uu
fi UHC saffisiisuun fayyummaa hawaasaa fooyyessuu. |
Uwwisni tajaajila fayyaa, qulqullinni tajaajilaa fi
haqa fayyaa ni fooyya'u; agarsiistonni fayyaa ijoo ni fooyya'u. |
|
3. Qabeenya Namaa Fayyaa Cimsuu |
Oomisha, bobbaasuu, raabsa, guddina dandeettii fi tursiisa
humna namaa fayyaa cimsuu. |
Humni namaa gahaa, ogummaa qabu, walqixa raabsame fi
hojii keessatti tursiifame ni jiraata. |
|
4. Bu'uuraalee Misoomaa, Qorichaa, Meeshaalee fi
Teeknoolojii Fayyaa Cimsuu |
Bu'uuraalee misoomaa, dhiyeessa qorichaa, meeshaalee
yaalaa fi teeknoolojii fayyaa ammayyeessuu. |
Dhaabbileen fayyaa bu'uuraalee guutuu, qoricha fi
meeshaalee gahaa, akkasumas teeknoolojii ammayyaa qabu ni ta'u. |
|
5. Faayinaansiingii Fayyaa fi Of-danda'ummaa Sirna
Fayyaa Cimsuu |
Madda mootummaa fi keessaa bal'isuun, HCFR, IFH (CBHI)
fi PPP cimsuun sirna faayinaansiingii itti fufiinsa qabu ijaaruu. |
Sirni faayinaansiingii fayyaa of-danda'aa, itti
fufiinsa qabu fi hawaasa irraa eegumsa maallaqaa kennu ni ijaarama. |
|
6. Sirna Odeeffannoo Fayyaa, Digital Health fi Qorannoo
Cimsuu |
Sirna odeeffannoo fayyaa, Digital Health, qorannoo fi
murteewwan ragaa irratti hundaa'an cimsuu. |
Ragaan qulqullina qabu yeroo isaa eeggate ni argama;
murteewwan ragaa irratti hundaa'an ni cimu; dijitaaleessuun ni babal'ata. |
|
7. Qophii, Ittisa fi Deebii Balaa Fayyaa Hawaasaa
Cimsuu |
Dandeettii ittisa, qophii fi deebii ariifachiisaa balaa
fayyaa cimsuu. |
Sirni qophii fi deebii balaa fayyaa cimaa ta'uun balaa
fi weerara saffisaan to'achuu danda'a. |
|
8. Walqixxummaa, Hirmaachisummaa fi Qulqullina
Tajaajilaa Cimsuu |
Walqixxummaa, hirmaachisummaa hawaasaa, qulqullina
tajaajilaa fi itti quufinsa maamilaa mirkaneessuu. |
Namoonni hundi walqixa tajaajila fayyaa qulqullina qabu
argatu; hirmaannaan hawaasaa fi itti quufinsi maamilaa ni dabala. |
3.1.7. Karoora
Misooma Off
Danda’uu Seektaraa fayyaa Bara 2019
3.1.7.1.Ka'umsa
Karoorichaa
Karoora Of-danda'uu Misooma
Fayyaa qopheessuuf yaadawwan bu’uuraa akka ka’umsaatti fudhataman keessaa
kallattii mootummaa Naannoo Oromiyaa badhaadhina maatii fi misooma dinagdee itti
fufiinsa qabu mirkaneessuuf kaa’e, qajeelfama Komishinii Karooraa fi Misooma
Oromiyaa, akkasumas xiinxala haala qabatamaa fi raawwii seektara fayyaa
waggoota darban irraa argame ni dabalata. Karoorichi Karoora Misoomaa fi
Invastimantii Seektara Fayyaa, imaammata mootummaa, inisheetivoota fayyaa fi
waadaa idil-addunyaa kanneen akka SDGs fi UHC waliin kan walsimudha.
Akkasumas, muuxannoo hojii,
milkaa’inaa fi hanqinoota waggoota darban irraa barnoota fudhachuun,
faayinaansiingii fayyaa itti fufiinsa qabu cimsuu, hirkattummaa deeggarsa alaa
hir’isuu, qabeenya keessaa maddisiisuu fi hirmaannaa hawaasaa guddisuu irratti
xiyyeeffata. Yaad-deebii Caffee Oromiyaa, qaamolee mootummaa, qooda
fudhattootaa fi uummataa, akkasumas argannoo hordoffii, gamaaggamaa fi odiitii
irraa argame akka bu’uuraatti fayyadama.
Walumaagalatti, karoorichi
murtee ragaa irratti hundaa’e deeggaruuf odeeffannoo sirna odeeffannoo fayyaa,
qorannoo fi xiinxala raawwii fayyadamuun sirna fayyaa of-danda’aa, walqixa fi
itti fufiinsa qabu ijaaruuf qophaa’eera.
3.1.7.2.Toora Xiyyeeffannoo Karoorichaa
Karoora Of-danda'uu Misooma
Fayyaa keessatti waggoota shanan dhufan keessatti sirni fayyaa gara
of-danda'ummaa, bu'a qabeessummaa fi itti fufiinsaatti ce'uuf toorawwan
xiyyeeffannoo tarsiimoo armaan gadii irratti hojii ni hojjetama.
1.
Faayinaansiingii Fayyaa Of-danda'aa fi Itti Fufiinsa Qabu
Karoorri kun sirna
faayinaansiingii fayyaa hirkattummaa deeggarsa alaa irraa gara faayinaansiingii
biyya keessaa fi itti fufiinsa qabuutti ceesisu irratti xiyyeeffata. Kana
keessatti ramaddii fi fayyadama bajata mootummaa fooyyessuun, Inshuraansii
Fayyaa Hawaasaa fi Inshuraansii Fayyaa Hojjettootaa cimsuun, sirna bittaa
tajaajila fayyaa tarsiimoo diriirsuun, akkasumas maddoota galii keessaa fi
invastimantii fayyaa babal'isuun dursa ni argata.
2.
Qabeenya Namaa Fayyaa Of-danda'aa Horachuu
Karoorri kun humna
namaa gahaa, ogummaa fi dandeettii qabu naannoon ofii isaa keessatti oomishuu,
leenjisuu, bobbaasuu fi tursiisuun of-danda'ummaa qabeenya namaa cimsu irratti
xiyyeeffata. Kanaafis dandeettii dhaabbilee leenjii fayyaa fi hundeeffama
Yuunivarsitii Saayinsii Fayyaa Oromiyaa cimsuun hojii ijoo ta'a.
3.
Uwwisa Tajaajilaa irraa Gara Uwwisa Bu'a Qabeessaa fi Qulqullina Tajaajilaatti
Ce'uu
Karoorri kun uwwisa
tajaajilaa qofa guddisuu irraa gara tajaajila qulqullina qabu, walqixa,
nageenya dhukkubsataa mirkaneessu fi bu'aa fayyaa fooyyeessu irratti
xiyyeeffata. Kana keessatti tajaajila uummata giddugaleessa godhate, sirna
qulqullina tajaajilaa fi fayyaa dijitaalaa babal'isuun murteessaadha.
4.
Dhaabbilee Fayyaa fi Bu'uuraalee Misoomaa Cimsuu
Karoorri kun
dhaabbilee fayyaa sadarkaa isaanii eeggatanii tajaajila kennan ijaaruu fi
bu'uuraalee misoomaa isaanii ammayyeessuu irratti xiyyeeffata. Kunis haala
rood-maappii bu’uuraalee misoomaa keessa ta’een ijaarsa, haaromsa, suphaa fi
meeshaalee yaalaa akkasumas teeknoolojii barbaachisoo guutuun dandeettii
dhaabbilee fayyaa cimsuu irratti ni xiyyeeffata.
5.
Bulchiinsa Gaarii, Hoggansa fi Riifoormii Sirna Fayyaa Cimsuu
Karoorri kun
bulchiinsa gaarii, hoggansa bu'a qabeessa fi sirna itti gaafatamummaa cimsuun
riifoormii sirna fayyaa saffisiisuu irratti xiyyeeffata. Sirni hoggansa
dhaabbilee fayyaa, bulchiinsa qabeenyaa, raawwii hojii fi murtoo ragaa irratti
hundaa'e akka cimu ni taasifama.
6.
Qindoomina Qooda Fudhattootaa fi Hirmaannaa Hawaasaa Cimsuu
Karoorri kun
mootummaa, hawaasa, damee dhuunfaa, dhaabbilee barnootaa fi michoota misoomaa
gidduutti qindoomina fi hirmaannaa cimsuun qabeenya, beekumsa fi deeggarsa
walitti fiduu irratti xiyyeeffata. Hojiiwwan michoota misoomaa karoora
mootummaa waliin wal simsiisuun abbummaa mootummaa fi itti gaafatamummaa ni
cimsama.
7.
Sirna Dhiyeessii, Loojistikii fi Oomishaalee Fayyaa Fooyyessuu
Karoorri kun sirna
dhiyeessii qorichaa, meeshaalee yaalaa fi oomishaalee fayyaa itti fufiinsa qabu
diriirsuu irratti xiyyeeffata. Kana keessatti sirna dhiyeessii adda addaa
fayyadamuu, oomisha biyya keessaa jajjabeessuu fi bulchiinsa loojistikii
ammayyeessuun dursa ni argata.
8.
Tajaajila Fayyaa Sadarkaa Bu'uuraa Walitti Qindaa'ee Cimsuu
Karoorri kun
sagantaalee faffaca'oo irraa gara sirna tajaajila walitti qindaa'ee fi itti
fufiinsa qabuutti ce'uu irratti xiyyeeffata. OHNEFI, Riifoormii Sagantaa Fayyaa
Hawaasaa Oromiyaa, sirna ol-ergii fi tajaajila fayyaa sadarkaa bu'uuraa cimsuun
bu'aa fayyaa uummataa fooyyessuu ni akeeka.
9.
Sirna To'annoo Fayyaa fi Nageenya Fayyaa Hawaasaa Cimsuu
Karoorri kun sirna
to'annoo qorichaa, meeshaalee yaalaa fi oomishaalee fayyaa, akkasumas sirna
nageenya fayyaa hawaasaa cimsuun qulqullina fi nageenya tajaajila fayyaa
mirkaneessuu irratti xiyyeeffata. Dandeettiin qaamolee to'annoo fi sirna
hordoffii ni cimsama.
10.
Sirna Qophii, Deebii fi Dandamannaa Balaa Fayyaa Hawaasaa Cimsuu
Karoorri kun sirna
qophii, ittisaa, deebii fi dandamannaa balaa fayyaa hawaasaa ammayyeessuu
irratti xiyyeeffata. Sirni akeekkachiisa duraa, hordoffii weeraraa, Emergency
Preparedness and Response fi fayyadama teeknoolojii keessatti dandeettiin sirna
fayyaa ni cimsama.
11.
Tajaajila Fayyaa Sadarkaa Olaanaa fi Addaa Babal'isuu
Karoorri kun tajaajila
fayyaa sadarkaa olaanaa fi addaa uummataaf dhaqqabamaa taasisuu irratti
xiyyeeffata. Kanaafis shariikummaa mootummaa fi damee dhuunfaa, invastimantii
fayyaa, teeknoolojii ammayyaa fi wiirtuuwwan yaalaa addaa babal'isuun tajaajila
sadarkaa olaanaa fooyyessuu ni akeeka.
3.1.7.3.
Kayyoo Tarsimoo, Bu’aawwan Tarsiimo'aa,
Hojiiwwan Tarsiimoo/gurguddoo/Inisheetivootaa fi Agarsiistuwwan Raawwii Ijoo
(KPI)
3.1.7.3.1.
KT1: Tajaajila Fayyaa Walitti
Hidhataa, Qulqullina Qabu fi Walqixa Ta’e, Sadarkaa umurii Jireenyaa Hunda
Keessatti Karaa Tajaajila Fayyaa bu’uuraa (PHC) tiin Dhaqqabamaa Taasisuu.
Kaayyoon tarsiimoo kun
sirna tajaajila fayyaa bu’uuraa akka bu’uura sirna fayyaa ta’etti cimsuun,
fedhii fayyaa hawaasaa, ba’aa dhukkubootaa fi haala naannoo irratti hundaa’uun
tajaajila fayyaa qulqullina qabu, walqixxummaa qabu fi itti fufiinsa qabu
uummata hunda biraan ga’uuf kan xiyyeeffatu dha.
Waggoota shanan dhufan
keessatti tajaajila fayyaa mana keessaa fi hawaasaa babal’isuu, hojjettoota
fayyaa gahumsa qaban ramaduu, dhaabbilee PHC dandeettii isaanii cimsuu,
qulqullina tajaajilaa fooyyessuu, sirna referral cimsuu, fayyadama ragaa fi
teeknoolojii dijitaalaa guddisuun deebii sirna fayyaa fedhii hawaasaa irratti
hundaa’e fooyyeessuun ni hojjetama.
Bu'aa Tarsiimoo 1: Sirna
Tajaajila Fayyaa Bu'uuraa (PHC) Cimsuu
Sirna Tajaajila Fayyaa Bu'uuraa
(PHC) cimsuun bu'uura sirna tajaajila fayyaa waan ta’eef tajaajila fayyaa
qulqullina qabu, walqixa, qaqqabamaa fi itti fufiinsa qabu sadarkaa maatii,
hawaasaa, keellaa fayyaa, buufata fayyaa fi hospitaala jalqabaa keessatti
kennamu mirkaneessu irratti xiyyeeffata. Kunis tajaajila ittisaa, dagaaginaa,
yaalaa, deebisanii ijaaruu fi kunuunsa dhukkubsattoota yeroo dheeraa walitti
hidhamiinsa qabu cimsuun fedhii fayyaa hawaasaa fi ba’aa dhukkubootaa irratti
deebii kennuuf kan kaayyeffate dha.
Waggoota shanan dhufan
keessatti sirni fayyaa hawaasaa ni haaromfama; tajaajilli mana manaa fi
hawaasaa ni babal’ata, ni cima; Hojjettoonni Ekisteenshinii Fayyaa gahaan ni
oomishamu, ni leenji’u, ni gahumsa ni horatu, ni onnechiifamu, hojii irra akka
turaniif ni hojjeama; dhaabbileen fayyaa bu’uuraa humna namaa, bu'uuraalee
misoomaa, qorichaa, meeshaalee yaalaa fi teeknoolojii dijitaalaatiin ni cimu.
Akkasumas walitti hidhamiinsi tajaajilaa (referral system), hirmaannaan
hawaasaa fi qindoominni roga hundaan jiru ni fooyya’u.
Kana milkeessuuf hojiiwwan
tarsiimoo armaan gadii ni raawwatamu:
- Sagantaa Fayyaa Hawaasaa fi Tajaajila Maatii cimsuun
tajaajila mana keessaa fi hawaasaa babal’isuu; sirna filannoo, ramaddii,
leenjii, mirkaneessa dandeettii, mentorship fi deeggarsa hojii Hojjettoota
Ekisteenshinii Fayyaa cimsuu.
- Tajaajila Fayyaa Hawaasaa Magaalaa fi Mana Barnootaa
babal’isuun fayyaa daa’immanii, dargaggootaa fi hawaasaa fooyyessuu.
- Hirmaannaa fi abbummaa hawaasaa cimsuun tola-ooltota
fayyaa, mootummaa, dhaabbilee amantaa fi hawaasa hirmaachisuun itti
gaafatamummaa hawaasaa guddisuu.
- Rifoormii Sagantaa Fayyaa Hawaasaa Oromiyaa hojii
irra oolchuun keellaa fayyaa humna namaa, bu’uuraalee misoomaa, qorichaa,
meeshaalee yaalaa fi teeknoolojiin cimsuu.
- Sagantaa OHNEF babal’isuun tajaajila fayyaa,
nyaataa, WASH fi eegumsa hawaasaa sadarkaa maatii fi hawaasaatti walitti
hidhuu; sirna dijitaalaa, hordoffii fi madaallii cimsuu.
- Dhiyeessii qorichaa, meeshaalee yaalaa, meeshaalee
qorannoo bu’uuraa fi galteewwan hojii sirna bulchiinsa dhiyeessii ammayyaa
ta’een yeroo barbaachisutti mirkaneessuu.
- Qophaa’ummaa dhaabbilee fayyaa bu’uuraa (PHC) fi
qulqullina tajaajilaa fooyyessuun bu’uuraalee misoomaa, sirna qulqullinaa,
boordii hoggansaa fi sirna yaada maamilaa cimsuu.
- Tajaajila kilinikaa, Hordooffii fi deggersaa,
mentorship, clinical audit fi Gamaagama hojii cimsuun qulqullinaa fi
nageenya tajaajilaa mirkaneessuu.
- Sirna odeeffannoo fayyaa hawaasaa dijitaalaa (eCHIS,
DHIS2 fi teeknoolojii biroo) babal’isuun murtee ragaa irratti hundaa’e
cimsuu.
- Sirna referral fi counter-referral sadarkaa mana
keessaa hanga hospitaalaatti cimsuun walitti hidhamiinsa tajaajilaa fi
hordoffii dhukkubsattootaa fooyyessuu.
- Kaka’umsa, badhaasa, carraa guddina hojii fi
tursiisa Hojjettoota Ekisteenshinii Fayyaa cimsuun hojii isaanii itti
fufiinsa qabu taasisuu.
- Qindoomina damee hedduu fi michoota misoomaa cimsuun
sababoota hawaasummaa fayyaa irratti hojii waloo babal’isuu.
Agarsiistota Bu’aa Ijoo
- Baay’ina tola-ooltota fayyaa hawaasaa leenjifamanii
hojii irra jiran 234 irraa gara 658tti guddisuu.
- Baay’ina Maatii Fayyaa Itti Fufiinsa Qabu 80,076
irraa gara 123,675 1tti guddisuu.
- Itti quufinsa maamilaa 90% ol guddisuu.
Bu’aa Tarsiimoo 3: Fayyaa
Haadholii, Daa’immanii fi Dargaggootaa Fooyya’e
Bu’aan tarsiimoo kun tajaajila
fayyaa haadholii, daa’immanii fi dargaggootaa sadarkaa maatii, hawaasaa fi
dhaabbilee fayyaa keessatti cimsuun fayyaa dhalootaa fooyyeessuuf kan
xiyyeeffatu dha. Hojiiwwan tarsiimoo keessatti tajaajila walhormaataa, ittisa
du’a haadholii fi daa’immanii, talaallii, nyaataa, fayyaa dargaggootaa fi
guddina daa’immanii walitti hidhuun bu’aa fayyaa uummataa itti fufiinsa qabu
mirkaneessuuf ni hojjetama. Kanaaf, waggoota shanan dhufan keessatti tajaajila
fayyaa walhormaataa, haadholii, daa’immanii fi dargaggootaa qulqullina,
qaqqabummaa fi itti fufiinsa qabuun kennamu cimsuun du’aatii fi rakkoo fayyaa
ittifamuu danda’an hir’isuuf xiyyeeffannoo olaanaa ni argata.
Inisheetivotaa fi Hojiilee Tarsiimoo (Strategic
Interventions)
Tajaajila
Fayyaa Walhormaataa fi Karoora Maatii Cimsuu keessatti, tajaajila karoora
maatii filannoo bal’aa, qulqullina qabu fi fedhii fayyaa hawaasaa irratti
hundaa’e babal’isuun xiyyeeffannoo ni argata. Akkasumas, tajaajila karoora
maatii da’umsaa boodaa (Postpartum Family Planning), hirmaannaa dhiiraa,
tajaajila fayyaa walhormaataa dargaggootaa mijataa fi ittisa ulfaa umurii malee
cimsuun ni hojjetama. Dabalataanis, tajaajila kunuunsa maseennummaa (Infertility
Care) fi gorsa walhormaataa sadarkaa adda addaatti babal’isuun qaqqabummaa fi
qulqullina tajaajilaa fooyyeessuuf ni hojjetama.
Fayyaa
Haadholii fi Tajaajila Da’umsaa Fooyyessuu keessatti, tajaajila ulfaa
duraa (ANC), da’umsaa nageenya qabu fi da’umsa boodaa (PNC) dhaabbilee fayyaa
fi hawaasa keessatti cimsuun xiyyeeffannoo olaanaa qabaata. Dandeettiin
dhaabbilee fayyaa tajaajila balaa da’umsaa (BEmONC fi CEmONC), mana eeggumsaa
haadholii fi sirna ergaa (referral system) ni fooyya’a. Akkasumas, sirni qorannoo
fi deebii du’a haadholii fi daa’immanii (MPDSR), akkasumas ittisaa fi yaalii
rakkoolee da’umsaa akka fistulaa fi rakkoo gadameessaa cimsuun bu’aa fayyaa
haadholii fooyyessuuf ni hojjetama.
Fayyaa
Daa’imman Reef-Dhalatanii fi Daa’immanii Cimsuu keessatti,
tajaajila NICU, KMC, newborn corner fi kunuunsa daa’imman reef-dhalatanii
babal’isuun du’aatii daa’imman reef-dhalatanii hir’isuuf ni hojjetama.
Tajaajila IMNCI, iCMNCI fi BFHI dhaabbilee fayyaa fi hawaasa keessatti cimsuun,
akkasumas tajaajila fayyaa daa’imman waggaa 5 gadiifi daa’imman umurii 5–14
irratti xiyyeeffate fooyyessuun ni hojjetama. Dabalataanis, tajaajila guddinaa
fi dagaagina daa’immanii (ECD) sirna fayyaa fi hawaasa waliin qindeessuun
guddina daa’immanii deeggaruuf ni hojjetama.
Talaallii fi
Ittisa Dhukkuboota Daa’immanii Cimsuu keessatti, karoora hojii talaallii, microplanning,
RED/REC fi tajaajila talaallii idilee cimsuun uwwisa talaallii guddisuuf ni
hojjetama. Daa’imman talaallii hin guunne (zero-dose fi under-vaccinated) adda
baasuun tajaajila isaanii akka argatan gochuun, akkasumas talaallii haaraa
seensisuun fi sirna hordoffii dhukkuboota talaalliin ittifaman fooyyessuun
ittisa dhukkubootaa cimsuuf ni xiyyeeffatama.
Fayyaa
Dargaggootaa fi Sagantaa Fayyaa Mana Barnootaa Cimsuu keessatti,
tajaajila fayyaa dargaggootaa mijataa dhaabbilee fayyaa fi hawaasa keessatti
babal’isuun fedhii fayyaa dargaggootaa deebisuuf ni hojjetama. Sagantaa fayyaa
mana barnootaa cimsuun tajaajila ittisaa, sakatta’aa fi gorsa fayyaa
babal’isuun, rakkoolee fayyaa dargaggootaa akka ulfaa umurii malee, rakkoo
fayyaa sammuu, fayyaa walhormaataa fi amala balaa qabu irratti xiyyeeffachuun
ni hojjetama.
Tajaajila Sirna Nyaataa Haadholii fi Daa'immanii fi Guddina Daa'imman
Waggota Jalqabaa (Nutrition and ECD) Fooyyessuu-
Karoorri of-danda'uu misooma fayyaa keessatti sirna nyaataa
haadholii fi daa'immanii fooyyessuun imaammata biyyaalessaa fi naannoo irratti
hundaa'uun kan karoorfame dha. Imaammatootni kunneen akka imaammata soorataa fi
nyaataa biyyaalessaa (National Food and Nutrition Policy) fi labsii Seqotaa
(Seqota Declaration) bu'uura godhachuun hojiiwwan tarsiimaa hedduun of
keessatti qabateera. Labsii Seqotaan waadaa guddaa mootummaa Itoophiyaa bara
2015 kaa'ame yoo ta'u, kunis daa'imman umurii waggaa lamaa gadii keessatti
qucarummaa (stunting) dhuma bara 2030'tti dhaabuu fi xumuruuf waadaa gale dha.
Labsii kun karaa sagantaa sektoroota sagal (Ministeerri Fayyaa, Qonnaa,
Barnootaa, Bishaanii fi Ibsaa, Dubartootaa fi Dargaggootaa, akkasumas)
hirmaachiisuun kan raawwatamu yoo ta'u, karoora waggaa 15'tti ramadame qaba.
Bara 2026-2030 immoo sadarkaa babal'inaa (Scale-Up Phase) jedhamuun beekama,
kunis karoora kana sadarkaa biyya guutuutti babal'isuuf qophaa'e dha.
Tarsiimoon soorataa fi nyaataa biyyaalessaa (Ethiopia Food and
Nutrition Strategy - FNS) bara 2021-2030'f qophaa'e kun tajaajila sirna nyaataa
addaa (nutrition-specific) fi tajaajila soorata waliin walqabatan
(nutrition-sensitive) of keessatti qabateera. Tarsiimoon kunis rakkoo hanqina
nyaataa hawaasa keessatti mul'atu furuuf qophaa'e dha.
Kaayyoowwan
- Tajaajila sirna nyaataa fi ECD marsaa jireenyaa
waliigalaa cimsuu fi babal'isuu
- Hanqina nyaataa haadholii, daa'imman reef-dhalatanii
fi daa'imman waggaa shanii gadii hir'isuu
- Guddina qaamaa, sammuu, miiraa fi hawaasummaa
daa'imman umurii 0-8 waggaa mirkaneessuu
- Daa'imman hundi tajaajila ECD fi nyaata gahaa akka
argatan mirkaneessuu
- Daa'imman saaxilamoo fi iddoo rakkoo keessa jiran
tajaajila ECD fi nyaata gahaa akka argatan gochuu
- Maatii fi hawaasa ECD fi sirna nyaataa irratti
hirmaachiisuu fi hubannoo isaanii guddisuu
Hojiilee Gurguddoo
Tajaajila
Sirna Nyaataa fi ECD Marsaa Jireenyaa Waliigalaa Cimsuu fi Babal'isuu
·
Tajaajila dabalata maayikiroo nutireentii (Vitamin A,
iron, zinc, calcium) babal'isuu
·
Qoricha farra raammoo garaa keessaa (deworming) daa'imman
hundaaf kennuu
·
Tajaajila gorsa nyaataa fi kunuunsa haadholii ulfaa fi
harma hoosisan cimsuu
·
Sakatta'a, gorsa fi kunuunsa sirna nyaataa sadarkaa
hawaasaatti babal'isuu
·
Hordoffii guddinaa fi dagaaginaa (GMP) daa'imman waggaa
lamaa gadii hundaaf kennuu
·
Tajaajila ECD tajaajila RMNCH-N (fayyaa walhormaataa,
haadholii, daa'imman, dargaggootaa fi nyaata) waliin qindeessuun kennuu
·
Tajaajila ECD sadarkaa dhaabbilee fayyaa (buufata fayyaa,
keellaa fayyaa) fi hawaasaatti babal'isuu
·
Tajaajila kunuunsa daa'immanii fi guddina isaanii
(childcare and development) cimsuu
·
Tajaajila daa'imman umurii 0-8 waggaa fedhii isaanii
waliin wal simatu qindeessuu
·
Tajaajilli kun marsaa jireenyaa hunda keessatti haadholii
ulfaa irraa eegaluu hanga daa'imman umurii waggaa shanii ga'utti tajaajila
kennuuf xiyyeeffata
·
Qindoomina sektarootaa cimsuun hojiiwwan kunneen
milkaa'ina isaanii mirkaneessuuf gumaacha guddaa qaba
Haala Sirna
Nyaataa fi ECD Daa'imman Ji'a 0-59 Fooyyessuu
·
Tajaajila harma hoosisuu qofaan fi nyaata dabalataa
sirrii daa'imman reef-dhalatan fi daa'imman xixiqqaa cimsuu
·
Raabsa Vitamin A, qoricha farra raammoo garaa keessaa, fi
hordoffii guddinaa fi dagaaginaa babal'isuu
·
Daa'imman umuriin isaanii 0-59 ji'a gidduu jiran kanneen
fedhii nyaataa addaa qaban adda baasuun tajaajila isaanii fooyyessuu
·
Daa'imman hanqina nyaataa cimaa (SAM) fi giddugaleessaa
(MAM) qaban dursanii adda baasuun yaala murteessaa isaanii kennuu
·
Maatii daa'imman hanqina nyaataa qaban gorsa nyaataa fi
deeggarsa hawaasummaa kennuu
·
Tajaajila kunuunsa daa'immanii fi guddina sammuu
daa'imman umurii 0-3 waggaa (dursa kennuun) cimsuu
·
Tajaajilli kun labsii Seqotaa fi Tarsiimoo Soorataa fi
Nyaataa waliin wal simsuun, hojiiwwan tajaajila addaa (nutrition-specific) fi
soorata waliin walqabatan (nutrition-sensitive) walitti qindeessuun kennuuf
xiyyeeffata
Haala Sirna
Nyaataa fi ECD Daa'imman Umuriin Waggaa 6-9 Fooyyessuu
- Daa'imman nyaata gosa adda addaa, annisaa fi
maayikiroo nutireentii gahaa qabu akka sooratan jajjabeessuu
- Daa'imman kunneen akkaataa umurii isaanii fi fedhii
qaamaa isaanii waliin wal simatu nyaata akka argatan gochuu
- Maatiin isaanii hubannoo gahaa qabaachuu isaanii
mirkaneessuuf sagantaalee beeksisaa fi hubannoo uumuu hojiirra oolchuu
- Nyaata dabalataa yeroo isaatti, gosa adda addaatiin
fi haala qulqullina qabuun kennuu akka qaban hubannoo kennisiisuu
- Dandeettii hojjettoota ekisteenshinii fayyaa fi
ogeessota biro cimsuuf leenjisuun, meeshaalee fi qabeenya barbaachisaa
dhiyeessuun murteessaadha
- Tajaajila daa'imman umurii 3-8 waggaa (barnoota
jalqabaa) waliin qindeessuun kennuu
Amala Nyaata
Fayyaaleessaa Jajjabeessuu fi Barmaatilee Miidhaa Qaqabsiisan Ittisuu
- Hubannoo fi adivookeesii aadaa nyaataa miidhaa qabu,
alkoolii, wantoota sammuu hadoochan fi dhugaatii sukkaaraa hedduu of
keessaa qaban irraa of qusachuu irratti cimsuu
- Jireenya fayya qabeessa, qajeelfamoota nyaataa, fi
sagantaalee fayyaa fi nyaata mana barnootaa babal'isuu
- Hawaasa keessatti namoota dursanii fi hoggantoota
hawaasaa hirmaachiisuun, akkasumas miidiyaa fi marsariitii hawaasummaa
fayyadamuun hubannoo guddisuun barbaachisaadha
- Nyaata fayya qabeessa fi jireenya fayya qabeessa
jajjabeessuun dhukkuboota daddarboo hin taane fi hanqina nyaataa ittisuuf
gumaacha guddaa qaba
- Hojiin kun Tarsiimoo Soorataa fi Nyaataa fi labsii
Seqotaa keessatti kaayyoo guddaa ta'e jajjabeessuu amala nyaata fayya
qabeessaa fi jireenya fayya qabeessaa ti
Ittisa fi
Wal'aansa Hanqina Nyaataa Cimaa (SAM) fi ECD Fooyyessuu
- Sakatta'a sirna nyaataa idilee fi mala hawaasa
bu'uureffate babal'isuu
- Uwwisa fi qulqullina tajaajila wal'aansa SAM fi MAM
fooyyessuu
- Yeroo balaa qaqqabu deebii sirna nyaataa
ariifachiisaa cimsuun tajaajila IYCF-E fi sirna nyaataa yeroo balaa akka
itti fufu fi saffisaan deebi'u mirkaneessuu
- Raabsa nyaataa dabalataa, qorichoota maayikiroo
nutireentii fi tajaajila fayyaa bu'uuraa yeroo balaa itti fufiinsa qabuun
kennuu
- Daa'imman iddoo balaa fi dhiphina keessa jiran adda
baasuun tajaajila ECD fi nyaata isaanii kennuu
- Karoorri kunis labsii Seqotaa fi Tarsiimoo Soorataa
fi Nyaataa waliin wal simsuun, yeroo balaa keessatti daa'imman fi
haadholii caalaatti saaxilamoo ta'an eegsuuf qophaa'e dha
Hojiirra
Oolmaa Tajaajila Sirna Nyaataa Dhukkuboota Daddarboo Hin Taane Nyaataan
Walqabatee (DRNCD) fi ECD Cimsuu
- Qajeelfama tajaajila sirna nyaataa kilinikaa
hojiirra oolchuun sakatta'insa, gorsaa fi tajaajila DRNCD dhaabbilee
fayyaa keessatti cimsuu
- Iddoowwan tajaajilaa fi dandeettii hojjettootaa
sirna nyaataa kilinikaa irratti babal'isuu
- DRNCD keessattuu dhibee sukkaaraa, dhiibbaa dhiigaa,
fi dhukkuboota onnee kanneen sababa nyaata fayya hin taane, soorata
sukkaaraa fi zayitii baay'ee of keessaa qabu, fi jijjiirama amala
jireenyaatiin uumaman of keessatti qabata
- Daa'imman umurii 0-8 waggaa DRNCD irraa ittisuuf
sagantaalee beeksisaa fi hubannoo uumuu
- Aadaa nyaata fayya qabeessa fi jireenya fayya
qabeessa daa'imman jalqabaa irraa jajjabeessuu
- Tajaajilli kun qindeessaa (integrated) ta'een,
tajaajila fayyaa waliigalaa (NCDs) fi sirna nyaataa waliin walitti
qindeessuun kennamuu qaba.
ECD
Dhaabbilee Fayyaa fi Hawaasa Keessatti Babal'isuu
- Dhaabbilee fayyaa (buufata fayyaa, keellaa fayyaa)
ECD tajaajila kennuu akka danda'an gochuu
- Hojjettoota ekisteenshinii fayyaa (HEW) fi ogeessota
fayyaa ECD irratti leenjisuu
- Keellaawwan fayyaa keessatti ECD corner hundeessuu
fi tajaajila babal'isuu
- Hawaasa keessatti ECD center (iddoo kunuunsa
daa'immanii) fi manneen barnootaa jalqabaa waliin qindeessuun babal'isuu
Soorata fi
Sirna Nyaataa fi ECD Irratti Qindoomina Sekterootaa Cimsuu
- Tarsiimoo Soorataa fi Nyaataa (FNS) fi Labsii
Seqotaa (SD) babal'isuu hojiirra oolchuuf dandeettii godinootaa fi
aanaalee dagaagsuun qindoomina sektarootaa fi bulchiinsaa cimsuu
- Qonnaa, barnootaa, bishaanii fi haayijinii,
giddugaleessa fi hawaasummaa, akkasumas dinagdee fi misooma waliin
qindoomina cimaa uumuun hanqina nyaataa fi ECD furuuf gumaacha guddaa qaba
- Qindoomina sektarootaa karoora, raawwii fi hordoffii
keessatti cimsuu
- ECD fi sirna nyaataa karoora misooma naannoo, Aanaaa fi aanaatti hammachiisuu
Kalaqawwan
ECD fi Sirna Nyaataa Haaraa Babal'isuu
- Triangle of Knowledge Partnership (Walitti
Hidhamiinsa Beekumsaa) ECD fi sirna nyaataa irratti babal'isuu
- Nutrition-Centric Humanitarian-Development-Peace
Triple Nexus ECD fi sirna nyaataa irratti hojiirra oolchuu
- Malnutrition-Free Healthy Villages (Gandoota Hanqina
Nyaataa Irraa Bilisa) ECD fi sirna nyaataa waliin wal qindeessuu
- Model Woreda (Aanaa Moodelaa) ECD fi sirna nyaataa
tajaajila guutuu kennuuf qindeessuu
- Community Lab babal'isuun hirmaannaa hawaasaa fi abbummaa
cimsuu
- Teeknoolojii dijitaalaa ECD fi sirna nyaataa
tajaajila fooyyessuuf fayyadamuu
o
Beekumsa, qorannoo fi muuxannoo walitti qabuu
o
Gargaarsa namoomaa, misooma fi nagaa waliin
walitti hidhuu
o
Gandoota hanqina nyaataa irraa bilisa ta'an
uumuu
o
Aanaalee fakkeenya ta'aniin tajaajila fooyyessuu
o
Hirmaannaa hawaasaa fi abbummaa cimsuu
o
Qindoomina sektarootaa jajjabeessuu
o
Furmaata naannoo irratti hundaa'e argachuu
Agarsiistota
- Du’aatii Haadholii daa’imman lubbuun dhalatan 100,000
keessaa 141 irra ture gara 140tti gadi xiqqeessuu
- Reettii Du'aatii Daa'imman Waggaa shanii
Gadii daa'imman lubbuun dhalatan 1000 keessaa 72 irra ture gara 44tti
xiqqeessuu
- Reettii du'aatii Daa'immaan kichuu(Infant)
daa'imman lubbuun dhalatan 1000 keessaa 62 irraa gara 32tti xiqqeessuu
- Reettii du'aatii daa'immaan
reef-dhalattuu(Neonatal) daa'imman lubbuun dhalatan 1000 keessaa 39 irra
ture gara 21tti xiqqeessuu
- Piriivaalensii Quucarummaa daa'immaan
waggaa 5 gadii 41% irra ture gara 39tti xiqqeessu
- Karoora maatii yeroo dheeraa (LAFP) 342,147
( 44 %) irraa 393,807 (50 %) guddisuu
- Ulfa umurii malee (Teenage pregnancy) %15 irraa gara % 8’tti xiqqeessuu
- Piroporshinii dubartoota ulfaa tajaajila kunuunsa
da’umsa duraa kontaaktii 1ffaa torbee 12 gaditti argatanii 82066 (57%) irraa gara 58%’tti guddisuu
- Uwwisa tajaajila kunuunsa da’umsa duraa
kontaaktii 8ffaa (ANC-8 contact) 107,808 (75%) irraa gara 114,816 (80%) tti guddisuu
- Tajaajila da’umsa ogeessa fayyaan kennamu
149,262 (104%) irraa gara 146,700
(100%) tti fufsisuu
- Tajaajila kunuunsa da’umsa booda guyyaa
lama keessatti kennamu 113% irraa gara
146,700 (100%) tti fufsisuu
- Uwwisa tajaajila talaallii gosa shanii
marsaa 3ffaa (Penta3) 142,060 (107%) irraa tursisuu.
- Uwwisa tajaajila talaallii gifiraa marsaa
1ffaa (MCV1) 138,487 (104%) tursiisuu
- Uwwisa tajaajila talaallii guutuu 138,487
(104%) tursiisuu
- Daa'immaan wagga shanii gadii sakata'insi
guddinaa fi dagaaginaa sammuu fi qaamaa taasifameef 100% irra tursiisuu
- Piroopporshinii daa`imman waggaa lamaa
gadii hordoffiin ulfatinaa qaamaa (GMP) godhameef 229,083 (97%) irraa gara
241,400 (100%) tti guddisuu
- Calalli hanqina nyaataa daa'imman umurii
waggaa 5 gadi jiranii 721,500(103%) irraa gara 634,150 (100% ) irraa
tursisuu.
Pursue progressive
achievement of universal health coverage through the implementation of the
Health Insurance to address inequity and financial hardship in accessing
quality health care
Bu’aa Tarsiimoo 4: Ba’aa Dhukkuboota Daddarboo fi Daddarboo Hin Taane
Hir’ate
Bu’aan
tarsiimoo kun ittisa, dursanii adda baasuu, yaalaa, hordoffii fi to’annoo
dhukkuboota daddarboo fi daddarboo hin taane cimsuun dhukkubsachuu fi du’a
sababa dhukkuboota gurguddoo irraa dhufu hir’isu irratti xiyyeeffata. Sirni
fayyaa ragaa irratti hundaa’e, qindoomina sektarootaa fi hirmaannaa hawaasaa
fayyadamuun TB, HIV/AIDS, busaa, dhukkuboota vekteraan daddarban, dhukkuboota
tropikaalaa xiyyeeffannoo barbaadan, NCDs, kaansarii, rakkoolee fayyaa sammuu
fi rakkoolee fayyaa naannoo irratti deebii waaraa akka kennu ni taasifama.
Inisheetivotaa fi Hojiilee Tarsiimoo (Strategic
Interventions)
Ittisaa fi to’annoo dhukkuboota daddarboo cimsuuf tajaajila
ittisaa, sakatta’insaa, qorannoo, yaalaa fi hordoffii TB, Juuzamii, HIV/AIDS,
STI fi dhukkuboota daddarboo biroo babal’isuun ni hojjetama. Tajaajila TB
hawaasa giddugaleessa godhate, ittisa daddarbaa TB, hordoffii namoota
walqunnamtii qaban, yaala TB dhokataa fi tajaajila TB qorichaan walbaree
cimsuun ni raawwatama. Akkasumas, tajaajila HIV keessatti qorannoo, walitti
hidhaminsa yaalaa, ART, to’annoo viral load, ittisa daddarbiinsa HIV haadha
irraa gara daa’imaa fi tajaajila HIV, TB, STI fi vaayirasii tiruu walitti
qindaa’e cimsuun ni danda’ama.
To’annoo busaa fi dhukkuboota vekteraan daddarban fooyyessuuf
tajaajila ittisaa akka saaphana farra bookee, biiffaa keemikaalaa mana keessaa,
qorannoo fi yaalaa busaa, akkasumas hordoffii entomooloojii fi sirna Integrated
Vector Management babal’isuun ni hojjetama. Sirna kaartaa facaatii
dhukkubootaa, akeekkachiisa duraa fi deebii ariifachiisaa dhukkuboota akka
Dengue, Chikungunya, Yellow Fever, Rift Valley Fever fi Zika cimsuun dandeettii
deebii sirnichaa ni guddisama.
Dhabamsiisa dhukkuboota tropikaalaa xiyyeeffannoo barbaadan
(NTDs) saffisiisuuf raabsa qorichaa waliigalaa (MDA), tajaajila qorannoo,
yaalaa fi hordoffii tiraakoomaa, onkoserkayaasii, filaariyaasii,
shiistoosoomiyaasii, raammoo maxxantuu mar’immaanii, Leeshimaaniyaasii fi
dhukkuba Giinii irratti xiyyeeffachuun ni hojjetama. Sirna ittisaa, hordoffii
fi yaalaa dhukkuboota kanaa, akkasumas ittisa miidhaa qaamaa fi mala One Health
irratti hundaa’e ni cimsama.
Ittisaa fi to’annoo dhukkuboota daddarboo hin taane (NCDs),
kaansarii fi rakkoolee fayyaa sammuu cimsuuf tajaajila ittisaa, sakatta’insaa,
qorannoo, yaalaa fi hordoffii sadarkaa jalqabaa keessatti walitti qindeessuun
ni babal’ata. Tajaajila dhiibbaa dhiigaa, sukkaaraa dhiigaa, kunuunsa ijaa,
sakatta’insa fi yaala kaansarii, akkasumas tajaajila fayyaa sammuu fi rakkoo
fayyadama wantoota sammuu irratti miidhaa geessisan PHC keessatti hammachiisuun
ni cimsama. Sirna galmee kaansarii fi hordoffii dhukkuboota NCDs irratti
hundaa’e ni diriirfama.
Sirna nyaataa, WASH fi fayyaa naannoo fooyyessuuf tajaajila
nyaataa marsaa jireenyaa guutuu, ittisa fi wal’aansa hanqina nyaataa, harma
hoosisuu sirrii, nyaata dabalataa fi jijjiirama amala nyaataa ni cimsama.
Tajaajila WASH dhaabbilee fayyaa fi hawaasa keessatti babal’isuun, WASH-FIT,
qulqullina bishaanii, haayijinii dhuunfaa, bulchiinsa balfaa fi nageenya
nyaataa fooyyessuun ni hojjetama. Akkasumas, jijjiirama qilleensaa, ittisa
dhiibbaa naannoo, bulchiinsa keemikaalotaa fi qophii deebii ariifachiisaa
fayyaa naannoo keessatti dandeettiin sirnichaa ni cimsama.
Agarsiistuuwwan
1. Reetii
dhukkuba ‘TB’ sakatta’anii adda baasuu (case detection rate) bara 2018 tti 107%
irraa jiru bara 2019 tti haala kanan itti fufsisuu.
2. Reetii
dhukkubsattoota ‘TB’ yaalii xumuranii (treatment success rate) bara 2019 tti
96% irraa tursiisuu
3. Baay’ina
namoota waggaa tokko keessatti bifa haaraatiin dhukkuba busaan qabaman (annual
parasite incidence) 1000 keessaa bara 2018 tti 43 irraa bara 2019tti 18tti
hir’isuu
4. Reetii
du’aatii sababa dhukkuba busaatiin dhufu ummata dhibee busaatiif saaxilaman 100,000 keessa bara 2018
tti 0.3 irraa bara 2019tti 0.15 hir’isuu
5. Pirooppoorshinii
namoota Tiraakoomaa Triikiyasisii
qabamanii qolli ijaa keessatti dacha’ee tajaajila baqaqsanii yaaluu
argatanii 2018tti 90% ture bara 2019tti gara 95% guddisuu
6. Uwwisa
raabsa qoricha farra raammolee maxxantuu mar’immanii anaalee facaatiin keessa
jiru hunda keessatti kennamu %100 irra tursiisuu
7. Piroporshinii
ga'eessota dhiibbaa dhiigaa qabaatanii too'atame bara 2018 tti 48% irraa ture
bara 2019tti gara 65%tti guddisuu
8. Piroporshinii
namoota dhukkuba sukkaaratin qabaatanii sukkaarri dhiigaa isaanii keessa
too'atame bara 2018 tti 30% irraa ture bara 2019tti gara 47%tti guddisuu
9. Reetii
baqaqsanii yaaluu moora ijaa (cataract surgical rate) namoota miiliyoona tokko
keessaa bara 2018 tti 1190 irraa ture bara 2019tti gara 1282tti guddisuu
10. Pirooppoorshinii
dubartoota Umurii isaanii 30-49 kaansarii balbala gadameessaaf calalamanii bara
2018 tti 17% irraa ture bara 2019tti gara 40%tti ol-guddisuu.
11. Proopporshinii
namoota dhibeewwan sammuu dursi kennamuufii qabu (priority Mental health
disorders) irratti wal'aansa argatan bara 2018 tti 7.64% irraa ture bara
2019tti gara 9.44%tti fooyyessuu
12. Prooporshinnii
abbaa warraa mana fincaanii bu’uuraa qaban bara 2018 tti 75% irraa ture bara
2019tti gara 81%tti fooyyessuu
13. Pirooporshinii
abbaa warraa mana fincaanitti fayyadaman bara 2018 tti 95% irraa ture bara
2019tti gara 98%tti fooyyessuu
14. Dhaabbilee
Fayyaa keessatti WASH FIT hojii irra oolchuu bara 2018 tti 111 irraa ture bara
2019 tti gara 117 tti fooyyessuu
15. Seektaraalee
mootummaa keessatti idileessuu hojii I/T/HIV/AIDS ilaalchisee baajata %2 qabuu
bara 2018 qarshii 221,808,623 ture bara 2023tti qarshii 283,090,251tti ol
guddisuu.
16. Dhibbeentaa
namoota ‘HIV’n dhiiga isaanii keessa jiraachuu beekan bara 2018tti % 77 ture
bara 2023tti % 95 irraan gahuu.
17. Dhibbeentaa
namoota qoricha farra ‘HIV’ fudhatan kan qorannoon hanga vaayrasii taasifameef
keessaa kan baay’inni vaayirasii qaama isaanii keessa jiruu too'atame (viral load suppression) bara
2018tti % 99 ture bara 2019tti % 100 qaqqabsiisuu.
18. Dhibbeentaa
namoota vaayrasii Tiruu B qabaachuu adda bahan keessaa kan yaala argatan (from
Eligibles for treatment) bara 2018 % 60 irra jiru bara 2019tti % 64iin gahuu.
Bu’aa
Tarsiimoo 5: Sirna
Tajaajila Fayyaa Qulqullinaa, Nageenyaa, Walqixxummaa fi Itti Fufiinsa Qabu
Cimsuu
Tajaajila Fayyaa Bu'uuraa (PHC)
qulqullinaa, nageenya qabu, namarratti xiyyeeffate, walqixa, qaqqabamaa fi itti
fufiinsa qabu mirkaneessuun bu'aa fayyaa uummataa fooyyessuu irratti
xiyyeeffata. Kunis tajaajila ittisaa, dagaaginaa, yaalaa, deebisanii ijaaruu fi
kunuunsa dhukkubsattoota yeroo dheeraa sadarkaa sirna fayyaa hunda keessatti
walitti hidhamiinsa qabuun akka kennamu ni taasisa. Tajaajilli qulqullina qabu
dhaabbilee fayyaa qofa osoo hin taane sirna fayyaa guutuu keessatti jijjiirama
fiduun kan milkaa'u waan ta'eef, waggoota shanan dhufan keessatti sirni
qulqullinaa fi nageenya dhukkubsataa ciminaan ni hojiirra oola.
Qulqullinni tajaajilaa
ulaagaalee idil-addunyaa kanneen akka nageenya dhukkubsataa, bu'a qabeessummaa,
gahumsa, saffisummaa, tajaajila namarratti xiyyeeffate fi walqixxummaa irratti
hundaa'ee ni cimsama. Dhaabbileen PHC humna namaa gahaa, bu'uuraalee misoomaa,
qorichaa, meeshaalee yaalaa, meeshaalee qorannoo fi teeknoolojii dijitaalaa
guutuu ta'een ni deeggaramu. Sirni kenniinsa tajaajilaa ragaa fi qajeelfamoota
istaandaardii irratti hundaa'uun ni fooyya'a; akkasumas hojiiwwan klinikaa fi
bulchiinsaa keessatti garaagarummaan raawwii hir'achuun tajaajilli
wal-fakkaataa fi amanamaa akka kennamu ni taasifama.
Sirni nageenya dhukkubsataa fi
fooyya'iinsa qulqullinaa itti fufiinsa qabu ni cimsama. Dogoggorri yaalaa,
balaa tajaajilaa fi rakkooleen qulqullinaa akka rakkoo dhuunfaa osoo hin taane
akka hanqina sirnaatti ilaalamuun sababoota isaanii adda baasuun furmaanni
sirnaa ni hojiirra oola. Kanaaf sirni bulchiinsa balaa, clinical governance,
clinical audit, mortality and morbidity review, adverse event fi near miss
reporting, akkasumas sirni barnoota dogoggoraa irraa argamu ni diriirfama.
Hojjettoonni fayyaa walqunnamtii ifaa, hojii garee fi aadaa nageenya
dhukkubsataa cimsuun rakkoolee nageenyaa sodaa malee gabaasuu fi furmaata
irratti hirmaachuuf ni jajjabeeffamu.
Dhaabbileen PHC sirna
mirkaneessa qulqullinaa (licensing, accreditation fi regulatory standards)
guutuun ni cimu. Sirni Continuous Quality Improvement (CQI), performance management,
supportive supervision fi madaalliin qulqullinaa yeroo yeroon gaggeeffamuun
bu'aan hojii irratti hundaa'ee fooyya'iinsi itti fufiinsa qabu ni mirkanaa'a.
Akkasumas muuxannoo maamilaa, kabajni mirga dhukkubsataa, itti quufinsi
maamilaa fi itti gaafatamummaan dhaabbilee fayyaa ni fooyya'u.
Qulqullinni tajaajilaa yeroo
hunda hanqina qabeenyaatiin akka hin gufanneef sirni bulchiinsa qorichaa,
meeshaalee yaalaa, biomedical engineering, suphaa fi sirna dhiyeessii (supply
chain) ni fooyya'a. Qorichoonni fi meeshaaleen barbaachisoon yeroo
barbaachisutti akka argaman, hanqinni isaanii akka hir'atu fi tajaajilli addaan
hin cinne ni taasifama. Akkasumas, teeknoolojiin dijitaalaa, Electronic Medical
Record (EMR), DHIS2, telemedicine fi sirnoonni odeeffannoo fayyaa biroon
babal'achuun murtee ragaa irratti hundaa'e, hordoffii qulqullinaa fi itti
gaafatamummaa ni cimsu.
Hojiiwwan
Tarsiimoo
·
Dhaabbilee PHC humna namaa, bu'uuraalee misoomaa,
qorichaa, meeshaalee yaalaa fi teeknoolojii barbaachisoo ta'een cimsuu.
·
Sirna qulqullina tajaajilaa fi nageenya dhukkubsataa
irratti hundaa'e diriirsuu fi hojii irra oolchuu.
·
Clinical governance, clinical audit, mortality and
morbidity review fi Continuous Quality Improvement (CQI) cimsuu.
·
Sirna bulchiinsa balaa, adverse event reporting, near
miss reporting fi sirna barnoota dogoggoraa irraa argamu diriirsuu.
·
Qajeelfamoota klinikaa, Standard Operating Procedures
(SOPs), clinical pathways fi safety checklists hojii irra oolchuun tajaajila
istaandaardii mirkaneessuu.
·
Sirna licensing, accreditation fi regulatory standards
cimsuun dhaabbilee PHC ulaagaalee qulqullinaa akka guutan taasisuu.
·
Muuxannoo maamilaa, kabaja mirga dhukkubsataa, teamwork,
walqunnamtii ifaa fi safety culture cimsuu.
·
Sirna bulchiinsa qorichaa, biomedical engineering, suphaa
fi supply chain fooyyessuun hanqina qorichaa fi meeshaalee yaalaa hir'isuu.
·
Sirna Digital Health, EMR, DHIS2 fi teeknoolojii
dijitaalaa biroo fayyadamuun bulchiinsa ragaa, hordoffii qulqullinaa fi murtee
ragaa irratti hundaa'e cimsuu.
·
Sirna hordoffii, madaallii fi itti gaafatamummaa
qulqullinaa agarsiistota bu'aa irratti hundaa'een cimsuu.
Agarsiistota
Raawwii Ijoo (KPIs)
·
Dhaabbilee fayyaa istaandaardii qulqullinaa guutan (%)
·
Dhaabbilee fayyaa accreditation argatan (%)
·
Dhaabbilee fayyaa sirna CQI hojii irra oolchaa jiran (%)
·
Dhaabbilee clinical audit fi patient safety review idilee
gaggeessan (%)
·
Adverse events gabaafamanii irratti tarkaanfiin
fooyya'insaa fudhatame (%)
3.1.7.3.2.KT2: Uwwisa Fayyaa Waliigalaa (Universal Health
Coverage) Sadarkaa Sadarkaan Galmaan Gahu Cimsuu
Sirna faayinaansii fayyaa itti fufiinsa qabu, haqaa fi of-danda’aa ta’e
cimsuun, hawaasa hundaaf tajaajila fayyaa qulqullina qabu, kaffaltii madaalawaa
fi eegumsa balaa maallaqaa (financial protection) qabu akka argamu gochuu;
akkasumas bulchiinsa dhaabbilee mootummaa fayyaa, inshuraansii fayyaa fi
hirmaannaa damee dhuunfaa cimsuun galma Uwwisa Fayyaa Waliigalaa (UHC) sadarkaa
sadarkaan akka milkaa’u taasisuu.
Bu’aa Tarsiimoo 1: Sirni Faayinaansii Fayyaa Itti Fufiinsa Qabu, Gahaa fi
Bu’a Qabeessa Ta’e Cime
Sirna faayinaansii fayyaa mootummaa fi keessaa cimsuun, qabeenya dabalataa
maddisiisuu, itti fayyadama qabeenyaa fooyyessuu fi sirna bulchiinsa maallaqaa
ammayyeessuun tajaajila fayyaa itti fufiinsa qabu mirkaneessuuf hojjetama.
Sirni baajataa bu’aa irratti hundaa’e, HCFR, IFH/CBHI fi mala faayinaansii
haaraa hojii irra ooluun dandeettiin dhaabbilee fayyaa galii maddisiisuu fi
itti fayyadama qabeenyaa fooyyessu ni cime.
Inisheetivotaa fi Hojiilee Gurguddoo
Sochii qabeenya biyya keessaa fooyyessuun qooda baajata mootummaa fayyaaf
ramadamu dabaluuf mootummaa fi qaamolee dhimmi ilaallatu waliin qindoominaan
hojjechuu; galma 15% Abuja Declarationtti dhiyaachuuf deeggarsa siyaasaa fi
mootummaa cimsuu.
Sirna faayinaansii fayyaa haaromsuun HCFR guutummaatti hojii irra oolchuu;
galii dhaabbilee fayyaa maddisiisuu, walitti qabuu fi itti fayyadamuun
tajaajila fayyaa itti fufiinsa qabu akka deeggaru taasisuu.
Sirna baajataa bu’aa irratti hundaa’e (Result-Based Budgeting) fi
Faayinaansii Bu’aa irratti Hundaa’e (Performance-Based Financing) babal’isuun
qabeenya jiru bu’a qabeessa taasisuu, itti gaafatamummaa fi bu’aa tajaajilaa
fooyyessuu.
Sirna bulchiinsa faayinaansii fi qabeenyaa ammayyeessuu; asset management,
inventory management, procurement efficiency, sirna hordoffii galii fi Health
Financing Information System cimsuun murtee ragaa irratti hundaa’e deeggaruu.
Madda faayinaansii haaraa fi kalaqaa adda baasuun hojii irra oolchuu;
kanneen akka galii bu’aa invastimantii irraa argamu, Treasury Bills, Sin Taxes,
Busa Gonofa Health Subcomponent, Tourism Health Levy, CSR, remittance-linked
health financing fi mala liqii mootummaa fayyadamuun faayinaansii dabalataa
uumuu.
Bu’aa Tarsiimoo 2: Dhaqqabamummaa fi Walqixxummaan Tajaajila Fayyaa
Fooyya’e
Dhaqqabamummaa fi walqixxummaan tajaajila fayyaa qulqullina
qabu akka fooyya’uuf sirni Uwwisa Fayyaa Waliigalaa (UHC) akka cimuuf ni
hojjetam. Tajaajilli fayyaa bu’uuraa fi addaa hawaasa hundaaf haqa qabeessa
ta’een ni dhihaata; sirni eegumsa maallaqaa fayyaa ni babal’ata; murteewwan
faayinaansii fi paakeejii tajaajilaa ragaa irratti hundaa’an ni diriiru.
Inisheetivotaa fi Hojiilee Gurguddoo
Paakejii Tajaajila Fayyaa (Health Benefit Package)
Cimsuu:-Paakeejii tajaajila fayyaa halaa fi raga irratti hundaa’uun yeroo
yeroon haaromsuu; Koree Gorsaa Faayidaa Tajaajila Fayyaa (Health Care Benefits
Advisory Committee) hundeessuu fi hojii isaa cimsuu; murteewwan paakeejii
tajaajilaa UHC fi IFH/CBHI waliin wal-simsiisuu.
Sirna Madaallii Teeknooloojii Fayyaa (Health Technology
Assessment–HTA) Diriirsuua;-Koree Gorsaa HTA fi Garee Teeknikaa HTA hundeessuun hojii irra oolchuu; qorichoota,
meeshaalee yaalaa fi teeknooloojii haaraa ragaa irratti hundaa’uun madaaluu;
murtee bittaa, galmee fi paakeejii tajaajilaa keessatti HTA fayyadamuu.
Sirna Inshuraansii Fayyaa Biyyaalessaa Cimsuu: Labsii
Inshuraansii Fayyaa guutummaatti hojii irra oolchuu; IFH/CBHI babal’isuu; sirna
galmee miseensotaa, kaffaltii fi bitinsa tajaajilaa fooyyessuu; to’annoo maallaqaa hawaasaa cimsuu.
Walqixxummaa Dhaqqabamummaa Tajaajilaa Mirkaneessuu:-Tajaajila
fayyaa bu’uuraa fi kan biro akkataa paakejii tajaajila keessa ta’een iddoo
hundatti walqixa akka argamu taasisuu; harka qalleeyyii irratti xiyyeeffannoo
addaa kennuu; sirna qoodinsa qabeenyaa fi tajaajilaa ragaa irratti hundaa’e
diriirsuu.
Bu’aa Tarsiimoo
3: Hubannoo fi missensa
Inshuraansii Fayyaa Fooyya’e
Hubannoo uummataa, amanamummaa fi hirmaannaa hawaasaa inshuraansii fayyaa
irratti jiru cimsuun, IFH/CBHI akka sirna eegumsa maallaqaa waaraa ta’ee
guddatu taasifama.
Inisheetivotaa fi Hojiilee Gurguddoo
Karoora qunnamtii fi hubannoo uummataa inshuraansii fayyaa irratti
xiyyeeffate qopheessuun hojii irra oolchuu.
Hoggantoota hawaasaa, caasaalee mootummaa sadarkaa gadi aanaa, hojjettoota
fayyaa fi dhaabbilee hawaasaa fayyadamuun hubannoo fi amanamummaa uummataa
cimsuu.
Ragaa miseensummaa, kaffaltii, fayyadama tajaajilaa fi muuxannoo
maamiltootaa irratti hundaa’uun sirna fooyya’iinsa IFH/CBHI diriirsuu.
Sirna komii fi deebii maamiltootaa cimsuun qulqullina tajaajilaa fi
gammachuu fayyadamtootaa fooyyessuu.
Bu’aa Tarsiimoo
4: Bulchiinsi Dhaabbilee Fayyaa Mootummaa fi Hirmaannaan Damee Dhuunfaa Cime
Bulchiinsa dhaabbilee mootummaa fayyaa, itti gaafatamummaa,
iftoomina fi dandeettii hoggansaa cimsuun; akkasumas hirmaannaa damee dhuunfaa
fi tumsa mootummaa–dhuunfaa (PPP) babal’isuun sirna fayyaa jabaa fi itti
fufiinsa qabu ijaarama.
Inisheetivotaa
fi Hojiilee Gurguddoo
Bulchiinsa dhaabbilee mootummaa fayyaa cimsuun boordii,
hoggansa fi sirna itti gaafatamummaa isaanii fooyyessuu.
Sirna PPP Fayyaa diriirsuun invastimantii dhuunfaa tajaajila
fayyaa, bu’uuraalee misoomaa, teeknooloojii, laaboraatorii, imaging, dialysis,
qorichaa fi tajaajiloota deeggarsaa keessatti hirmaachisu.
Sirna bulchiinsa PPP fi invastimantii fayyaa cimsuun garee PPP
fayyaa hundeessuu, qajeelfama, ulaagaalee filannoo pirojektii fi sirna
hordoffii diriirsuu.
Galmee carraa invastimantii fayyaa (Health Investment
Portfolio) qopheessuun invastaroota hawwachuu fi haala invastimantii mijataa uumuu.
Sirna deeggarsa alaa fi grant management cimsuun deeggarsa
mootummaa, michoota misoomaa fi dhaabbilee idil-addunyaa dursaalee fayyaa
waliin walsimsiisuu.
Agarsiistuuwwan Raawwii Ijoo (KPIs)
- Qooda baajata mootummaa
fayyaaf ramadamu % 11 irraa gara %
15 tti guddisuu.
- Baasii fayyaa namni tokko
irratti (Per Capita Health Expenditure) USD 36.3 irraa gara USD 47 olitti
guddisuu.
- Baay’ina miseensota
IFH/CBHI 669,193 irraa gara
705,430tti guddisuu.
- Maallaqa IFH/CBHI walitti
qabame ETB 778,035,175 irraa gara
ETB 823,135,092 tti guddisuu.
- Qooda baasii uummanni
ofiin baasu (Out-of-Pocket Expenditure) 49.6% irraa gara 30%tti hir’isuu.
- Baay’ina dhaabbilee fayyaa
dhuunfaa waliin qindoomina qaban 0 irraa gara 3tti guddisuu.
- Galii faayinaansii haaraa
walitti qabame ETB mil. 832 ol sassaabuu.
- Sadarkaa gammachuu
fayyadamtoota tajaajila fayyaa (Client Satisfaction Index) % 83 irraa gara
% 86 tti fooyyessuu.
- Baay’ina dhaabbilee fayyaa
sirna bulchiinsa faayinaansii ammayyaa fayyadaman dabaluu % 88 irraa gara % 93 tti guddisuu.
3.1.7.3.3. KT 3: Tajaajila Fayyaa Sadarkaa Olaanaa fi Addaa
Babal’isuu
Tajaajila fayyaa sadarkaa olaanaa
fi addaa uummata hundaaf dhaqqabamaa, qulqullina qabu fi bu’a qabeessa ta’e
babal’isuu; wiirtuuwwan yaalaa addaa, teeknooloojii ammayyaa, humna namaa ogeessa,
shariikummaa mootummaa fi damee dhuunfaa (PPP) fi sirna hooggansa qulqullinaa
cimsuun tajaajila yaalaa sadarkaa olaanaa fooyyessuu.
Bu’aa Tarsiimoo 1: Tajaajila
Yaala Ariifachiisaa, Yaala Balaa Tasaa fi ICU Fooyya’e
Sirni yaala ariifachiisaa
sadarkaa hawaasaa irraa eegalee hanga hospitaala sadarkaa olaanaatti walitti
hidhamiinsa qabu ni diriira. Tajaajilli Emergency, ICU, EECC, Pediatric
Emergency fi sirni olergiinsaa fi ambulaansii ni cimu; du’aa tiin yaala
ariifachiisaa keessatti mudatu ni hir’ata.
Inisheetivotaa
fi Hojiilee Gurguddoo
·
Sirna
olergiinsaa, geejjibaa dhukkubsataa fi bulchiinsa ambulaansii ammayyeessuu;
qajeelfamoota walitti hidhamiinsaa fi referral system hojii irra oolchuu.
·
Tajaajila
yaala ariifachiisaa hawaasaa, Pediatric Emergency, ICU fi Essential Emergency
and Critical Care (EECC) hospitaalota keessatti babal’isuu.
·
Dhiyeessii
meeshaalee yaalaa ariifachiisaa, qorichoota fi humna namaa ogummaa qabu guutuun
qulqullina tajaajila Emergency cimsuu.
Bu’aa Tarsiimoo 2: Tajaajila Ispeeshaaliitii fi Sab-Ispeeshaaliitii
Babal’ate
Tajaajilli yaala sadarkaa olaanaa
akka Cardiac Care, Oncology, Dialysis, Neuroscience, CT scan, MRI, Telemedicine
fi tajaajiloota sab-ispeeshaaliitii biroo hospitaalota mootummaa keessatti
babal’achuun uummataaf dhaqqabamaa ta’a.
Inisheetivotaa fi Hojiilee
Gurguddoo
·
Tajaajila
Ispeeshaaliitii fi Sab-Ispeeshaaliitii hospitaalota filataman keessatti
babal’isuu.
·
Wiirtuuwwan
yaala onnee, kaansarii, dialysis fi tajaajiloota addaa biroo diriirsuu fi
cimsuu.
·
Teeknooloojii
yaalaa ammayyaa kanneen akka CT scan, MRI, Digital X-ray fi Telemedicine
babal’isuu.
·
Mudoo
yeroo dhalootaa (Birth Defects), rakkoolee guddina sammuu fi dhukkuboota addaa
irratti sirna dursanii adda baasuu fi yaalaa cimsuu.
·
PPP
fi invastimantii dhuunfaa fayyadamuun wiirtuuwwan yaalaa addaa babal’isuu.
Bu’aa Tarsiimoo 3: Qulqullinaa fi Bu’a Qabeessummaan Tajaajila
Hospitaalotaa Fooyya’e
Sirni hooggansa qulqullinaa,
bulchiinsa hospitaalotaa, itti fayyadama siree, Integrated One-Stop Service fi
accreditation cimuun tajaajilli hospitaalotaa bu’a qabeessa, nageenya qabu fi
maamiltoota quubsu ta’a.
Inisheetivotaa
fi Hojiilee Gurguddoo
·
Sirna
bulchiinsa siree (Bed Management System), OPD, IPD fi hojii hospitaalotaa
dijitaaleessuun bu’a qabeessummaa dabaluu.
·
Integrated
One-Stop Service hospitaalota filataman keessatti hojii irra oolchuu.
·
Sirna
hooggansa qulqullinaa hospitaalotaa (Clinical Governance, Quality Improvement
fi Patient Safety) cimsuu.
·
Riifoormii
qulqullinaa hospitaalotaa (EHAQ/EHIAQ) fi sagantaa beekamtii (Accreditation
Program) sadarkaa naannoo cimsuu.
·
Sirna
bayyanachiisaa (Rehabilitation Services) fi kunuunsa qindaa’aa hospitaalota
keessatti babal’isuu.
Bu’aa Tarsiimoo 4: Hoggansa,
Qindoominaa fi Sirni Bulchiinsa Tajaajila Yaalaa Addaa Cime
Sirni qindoominaa, imaammataa,
qajeelfamoota, istaandaardota fi bulchiinsa tajaajila yaalaa sadarkaa olaanaa
ni cime. Sirni hordoffii, madaallii fi murtee ragaa irratti hundaa’e ni
fooyya’a; walta’iinsi mootummaa, damee dhuunfaa fi dhaabbilee barnootaa ni
cime.
Inisheetivotaa
fi Hojiilee Gurguddoo
·
Imaammata,
qajeelfamoota, istaandaardota fi fireemwoorkii tajaajila yaalaa sadarkaa
olaanaa qopheessuu fi hojii irra oolchuu.
·
Sirna
hordoffii, madaallii fi ragaa dijitaalaa tajaajila hospitaalotaa cimsuu.
·
Dandeettii
hoggantoota hospitaalotaa fi ogeessota bulchiinsaa cimsuu.
·
Walta’iinsa
mootummaa, damee dhuunfaa, yunivarsiitiiwwanii fi michoota misoomaa waliin
qindoomina cimsuu.
Agarsiistuuwwan
Raawwii Ijoo (KPIs)
·
Baay’ina hospitaalota ICU qaban 6 irraa gara 9 tti guddisuu.
·
Reetii du’aatii kutaa yaala ariifachiisaa
(Emergency Death Rate) 0.35
irraa gara 0.10tti hir’isuu.
·
OPD per capita 2
irraa gara 2.7tti guddisuu.
·
Bed Occupancy Rate (BOR) 67% irraa gara 95%tti
guddisuu.
·
Reetii du’aatii waliigalaa hospitaalotaa 1.1% irraa gara 0.2%tti
hir’isuu.
·
Baay’ina wiirtuuwwan tajaajila Ispeeshaaliitii
fi Sab-Ispeeshaaliitii (Dialysis, Cardiac Care, Oncology, CT scan, MRI,
Telemedicine fi kkf) 0
irraa gara 1tti guddisuu.
·
Integrated One-Stop Service hospitaalota 2
keessatti hojii irra oolchuu.
3.1.7.3.4.KT
4: Sirna Dhiyeessii, Loojistikii fi Oomishaalee Fayyaa Fooyyessuu
Sirna dhiyeessii
qorichaa, meeshaalee yaalaa fi baankii dhiigaa ammayyeessuun, argamiinsa
oomishaalee fayyaa yeroo, qulqullinaa fi gatii madaalawaan mirkaneessuu; sirna
loojistikii, biomedical engineering fi bulchiinsa qabeenyaa cimsuun tajaajila
fayyaa qulqullina qabu, itti fufiinsa qabu fi of-danda’aa ta’e ijaaruu.
Bu'aa Tarsiimoo
1: Sirni dhiyeessii qorichaa fi meeshaalee yaalaa bu’a qabeessaa fi itti
fufiinsa qabu diriireera.
Inisheetivoota
Tarsiimoo
- Sirna dhiyeessii fi loojistikii qorichaa
ammayyeessuu.
- Sirna rational medicine use, antimicrobial
stewardship (AMS) fi clinical pharmacy cimsuu.
- Sirna bittaa tarsiimawaa, kuusaa fi raabsaa
qorichaa fooyyessuu.
KPIs
- Qorichoota murteessoo dhaabbilee fayyaa
keessatti argamuu qaban 95% irraa gara 97%tti guddisuu.
- Tajaajilamtoota qoricha ajajame guutuu
argatan 86% irraa gara 90%tti guddisuu.
- Pharmaceutical wastage 0.82% irraa gara
0.55%tti hir’isuu.
- Mana Qorichaa Hawaasaa 69 irraa gara 79tti babal’isuu.
- Dhaabbilee e-APTS hojiirra oolchan 7 irraa
gara 17tti guddisuu.
- Dhaabbilee AMS hojiirra oolchan 123 irraa
gara 200tti guddisuu.
Bu'aa Tarsiimoo
2: Sirni biomedical engineering fi bulchiinsa meeshaalee yaalaa cimeera.
Inisheetivoota
Tarsiimoo
- Biomedical engineering fi maintenance
system cimsuu.
- Asset management fi lifecycle management
meeshaalee yaalaa diriirsuu.
- Workshop suphaa meeshaalee yaalaa
babal’isuu.
KPIs
- Argamiinsa
meeshaalee yaalaa moodelaa 43% irraa gara 50%tti guddisuu.
- Meeshaalee yaalaa hojii irra jiran 78 %
irraa gara 90%tti guddisuu.
- Wiirtuu workshop suphaa meeshaalee yaalaa 1
hundeessuu.
Bu'aa Tarsiimoo
3: Tajaajilli baankii dhiigaa fi dhiyeessiin dhiigaa nageenya qabu
babal'ateera.
Inisheetivoota
Tarsiimoo
Lakkoofsaa fi dandeettii baankii dhiigaa cimsuun,
tajaajila baankii dhiigaa fi blood transfusion sadarkaa hundaatti babal’isuu,
arjooma dhiigaa fedhii irratti hundaa’e guddisuu fi component production
akkasumas blood quality assurance fooyyessuun dhiigni gahaa, qulqullina qabu fi
nageenya mirkaneesse yeroo barbaachisutti akka argamu ni taasifama. Kana waliin
walqabatee sirni bittaa tarsiimawaa, kuusaa fi raabsaa qorichaa fi meeshaalee
yaalaa ni fooyya’a; Integrated Health Information System ni diriirfama; imaammataa
fi roadmap sirna dhiyeessii ni qophaa’u; wiirtuuwwan suphaa meeshaalee yaalaa
ni babal’atu; tajaajilli e-APTS fi mana qorichaa hawaasaa ni cimu; sirni
odiitii, hordoffii fi itti gaafatamummaa ni fooyya’a; akkasumas hawaasa arjooma
dhiigaaf hirmaachisuun sirna dhiyeessii qorichaa, meeshaalee yaalaa fi dhiigaa
qulqullina qabu, of-danda’aa fi hawaasaaf amanamaa ta’e ni diriirfama.
KPIs
- Yuunitii dhiigaa walitti qabame bara 2018
dhiigaa unit 4765 kan sasabamee
yomuu bara 2019 dhiigaa unit
4,200tti sasabudhaf karorfamee jira.
- Gartuu Dhiigaa oomishamuu (Component
production) 17% irraa gara 40%tti guddisuu.
- Itti quufinsa argaminsa dhiigaa (Hospital
satisfaction on blood supply 88% irraa gara 98%tti guddisuu.
Bu'aa Tarsiimoo 4: Oomishaalee
fayyaa keessatti of-danda’ummaa fi invastimantiin naannoo cimeera.
Inisheetivoota
Tarsiimoo
- Oomisha qorichaa fi meeshaalee yaalaa
sadarkaa naannoo babal’isuu.
- PPP fi invastimantii dhuunfaa jajjabeessuu.
- Qoricha aadaa saayinsiidhaan mirkanaa’e
guddisuu.
KPIs
- Oomishaalee qoricha aadaa saayinsiidhaan
mirkanaa’an 0 irraa gara 1tti guddisuu.
Bu'aa
Tarsiimoo 5: Sirni odeeffannoo dijitaalaa fi bulchiinsi supply chain
ammayyaa’eera.
Inisheetivoota
Tarsiimoo
- Digital Supply Chain Information System
diriirsuu.
- e-APTS, DAGU, DAAWAA fi MEMIS walitti
hidhuu.
- Sirna ragaa, forecasting fi decision
support cimsuu.
KPIs
- Dhaabbilee DAGU 2 hojiirra oolchan 36 irraa gara 46tti guddisuu.
- Dhaabbilee sirna DAAWAA hojiirra oolchan 0
irraa gara 23tti guddisuu.
- Dhaabbilee MEMIS 2.0 hojiirra oolchan 0
irraa gara 7tti guddisuu.
Bu'aa Tarsiimoo
6: Bulchiinssa sirna dhiyeessii qorichaa, qulqullinaa fi itti gaafatamummaa
cime.
Inisheetivoota Tarsiimoo
- Governance, accountability fi regulatory
system supply chain cimsuu.
- Monitoring, audit fi supportive supervision
fooyyeessuu.
- Dandeettii ogeessotaa fi hoggantoota supply
chain guddisuu.
KPIs
- Qorichoota murteessoo dhaabbilee fayyaa
keessatti argamuu qaban 98%tti guddisuu.
- Reetii Qisaasama qorichaa (Pharmaceutical
wastage 0.55 tti hir’isuu.
3.1.7.3.5.KT5: Bu’uuraalee Fayyaa
cimsuu
Bu’uuraalee misoomaa fayyaa
babal’isuu, haaromsuu fi sadarkaa isaanii ol kaasuun qaqqabummaa, walqixxummaa
fi qulqullina tajaajila fayyaa mirkaneessuuf murteessaadha. Kanaafis
hospitaalota, buufataalee fayyaa fi keellaa fayyaa waliigalaa fedhii uummataa
fi ulaagaalee sirna fayyaa irratti hundaa’uun ijaaruu, babal’isuu, haaromsuu fi
bu’uuraalee murteessoo akka bishaan qulqulluu, ibsaa amanamaa fi bu’uuraalee
deeggarsa tajaajilaa guutuudhaan tajaajilli fayyaa itti fufiinsa qabu cimee
yeroo karoora kana keessatti ni hojjetama.
Bu’aa
Tarsiimoo 1. Qaqqabummaa, Walqixxummaa fi Itti Fufiinsi Bu’uuraalee Fayyaa Fooyya’e.
Dhaabbileen fayyaa sadarkaa hundaatti fedhii uummataa fi istaandaardii tajaajilaa
irratti hundaa’uun babal’atanii fi haaromfamu; hospitaalonni, buufataaleen
fayyaa fi keellaan fayyaa waliigalaa dabalanii; bishaan qulqulluu, ibsaa
amanamaa fi bu’uuraalee deeggarsaa murteessoo guutachuun hawaasni tajaajila
fayyaa qulqullina qabu, walqixa, nageenya qabu fi itti fufiinsa qabu akka
argatu ni taasifama.
Inisheetivoota Tarsiimoo
Dhaabbilee fayyaa ijaaruu, babal’isuu fi haaromsuu, keellaa
fayyaa bu’uuraa gara keellaa fayyaa waliigalaatti jijjiiruu, buufataalee fayyaa
fi hospitaalota haaraa ijaaruu, akkasumas dhaabbilee fayyaa jiran suphuu fi
ol-guddisuun road maappii bu’uuralee misoomaa giddu galeessa godhachuun ni
raawwatama.
Sirna haaromsaa fi suphaa bu’uuraalee misoomaa diriirsuun
karoora tarsiimoo bu’uuraalee hojii irra oolchuu, baajata suphaa fi haaromsaa
ramaduu, akkasumas sirna bulchiinsaa fi hordoffii bu’uuraalee cimsuun ni
hojjetama.
Bu’uuraalee misoomaa murteessoo dhaabbileen fayyaa bishaan
qulqulluu, ibsaa, backup power fi bu’uuraalee deeggarsa barbaachisoo dhaabbilee
fayyaa hunda keessatti guutuun hojii tajaajilaa wal irraa hin cinne ni
hojjetama.
Wal-gitinsaa bu’uuraalee fayyaa mirkaneessuuf mootummaan,
dhaabbileen deggertootaa fi hirmaannaa damee dhuunfaa fayyadamuun naannolee
tajaajilli itti hanqatu keessatti bu’uuraalee fayyaa babal’isuu fi
garaagarummaa magaalaa fi baadiyyaa gidduu jiru hir’isuu irratti ni hojjetama.
Agarsiistuuwwan
Raawwii Ijoo (KPIs)
- Hospitaalota sadarkaa jalqabaa 6 irraa gara 7 tti, Hospitaalota sadarkaa lammaffaa 3
irraa gara 3 itti fufsisuu, ,Keellaa Fayyaa Waliigalaa (Comprehensive
Health Posts) 14 irraa gara 23 tti guddisuu, Buufataalee Fayyaa 116 itti
fufsisuu 116.
- Dhaabbilee fayyaa bishaan qulqulluu qaban 82.3%
irraa gara 86% tti guddisuu.
- Dhaabbilee fayyaa ibsaa amanamaa qaban 67 % irraa
gara 73% tti guddisuu.
- Uwwisa Dhaabbilee Fayyaa Bu’uuraa (PH Coverage) 68%
irraa gara 80% tti guddisuu.
3.1.7.3.6.KT6:
Qabeenya Namaa Fooyyessuu
Humna
namaa misooma fayyaa gahaa, ogummaa fi dandeettii qabu, walqixa raabsame,
kaka'umsa qabu fi itti fufiinsaan tursiifamu misoomsuu, akkasumas sirna
bulchiinsa humna namaa ammayyeessuun kenniinsa tajaajila fayyaa qulqullina
qabu, bu'a qabeessa fi of-danda'aa ta'e mirkaneessuu.
Bu'aa Tarsiimoo 1: Humni Namaa Fayyaa Gahaa, naamusa qabuu fi
wal-gitinsaan dhaabbilee hundatti akka jiraatu foyyeessuu
Karoorri humna namaa fayyaa fedhii
sirna fayyaa irratti hundaa'e cimee hojii irra oole; oomishni, qacarrii fi
ramaddiin ogeessota fayyaa ni fooyya'a; humni namaa walqixa raabsamee fi
tursiifame ta'uun hanqinni ogeessotaa ni hir'ata; koolleejjota saayinsii
fayyaa, yuunivarsiitiiwwanii fi dhaabbilee leenjii waliin qindoominaan
hojjechuun oomisha ogeessotaa fi dandeettiin isaanii ni akka cimsuuf ni
hojjetama.
Inisheetivoota Tarsiimoo fi Hojilee
Gurguddoo
Qorannoo fedhii humna namaa fayyaa irratti
hundaa'uun ‘HRH Strategic Plan’ qopheessuu fi hojii irra oolchuu; qacarrii fi
ramaddii ogeessota fayyaa dursa kennamuufii qabu cimsuu; sirna deployment fi
redistribution hojii irra oolchuun walqixxummaa raabsa humna namaa
mirkaneessuu; reeshiyoo ogeessa fayyaa fi uummataa gara galma biyyaalessaa fi
WHOtti dhiyeessuu.
Koolleejjota Saayinsii Fayyaa mootummaa cimsuu, gara
yunivarsiitti ol-guddisuu fi babal'isuu; yuunivarsiitiiwwanii fi dhaabbilee
leenjii waliin qindoominaan ogeessota fedhii sirna fayyaa irratti hundaa'an
oomishuu; carraa fooyya'insa barnootaa (BSc, MSc, Specialty, Sub-specialty fi
PhD) babal'isuu; walqixxummaa koorniyaa fi hirmaachisummaa dubartootaa,
dargaggootaa fi qaama miidhamtootaa misooma humna namaa keessatti mirkaneessuu.
Sirna hojjetaan ittiin guddatuu (Career pathway fi promotion system) fooyyessuu, Paakeejii onnachiftuu fi sirna
beekamtii diriirsuun hojii irra oolchuu, Saaxilumummaa iddoo hojii fala
mijeesssuu (Occupational Health and Safety), Fayyummaa qaamaa fi sammuu hojjattoota
fayyaa eeguu, Deeggarsa xiin-sammuu fi hawaasummaa (psychosocial support)
hojjattootaaf dhiheessuu, naannoo hojii
mijeessuu fi dhiphina hojii hir’isuu, hojjetoota bakka hojii fagoo keessatti
hojjetan deeggaruu, Wal-qixxummaa koorniyaa, hammattummaa qaama-miidhamtootaa,
fayyummaa fi nageenya hojjattootaa.
Bu'aa Tarsiimoo 2: Sirni Bulchiinsa Humna Namaa Fayyaa, Dandeettii fi
Raawwii Hojii Ammayyaa'e
Sirni bulchiinsa humna namaa fayyaa (HRIS), madaallii raawwii
hojii, hojii nageenyaa fi fayyaa hojjettootaa ni ammayyaa'a; ogeessonni fayyaa
leenjii hojii keessaatti, CPD, mentorship, coaching fi carraa fooyya'insa
barnootaatiin gahumsa isaanii yeroo yeroon ni cimsu; sirni kaka'umsa, tursiisa
fi hoggansa humna namaa fayyaa ni fooyya'ee tajaajilli fayyaa qulqullina qabu,
bu'a qabeessa fi itti fufiinsa qabu ni mirkanaa'a.
Inisheetivoota Tarsiimoo fi Hojiilee Gurguddoo
Leenjii hojii irratti (In-service Training), CPD, mentorship fi
coaching itti fufiinsaan kennuu; dandeettii hoggansaa ogeessota fayyaa fi
hoggantoota gara fuulduraatti dhufan (Leadership Pipeline) guddisuu; sirna
madaallii gahumsaa fi hojii irratti hundaa'e diriirsuu.
Sirna hoogansa Hoooddeeffannoo humna namaa (HRIS, workforce
analytics fi digital HR management) guutummaatti hojii irra oolchuu; sirna
madaallii raawwii hojii, sirna onnachiftuu fi hojii nageenyaa (Occupational
Health and Safety) cimsuu; tursiisa ogeessotaa fi hojii keessatti kaka'umsa
isaanii guddisuuf mala adda addaa hojii irra oolchuu; sirna murtee ragaa
irratti hundaa'e fayyadamuun bulchiinsa humna namaa fooyyeessuu.
Agarsiistuuwwan
Raawwii Ijoo (Impact indicators)
19. Uwwisa humna
namaa fayyaa waliigalaa 63% irraa gara 68%’tti fooyyessuu
20. Baay'ina humna
namaa fayyaa waliigalaa 6275 irraa gara 6543’tti fooyyessuu
21. Reeshiyoo GP
uummataaf 1:29,400 irraa gara 1:16,000’’tti fooyyessuu
22. Reeshiyoo Nurse
uummataaf 1:2,200 irraa gara 1:1,700’tti fooyyessuu
23. Reeshiyoo
Midwife uummataaf 1:8,900 irraa gara 1:6,500’tti fooyyessuu
24. Dhibbantaa Dhaabbilee HRIS guutummaatti
fayyadaman 70% irraa gara 100%’tti fooyyessuu
25. Dhibbantaa Ogeessota CPD guutan 60% irraa gara
95%’tti fooyyessuu
26. Baay'ina ogeessota fooyya'insa barnootaa
argatan 1121 irraa gara 1543’tti fooyyessuu
27. Reeshiyoo
gadi-lakkisa ogeessotaa 8% irraa gara 5.5%’tti fooyyessuu
3.1.7.3.7.KT7:
Hoggansa, Bulchiinsaa fi Gaggeessummaa Fooyyessuu
Sirna gaggeessummaa, hoggansa fi bulchiinsa fayyaa bu'a
qabeessa, iftoomina, itti gaafatamummaa fi murteewwan ragaa irratti hundaa'an
mirkaneessuun of-danda'ummaa fi itti fufiinsa sirna fayyaa cimsuuf kan
karoorfame dha.
Bu'aa Tarsiimoo 1: Hoggansi fi
Bulchiinsi Sirna Fayyaa Dandeettii, Iftoominaa fi Itti Gaafatamummaa Qabuun
Cime
Sirni hoggansa fi bulchiinsa fayyaa sadarkaa hundaatti
dandeettii, iftoomina, itti gaafatamummaa fi bulchiinsa gaarii irratti
hundaa'uun akka cimuuf ni hojjetama. Hoggansi dhaabbilee fayyaa, boordiin fi
sirni raawwii hojii bu'aa irratti xiyyeeffata ni fooyya'u; walqixxummaan
koorniyaa fi hirmaachisummaan dubartootaa hoggansa keessatti ni guddatu.
Inisheetivoota
Tarsiimoo fi Gurguddoo
Hooggansi
dhaabbilee fayyaa (CEO fi Boordii)’n akkaataa itti foo’atamu, ramadamu fi humni
raawwachiisummaa ittiin cimsamu diriirsuu
Sirna gaggeessummaa, hoggansa fi
bulchiinsa fayyaa haaromsuu fi ammayyeessuu; sirna filannoo, muudamaa fi
misooma hoggantootaa dandeettii irratti hundaa'e diriirsuu; leenjii Leadership,
Management and Governance (LMG), Women LMG, mentorship fi coaching babal'isuu;
dandeettii hoggantootaa fi hoggantoota gara fuulduraatti dhufan cimsuu; Sirna filannoo, muudamaa fi misooma hoggantootaa dandeettii
irratti hundaa'e diriirsuu , Boordii dhaabbilee
fayyaa hundeessuu, cimsuu fi gahumsa isaanii guddisuu.walqixxummaa koorniyaa
fi hirmaachisummaa dubartootaa hoggansa keessatti guddisuu.
Sirna hundeeffamaa, muudamaa fi
hojii boordii dhaabbilee fayyaa fooyyeessuu; dandeettii boordiiwwanii guddisuu;
sirna ‘performance contract’, ‘performance management’ fi dhaash boordii hoggansaa
hojii irra oolchuu; sirna itti gaafatamummaa, iftoomina fi bulchiinsa gaarii
sadarkaa hundaatti cimsuu. Qajeelfamoota,
istaandaardota fi hojii bulchiinsaa yeroo yeroon haaromsuu, Sirna gaaffii fi
komii maamilaa, Citizen Charter fi social accountability cimsuu.
Bu'aa Tarsiimoo 2: Sirni
Riifoormii, Qulqullinaa fi Murtee Ragaa Irratti Hundaa'e Cimmsuu
Sirni karooraa, hordoffii,
madaallii raawwii fi murteewwan ragaa irratti hundaa'an ni cime; riifoormiiwwan
sirna fayyaa fi hojii fooyya'iinsa qulqullinaa guutummaatti hojii irra ooluun
istaandaardii dhaabbilee fayyaa, itti quufinsa maamiltootaa fi bu'a
qabeessummaa tajaajilaa ni fooyya'a.
Inisheetivoota
Tarsiimoo fi Gurguddoo
Sirna performance review fi
murteewwan ragaa irratti hundaa'an sadarkaa hundaatti cimsuu; sirna hordoffii
fi madaallii raawwii hojii fooyyeessuu; governance dashboard fi sirna gabaasaa
yeroo ammayyaa diriirsuu; murtee fi karoora ragaa irratti hundaa'e hojii irra
oolchuu.
Riifoormiiwwan Evidence-Based
Care (EBC), System Bottleneck-Focused Reform (SBFR), Oromia Health Facility
Standard Initiative fi hojii fooyya'iinsa qulqullinaa babal'isuu; Citizen
Charter, sirna gaaffii fi komii maamilaa fi social accountability cimsuu;
qajeelfamoota, istaandaardota fi hojii bulchiinsaa yeroo yeroon haaromsuu;
dhaabbilee fayyaa istaandaardii naannoo fi biyyaalessaa guutan babal'isuu.
Agarsiistuuwwan
Raawwii Ijoo (KPIs)
- Dhibbantaa
hoggantoota LMG xumuran 65%
irraa gara 90% tti guddisuu.
- Dhibbantaa
dubartoota sadarkaa hoggansaa 18% irraa gara 35% tti guddisuu.
- Dhibbantaa
dhaabbilee boordii hojii irra jiran 75% irraa gara 100% tti guddisuu.
3.1.7.3.8.KT8: Fayyaa Dijitaalaa fi Misooma
Teekinolojii Qunnamtii Odeeffannoo
Misoomni
fayyaa dijitaalaa sirna fayyaa ammayyeessuu, murteewwan ragaa irratti hundaa’an
cimsuu fi tajaajila fayyaa saffisaa, qulqullina qabu fi walitti hidhata qabu
kennuuf bu’uura murteessaadha. Kanaafis tarsiimoon kun WHO Global Strategy on Digital
Health, SDGs,
Africa
Digital Transformation Strategy, Digital Ethiopia 2030
fi Ethiopia
Digital Health Blueprint waliin walsimuun sirna odeeffannoo
fayyaa ammayyeessuu, walitti hidhamiinsa sirnootaa (interoperability),
bulchiinsa ragaa, kalaqaa dijitaalaa fi teeknoolojii haaraa babal’isuun
jijjiirama dijitaalaa sirna fayyaa ni saffisiisa.
Bu'aa Tarsiimoo 1: Sirni Fayyaa
Dijitaalaa fi Bu’uuraalee Teeknoolojii Odeeffannoo Cime
Bu’uuraaleen dijitaalaa, walitti
hidhamiinsi sirnootaa fi sirnoonni odeeffannoo fayyaa sadarkaa hundaatti
babal’achuun dhaabbileen fayyaa sirna dijitaalaa walitti hidhame fayyadamuun
tajaajila fayyaa qulqullina qabu, saffisaa fi bu’a qabeessa ta’e kennuu
danda’u.
Inisheetivoota
Tarsiimoo fi Hojiilee Gurguddoo
1.
Bu’uuraalee Misoomaa Dijitaalaa fi Walitti Hidhamiinsa Sirnootaa Cimsuu
Giddugala ragaa (Data Center) xumursuun
hojii eegalchiisuu; sirnoota dijitaalaa gara pilaatfoormii tokkotti walitti
fiduu; HealthNet babal’isuu fi saffisa isaa fooyyeessuu; dhaabbilee fayyaa
SD-WAN'n walitti hidhuu; sirna interoperability diriirsuun waljijjiirraa ragaa
cimsuu.
2.
Tajaajila Fayyaa Dijitaalaa Babal’isuu
Keellaawwan fayyaa paperless
ta’anii tajaajila guutuu kennan babal’isuu; eCHIS gara keellaa fayyaa haaraatti
babal’isuu; EMR dhaabbilee fayyaa keessatti diriirsuu; eAPTS fi DAGU dhaabbilee
fayyaa keessatti bal’inaan hojii irra oolchuu; telehealth fi tajaajila
dijitaalaa biroo babal’isuu.
Bu'aa Tarsiimoo 2: Bulchiinsi Ragaa, Kalaqaa fi
Hooggansi Beekumsaa Ammayyaa’e
Sirni bulchiinsa ragaa, eegumsa
odeeffannoo, kalaqaa dijitaalaa fi dandeettiin ogeessota ICT ni cimu; murteewwan
ragaa irratti hundaa’an ni fooyya’u; teknoolojiiwwan haaraa akka Artificial
Intelligence fi knowledge management sirna fayyaa keessatti hojii irra oolu.
Inisheetivoota
Tarsiimoo fi Hojiilee Gurguddoo
1.
Bulchiinsa Ragaa fi Naamusa Dijitaalaa Cimsuu
Imaammata eegumsa ragaa (Data
Protection Policy) qopheessuu fi hojii irra oolchuu; sirna data governance,
data quality fi cybersecurity cimsuu; sirna bulchiinsa ragaa fi murtee ragaa
irratti hundaa’e diriirsuu.
2.
Kalaqaa Dijitaalaa fi Misooma Dandeettii Cimsuu
Moosaajii FayyaaHub babal’isuu;
sirna odeeffannoo bobbaasa konkolaattotaa hojii irra oolchuu; Wiirtuu Leenjii
ICT (Training Lab) hundeessuu fi cimsuu; Artificial Intelligence (AI) pilot
project jalqabsiisuu; dandeettii ogeessota ICT fi Digital Health leenjii itti
fufiinsaan guddisuu.
Agarsiistuuwwan
Raawwii Ijoo (KPIs)
- Baay’ina Keellaawwan Fayyaa Sirna Qabannaa
Ragaa Fayyaa Hawaasaa Elektirooniksii (eCHIS) hojiirra oolchan 62% irraa gara 75% tti guddisuu.
Inisheetivotaa fi Hojiilee
Gurguddoo
3.1.7.3.9.KT9:
Sirna Hoggansa Balaa Fayyaa Hawaasaa fi Dandamannaa Sirna Fayyaa Cimsuu
Sirna hoggansa balaa fayyaa hawaasaa dandamataa, qindaa’aa fi
hawaasa giddugaleessa godhate
diriirsuun, balaa fayyaa dursanii ittisuu, saffisaan adda baasuu, deebii yeroo
kennuu, miidhaa hir’isuu fi yeroo balaa boodaa sirna fayyaa haala fooyya’aa
ta’een deebisanii ijaaruun nageenya fayyaa hawaasaa, UHC fi sirna fayyaa
of-danda’aa fi itti fufiinsa qabu mirkaneessuu irratti xiyyeeffata. Kalattiin
tarsiimoo kun yaad-rimee Fayyaa Tokkoo, seera fi dambii nageenya fayyaa
idil-addunyaa, akkasumas sirna haala fooyya'een deebisanii ijaaruu irratti
hundaa’uun hojii irra oola. Kunis balaa fayyaa dursanii ittisuu, saffisaan adda
baasuu fi to’achuu, yeroo balaa tajaajila fayyaa itti fufsiisuu, akkasumas yeroo
balaa booda sirna fayyaa caalaatti dandamataa, of-danda’aa fi itti fufiinsa
qabu ta’een deebisanii ijaaruu irratti xiyyeeffata.
Bu'aa Tarsiimoo 1: Sirni Ittisa,
Qophii, Sakatta’iinsaa fi Deebii Balaa Fayyaa Hawaasaa Dandamataa fi Qindaa’aa
Ta’e Cime
Sirni bulchiinsa balaa fayyaa
hawaasaa sadarkaa hundaatti cimee, sakatta’iinsi yeroo isaa eeggate,
akeekkachiisni dursaa, qophiin weeraraa, deebiin ariifachiisaa fi qindoominni
One Health fooyya’ee nageenya fayyaa hawaasaa ni mirkanaa’a.
Inisheetivii Tarsiimoo fi Hojilee gurguddoo
1: Hoggansa, Qindoominaa
fi fayyaa tokkoo (One Health) Cimsuu
Sirna bulchiinsa balaa fayyaa hawaasaa sadarkaa hundaatti
haaromsuu, gahee fi itti gaafatamummaa ifa gochuu, koreewwan qindoominaa
cimsuu, One Health hojii irra oolchuu, qindoomina mootummaa, dhaabbilee
misoomaa, dhaabbilee dhuunfaa fi hawaasa waliin cimsuu, akkasumas qindoomina
daangaa ce’uu fi tajaajila fayyaa imaltootaa guddisuu.
2: Sakatta’iinsaa, Akeekkachiisa Dursaa fi Sirna Odeeffannoo
Cimsuu
Sirna Integrated Disease Surveillance and Response (IDSR),
DHIS2 fi event-based surveillance cimsuu, sirna dijitaalaa sakatta’iinsaa
diriirsuu, Emergency Operations Center fi Incident Management System hojii
guutuu irra oolchuu, simulation exercise gaggeessuu, surveillance quality
assessment raawwachuu fi RCCE cimsuu.
3: Qophii fi Deebii Balaa Fayyaa Hawaasaa Fooyyessuu
Risk assessment, vulnerability mapping fi contingency planning
qopheessuu, Emergency Medical Teams fi Rapid Response Teams cimsuu, hojii
talaallii weeraraa, quarantine, isolation fi case management babal’isuu,
tajaajila fayyaa yeroo balaa itti fufiinsaan kennuuf Business Continuity Plan
hojii irra oolchuu.
Agarsiiftoota
·
Mata dureewwan fayyaa barbaachisoo irratti
qorannoo 0 irraa gara 1tti guddisuu.
·
Gabaasa IDSR guutuu fi yeroo isaa eeggate 94%
irraa gara 100%tti guddisuu.
·
Health Security Index 61% irraa gara 75%tti
fooyyeessuu.
·
Weeraroota du’aatii eegamu caalan osoo hin
geessisin to’ataman 100% ta’ee itti fufsiisuu.
Bu'aa Tarsiimoo 2: Sirna
Laaboraatorii fi Biosecurity Cimsuu
Sirni laaboraatorii fayyaa,
nageenya laaboraatorii fi bulchiinsi qabeenya balaa qabu cimee, dandeettiin
qorannoo, adda baasuu fi hordoffii dhukkubootaa saffisaa, sirrii fi amanamaa
ta’e ni mirkanaa’a.
Inisheetivii
fi Hojiilee Gurguddoo
1.Dandeettii Laaboraatorii Cimsuu: Sirna walitti hidhamiinsa
laaboraatorii fi geejjiba saamudaa cimsuu, Sirna Odeeffannoo Laaboraatorii
babal’isuu, reagentii, kiimikaalaa fi meeshaalee barbaachisoo guutuu,
dandeettii qorannoo fi mirkaneessa saffisaa fooyyeessuu, akkasumas
istaandaardii qulqullinaa fi beekamtii laaboraatorii cimsuu.
2. Biosecurity fi Biosafety Cimsuu: Qajeelfamoota
nageenya laaboraatorii hojii irra oolchuu, bulchiinsa balfa balaa qabu
fooyyessuu, sirna to'annoo fi hordoffii dhaabbilee laaboraatorii cimsuu,
akkasumas dandeettii ogeessotaa fi sirna certification babal’isuu.
Agarsiiftoota
·
Laaboraatoriiwwan tajaajila qorannoo murteessaa
biyyoolessaa %50 ol kennan %33.5 irraa gara %65tti guddisuu.
·
Laaboraatoriiwwan beekamtii ISO 15189 argatan 1
irraa gara 6tti guddisuu
Bu'aa Tarsiimoo 3: Sirna Fayyaa
Dandamataa fi Deebisanii Ijaarsa Cimsuu
Yeroo balaa booda dhaabbileen
fayyaa saffisaan deebisamanii hojii jalqabu, tajaajilli fayyaa bu’uuraa osoo
hin addaan citin itti fufu, sirni dhiyeessii fi humni namaa deebifamee cimuun
hawaasni dandamataa ta’e ni ijaarama.
Inisheetivii fi
Hojiilee Gurguddoo
1.
Deebisanii Ijaarsa Dhaabbilee Fayyaa Cimsuu: Dhaabbilee fayyaa
miidhaman deebisanii ijaaruu fi haaromsuu, sirna dhiyeessii qorichaa fi
loojistikii deebisanii diriirsuu, laaboraatorii fi tajaajila diyaagnostikii
hojii jalqabsiisuu, akkasumas karoora itti fufiinsa tajaajilaa cimsuu.
2.
Dandamannaa Hawaasaa fi Itti Fufiinsa Tajaajilaa Cimsuu:
Tajaajila fayyaa socho’aa fi hojii qaawwa tajaajilaa guutan hojiirra oolchuu,
deeggarsa ogeessota fayyaa fi hawaasaaf kennuu, hirmaannaa hawaasaa cimsuu,
akkasumas furmaata fayyaa dijitaalaa fayyadamuun yeroo balaa tajaajila itti
fufsiisuu.
3.1.7.3.10.
KT
10: Sirna Odeeffannoo, Ragaa fi Qorannoo Fayyaa Cimsuu
Kalattiin tarsiimoo kun sirna
odeeffannoo fayyaa ammayyeessuu, qulqullinaa fi itti fayyadama ragaa cimsuu,
murteewwan ragaa irratti hundaa’an deeggaruu, akkasumas qorannoo fi kalaqaa
fayyaa babal’isuun sirna fayyaa bu’a qabeessa, iftoomina qabu fi of-danda’aa
ta’e ijaaruu irratti xiyyeeffata.
Bu'aa Tarsiimoo 1: Sirni Odeeffannoo Fayyaa, Bulchiinsi
Ragaa fi Itti Fayyadamni Odeeffannoo Cime
Sirni odeeffannoo fayyaa
sadarkaa hundaatti cimee, ragaan qulqullina, guutummaa fi yeroo isaa eeggate
qabaatee murteewwan, karooraa, hordoffii fi madaallii raawwii deeggaruu
danda’a.
Inisheetivii fi Hojilee Gurguddoo
1: Sirna Odeeffannoo Fayyaa fi Bulchiinsa Ragaa Cimsuu
Sirna HMIS, DHIS2, eCHIS, CRVS, HAPMIS, eMRIS, HRMIS fi
sirnoota odeeffannoo biroo walitti qindeessuu fi cimsuu; sirna bulchiinsa
odeeffannoo fayyaa hojii irra oolchuu; dijitaalaayizeeshinii fi bulchiinsa
ragaa fooyyessuu; fooramii qooda fudhattootaa fi deeggartoota cimsuu.
2: Qulqullinaa fi Itti
Fayyadama Ragaa Fooyyessuu
Aadaa itti fayyadama ragaa cimsuu; sakatta’iinsa qulqullina
ragaa (RDQA, LQAS fi Community Verification) yeroo yeroon gaggeessuu; Garee
Hordoffii Raawwii Hojii (PMT) fi Sirna Deeggarsa Qindaa’aa (ISS) cimsuu;
Warraaqsa Odeeffannoo Fayyaa (IR Woreda) babal’isuu; dandeettii ogeessota
bulchiinsa ragaa fi odeeffannoo guddisuu.
KPIs
- Guutummaa gabaasaa dhaabbilee fayyaa %100tti guddisuu.
- Gabaasa yeroo isaa eeggate %95tti guddisuu.
- Aanaalee Warraaqsa Odeeffannoo Fayyaa (IR Woreda) 3
irraa gara 11tti guddisuu.
Bu'aa Tarsiimoo 2: Sirni Qorannoo Fayyaa, Kalaqaa fi
Hoggansa Beekumsaa Cime
Sirni qorannoo fayyaa, kalaqaa
fi hoggansa beekumsaa cimee, ragaan qorannoo murtee kennuu, imaammata
qopheessuu fi fooyya’iinsa tajaajila fayyaa deeggaru ni babal’ata.
Inisheetivii
Tarsiimoo 1: Qorannoo Fayyaa fi Naamusa Qorannoo Cimsuu
Hojiilee
Gurguddoo
Mata dureewwan fayyaa dursa
qaban irratti qorannoo gaggeessuu; sirna naamusaa fi qajeelfama qorannoo
cimsuu; giddugala odeeffannoo fi qorannoo fayyaa sadarkaa naannootti
hundeessuu; sirna bulchiinsa qorannoo dijitaaleessuu; bu’aawwan qorannoo murtee
kennuuf akka oolan tamsaasuu.
Inisheetivii
Tarsiimoo 2: Tumsa Qorannoo fi Hoggansa Beekumsaa Cimsuu
Hojiilee
Gurguddoo
Yuunivarsiitiiwwan,
koolleejjota, wiirtuuwwan qorannoo fi dhaabbilee misoomaa waliin tumsa qorannoo
cimsuu; bu’aawwan qorannoo gara hojii fi imaammataatti jijjiiruu; sirna
waljijjiirraa beekumsaa fi ragaa diriirsuu.
KPIs
- Mata dureewwan fayyaa dursa qaban irratti qorannoo
gaggeeffaman 0 irraa gara 1tti guddisuu.
- Bu’aawwan qorannoo murtee fi imaammataaf oolan
waggaa waggaan dabalaa deemuu.
3.1.7.3.11. KT
12: Sirna Too'annoo Fayyaa Cimsuu
Sirna too'annoo, qajeelfamaa,
hayyamaa, galmee, hordoffii fi mirkaneessa qulqullinaa cimsuun tajaajilli
fayyaa, dhaabbileen fayyaa, ogeessonni fayyaa, qorichoonni, nyaanni,
meeshaaleen yaalaa fi teeknoolojiileen fayyaa istaandaardii biyyaalessaa fi
idil-addunyaa guutanii, nageenya uummataa, nageenya dhukkubsataa fi qulqullina
tajaajilaa mirkaneessan taasisuu.
Bu'aa Tarsiimoo 1: Sirni To'annoo
Qorichaa, Nyaataa, Meeshaalee Yaalaa fi Oomishaalee Fayyaa Cime
Sirni galmee, hayyamaa,
sakatta'insa, hordoffii qulqullinaa fi to'annoo qorichaa, nyaataa, meeshaalee
yaalaa fi oomishaalee fayyaa cimee, oomishaaleen qulqullina, nageenya fi bu'a
qabeessummaa isaanii mirkaneeffatanii uummataaf akka dhiyaatan taasifama.
Inisheetivoota
fi Hojiiwwan Gurguddoo
·
Sirna
galmee fi hayyama qorichaa, meeshaalee yaalaa, nyaataa, talaallii fi qoricha
aadaa haaromsuu; sirna saffisaa qorichoota murteessoo fi meeshaalee yaalaa
hayyamu diriirsuu; oomisha biyya keessatti oomishamu jajjabeessuu fi sirna
galmee waliigalaa cimsuu.
·
Sakatta'iinsa
gaggeessuu; oomisha sobaa fi seeraan alaa ittisuu; hordoffii qulqullinaa gabaa
keessaa cimsuu; teeknoolojii dijitaalaa fayyadamuun oomishaalee sobaa adda
baasuu fi to'achuu.
·
to'annoo
qulqullinaa laaboraatoriiwwan cimsuu; sirna mirkaneessa qulqullinaa fi
beekamtii idil-addunyaa babal'isuu; sirna bulchiinsa qulqullinaa fi qorannoo
laaboraatorii ammayyeessuu.
·
Sirna
hordoffii nageenya qorichaa, sirrummaa itti fayyadama qorichaa, ittisa farra
jarmii fi sirna gabaasa miidhaa qorichaa cimsuu; sirna balleessa nageenya qabu
diriirsuu.
·
To'annoo
Tamboo, Alkoolii fi Qorichoota Sammuu Jijjiiran Cimsu (Seerota tamboo, alkoolii fi
qorichoota sammuu jijjiiran hojiirra oolchuu; daldala seeraan alaa ittisuu;
bakka uummanni baay'inaan walitti qabamu keessatti too'annoo cimsuu; sirna track
and trace fi LIMS babal'isuu.
Bu'aa Tarsiimoo 2: Sirni To'annoo
Dhaabbilee Fayyaa, Ogeessotaa fi Tajaajila Fayyaa Cime
Sirni hayyamaa, galmee,
inspeekshinii, ‘accreditation’, Oditii, naamusa hojii fi itti gaafatamummaa
dhaabbilee fayyaa fi ogeessota fayyaa imsuu, tajaajilli fayyaa istaandaardii
qulqullinaa fi nageenya eeggate akka kennamu ni mirkaneessa.
Inisheetivoota
fi Hojiiwwan Gurguddoo
· Dhaabbilee
fayyaa mootummaa fi dhuunfaa hunda galmeessuu fi hayyama kennuu, hayyama
dhaabbilee fi ogeessota fayyaa yeroo yeroon haaromsuu, ulaagaalee hayyamaa fi
galmee irratti hundaa’uun hojii isaanii hordofuu, akkasumas sirna galmee fi
hayyamaa ammayyaa diriirsuu.
· Sakatta’insa
yeroo yeroon gaggeessuu, sirna mirkaneessa qulqullinaa babal’isuu, odiitii
tajaajila fayyaa sadarkaa adda addaatti gaggeessuu, hanqinoota adda baasuun
tarkaanfii sirreeffamaa fudhachuu fi hordoffii raawwii cimsuu.
· Madaallii
gahumsa ogeessota fayyaa gaggeessuu, naamusa hojii fi seera ogummaa hojii irra
oolchuu, rakkoolee naamusaa fi seeraa qorachuun murtii kennuu, akkasumas sirna
itti gaafatamummaa fi naamusa ogummaa cimsuu.
· Sirna
nageenya dhukkubsataa, qulqullinaa tajaajilaa fi ittisa faalamaa hojii irra
oolchuu, sirna komii fi yaada maamiltootaa cimsuu, akkasumas dhaabbileen fayyaa
ofiin of madaalanii of fooyyeessan deeggaruu.
· Galmee
dhaabbilee fayyaa guutuu diriirsuu, sirna odeeffannoo too’annoo fayyaa
dijitaalaa hojii irra oolchuu, sirna hayyamaa elektirooniksii fi hordoffii
dijitaalaa babal’isuu, akkasumas sirna hordoffii fi madaallii raawwii hojii
cimsuu.
· Humna namaa
qaamolee too’annoo cimsuu, leenjii fi ijaarsa dandeettii itti fufiinsaan
kennuu, qajeelfamoota, istaandaardotaa fi hojimaata too’annoo hojii irra
oolchuu, meeshaalee hojii barbaachisoo guutuu, akkasumas qindoomina mootummaa,
damee dhuunfaa fi michoota misoomaa cimsuu.
Agarsiistuuwwan
Raawwii Ijoo
·
Dhaabbilee
fayyaa hayyama qaban 95%
ol gahuu.
·
Dhaabbilee
fayyaa inspection yeroo isaa eeggate argatan 96% gahuu.
·
Dhaabbilee
fayyaa istaandaardii fi accreditation guutan 90% gahuu.
·
Ogeessota
fayyaa galmaa'anii fi hayyamaman 95%
gahuu.
·
Dhaabbilee
fayyaa regulatory audit fi quality assessment keessa jiran 80% ol gahuu.
1.1.
Tilmaama Qabeenya Karooricha
Raawwachiisuuf Barbaachisan (Humna Namaa, Faayinaansii Madda isaa
waliin, k.k.f)
2. Haala Raawwatiinsa
Karoorichaa
2.1.
Dandessistoota
Dhimmoota Ijoo Cimina fi Carraa Gaarii Irraa
Maddan fi Tooftaa itti fayyadama isaanii
|
Dhimmoonni
ergama galmaan gahuu dandeessisan (Enablers) |
Tooftaa
itti fayyadama dandeessistootaa |
|
Hoggansa
al-walteeffame fi diimokiraatawaa ta'e uumuu |
ü Aangoo fi itti gaafatamummaa caasaalee sadarkaa
sadarkaan jiran diriiree jiraachuu fi dhiheenyatti dhaabbilee fayyaatiif
deeggarsa kennuuf haala mija’aa jirutti fayyadamuun, ü Hoggansaa Seektara Fayyaa keenya keenya sadarkaa sadarkaadhan
argaman cimsuun itti fayyadamuudhaan ü Kenniinsa tajaajila fayyaarraatti hirmaanna abbummaa
hawaasa mirkaneessuf yeroo yeroodhaan hawaasa mariisisuun komii fi yaada
hawaasni kaasu fooyya’iinsa tajaajilaatiif itti fayyaadama adeemuu, |
|
Inisheetivoota
Fayyaa |
ü Hawaasni fayyadamamaa akka ta’uuf; qooda
fudhattoota, caasaa sekterichaa sadarkaa sadarkaan jiranii sochoosuun hojitti
galchuu fi hirmaannaa hawaasaa mirkaneessuun, ü Hoggansaa fiu sirna hojmaata cimaa ta’ee
diriirsudhaan inisheetivoota fayyaa adda bahan cimsuun. |
|
Caaseffama
fi Ijaarsa Seektara Fayyaa Mijaa’aa |
ü Gurmuu seektara fayyaa sadarkaa sadarkaan jiru
cimsuudhaan hojiirra oolmaa hojiiwwan guruggoo seektara fayaatiif hordoffii fi deegarsa itti fufiinsa qabu
akka kennu taasisun, ü Dandeetti raawwachiisummaa caasaa seektara fayyaa
hanga gandaatti diriire jiru cimsuun jijjirama itti fufiinsaa akkaa fidu
gochuu, ü Keellaawwan fayyaa tajaajila waliigalaa
(comprehensive health Post services) fooyyeessuuf hojiiwwan addaa addaa
hojjataman cimsanii itti fuufsisuu ü GGMD sadarkaa caasaa gandaa fi gandaa gaditti
ijaarame jiru cimsuun hojiira oolmaa
PEF guutumaan guutuutti mirkaneessuu, ü Humna raawwachiisummaa seektarichaa cimsuun sirna
hordoffii fi too’annoo diriire hojiirra oolchuun kenninsa qulqullina tajaajila
fayyaa mirkaneesuu, |
|
Walitti
Hidhamiinsa Dhabbiilee Fayyaa |
ü Walitti hidhamiinsa keellaa fayyaa fi buufata fayyaa
cimsuun sagantaalee paakeeji ekisteenshinii fayyaa guutumaan guututti hojiira
oolchuudhaan fayyummaa hawaasaa keenya mirkaneessuu, ü Walitti hidhamiinsa hoospitaala fi buufata fayyaa
cimsuun sirna ol-ergiinsa fi duub-deebiin akka jiraatu fi deeggarsa
barbaachisaa ta’e hoospitaalli buufata fayyaatiif, akkasumas buufatni fayyaa
immoo keellaa fayyaatiif akka kennu taasisuun tajaajila fayyaa qulqullina
qabu hawaasaaf kennuu, |
|
Kutannoo
Hoggansa Siyaasaa |
ü Mootummaan, seektara fayyaa seektaroota jiran keessa
seektara xiyyeeffannaan addaa itti kenname keessa galchuudhaan hanqinaalee
raawwi hojii irratti mullatan yeroo yeroodhaan gamaaggamuudhaan deeggarsa
walirraa hincinne kennaa jirutti fayyadamuu, ü Rifoormiwwan bulchiinsa gaarii sadarkaa adda addaatti hojiirra oolaa jiran gurmuu seektara fayyaa cimsuudhaan
hojii irra oolchuun, |
|
Imaammata
fayyaa |
ü Imaammata fayyaa tajaajila fayyaa paakeejii hunda
hammate qulqullina olaanaa fi walgitinsa qabu kennuu fi to’achuudhaan fayyaa
fi haala fayyummaa hawaasaa dagaagsuu irratti hundaa’e hojjettootni
seektarichaa, hawaasni bal’aan, qooda fudhattootni fi dhimmamtootni sirriitti
hubatanii galma ga’insa isaa irratti akka hirmaatan iftoominaan
mari’achiisuun gahee isaanii akka bahan gochuu. |
|
Labsiiwwan,
Dambiiwwani fi Qajeelfamoota Seektara Fayyaa |
ü Labsiiwwan, dambiiwwan, qajeelfamoota fi
hojimaatootni caasaa seektarichaaf bahanii jiran galma ga’iinsa imaammata
fayyaa keessatti hojiileen hojjataman hundi qulqullina, gahumsaa fi saffina
qabaatanii bifa wal-fakkaatuun iddoo hundaatti hawaasaa fi qooda fudhattoota
hubachisuun akka hojii irra oolan tasisuu fi hojiirra oolmaa isaa
mirkaneessuun, |
|
Sagantaa
Paakeejii Eksitenshinii Fayyaa |
ü SPEF bifa duraan tureen hoogganuun bu’aalee
galmaa’an ittifufsiisuuf, bu’aalee dabalataa galmeessisiisuu fi fayyadamummaa
hawaasaa mirkaneessuun akka danda’amuuf roodmaappii sagantaa paakeejii
ekisteenshinii fayyaa cimsuu fi fooyyessuu qopheessuun hojii keessa galamee
cimsanii itti fuufsisuu, ü Hubannoo hawaasaa dabaluudhaan hawaasichi
ofiisaatiin fayyaa isaa akka dagaagfatu taasisuun, |
|
Inshuraansii
Fayyaa fi Bu’uraalee Misoomaa |
ü Seektarri fayyaa waggaa waggaadhaan baajatni seektarichaaf
ramadamu hanga tokko fooyya’aa jiraachuu isaatiin hanqinni dhiyeessii
dhaabbiilee fayyaa keessatti mul’achaa turan hanga tokko fooyya’aa jiru itti
fufisiisuudhaan itti fayyadamuun, ü Jalqabbii fi babal’ina inshuraansii fayyaa hawaasaa
fi hawaasummaa cimsuudhaan walga’iinsa fi kenninsa tajaajila fayyaa
foyyeessuun. ü Babal’ina daandii baadiyyaa, oomisha qonnaa dabale,
babballina manneen barnootaa, tajaajila bishaanii, ibsaa fi bilbilaa akka
carraatti fayyadamuun kenninsa tajaajila fayyaa foyyeessuun, |
|
Deeggartoota
fi Arjoomtoota |
ü Tajaajila fayyaa gahumsa qabu uummataaf kennuuf
baajata ramaduu, dhiyeessii adda addaa guutuu, hordoffii, deegersa fi
gamaaggama waliin gaggeessuu, gabaasa fi dub-deebii walii dabarsuun akka
waliigalaatti qindoominaan waliin hojjeechuun |
|
Teekinoloojii
ammayyaa |
ü Teekinoloojii ammayyaa seektara fayyaa keessatti
babal’isuun itti fufinsaan itti fayyadamuun dandeettii raawwachuu fi
raawwachisummaa cimsaa deemuun, |
|
Babal’ina dhaabbilee fayyaa fi dhiyyeessi |
ü Hawaasa, mootummaa, dhaabaa fi qooda fudhattoota
qindeessuudhaan, dhaabbileen fayyaa haala istaandardii jiruun iddoo
barbaachisaa ta’e hundatti baballatanii, humna namaaa fi meeshaalee fi
qoricha barbaachisaa ta’aniin guutamanii, uwwisa tajaajila fayyaa guutummaa
guutuutti waliin gahuudhaan tajaajila fayyaa hawaasa mara bira akka gahu
hojjeechuun, ü Dhaabbilee fayyaa babal’atan keessatti tajaajila
kennamu qulqullina isaa kan eeggatee fi hawaasa hunda fayyadamoo kan taasise
gochuu, |
|
Sirna
Hoggansa Odeeffannoo Fayyaa |
ü Sirna hoggansa fayyaa caasaa seektara fayyaa
sadarkaa sadarkaadhaan jiranii fi dhaabbilee fayyaa keessatti diriirsuudhaan
odeeffannoo, karoora, gabaasa fi dub-deebii yeroo isaa eeggate, qulqullina,
gahumsa fi amansiisaa ta’e walii dabarsuudhaan murtee ragaa fayyaa irratti hundaa’e
keennu fi akka kennamu taasisuu |
|
Hirmaannaa
Hawaasaa |
ü Hawaasni miira abbummaa horatee qabeenya, humna fi
maallaqa qabu qindeessee hojii misooma fayyaa keessatti akka hirmaatuu
taasisuun, ü Hawaasni hubannoo gahaa qabaatee rakkoo fayyaa isaa
adda baasuu irratti karoorfachuudhaan abbummaan akka hirmaatuu fi gamaaggama
raawwii isaas itti fufiinsaan gaggeessaa deemuun, |
|
Fedhii
hawaasaa |
ü Gaaffii, yaada, fedhii fi komii tajaajilamtootaa
irraa dhiyaatu akka ciicoleetti
fayyadamuun kenniinsa tajaajila fayyaa fooyya’aa akka deemuu danda’u
hojimaata jirutti fayyadamuun. |
|
Muuxannoowwan
gaggaarii jiraachuu |
ü Muuxaannoowwan gaggaarii akka biyyaatti fi
naannootti SPEF, kenninsa tajaajila fayyaa fi hojiirra oolmaa rifoormiiwwan
adda addaa irratti argaman qindeessuu fi babbalisuun foyya’iinsa kenninsa
tajaajila fayyaatiif oolchuu, |
|
Rifoormiiwwan
adda addaa |
ü Riifoormiiwwan kan akka JBAH, SMBKT, HMIS ( CHIS,
EMR, eHMIS,) HCF, HRIS, fi kkf haala
qindoomina qabuun hojiii irra oolchuudhaan kenninsa tajaajila fayyaa
foyyeessuun, |
2.2.
Tooftaalee Raawwii Gurguddoo
Sagantaan raawwii hojii karoora kanaa kan irratti
xiyyeeffatu imaammata fayyaa akka Biyyoolessatti fi Addunyaatti qophaa’an
bu’ureeffachuudhaan kan hojjatamu yoo ta’u, akka Seektara keenyatti Seerota,
Gahee Hojii Seektarichaaf kenname, Qajeelfamoota, dambii fi Maanuwaliwwan
bahanii jiran giddugaleessa godhachuun kan hojjatamu dha. Hojii seektarichaa
milkeessudhaaf caaseffamni mana hojii iddoo barbaachisaa ta’etti akka fooyya’u
taasisuu, qajeelfamoota adda addaa hojii irra jiran kan kenna tajaajila fooyya’a
adeemu waliin walgituu hin dandeenye adda baasudhaan akka fooyya’an ni
taasifama.
Gama biraatin karoora qabame milkeessudhaaf hojjataa
seektara fayyaa ogummaa barbaadamuun akka guutamu taasisuu, hojjataa seektara
irra jiru cimsuu fi onnachiisudhaan tajaajila irra eeggamu akka kennamu
xiyyeeffannoo guddaadhaan kan hojjatamu ta’a. Teekinolojiiwwan ammayyaa fi
fooyya’aa ta’an kanneen kenniins tajaajila fayyaa fooyyessan fayyadamuudhaan
tajaajilli fayya akka fooyya’u ni taasifama.
Xumura irrattis, karoora Misooma fi Inveestimantii
Seektara Fayyaa fi Karoora Imala Badhaadhina karoorfame milkeessudhaaf sirna
hordoffii fi deeggarsa teekinolojiidhaan deeggaramuudhan taasisuu, yeroo
yeroodhaan raawwii hojii gamaggamuudhaan iddoo hanqinni jiru adda baasudhaan
xiyyeeffannoo addaatiin kan hojjatamuu fi muuxannoowwan gaggaari jiranis adda
baasudhaan akka babbal’atan ni taasifama.
2.3.
Sodaa fi Tarsiimoo Sodaan Ittiin
Xiqqaatu (Risk and Assumptions)
Dhimmoota
Ijoo Hanqina fi sodaa Irraa Maddan fi Tarkaanfiiwwan fudhatamuu qaban (pains)
|
Dhimmoonni
Gufuu ta’an (Pains) |
Tarkaanfiiwwan
fudhatamuu qaban |
|
Rakkoo
dhiyeessii qorichaa, meeshaalee yaalaa
fi lojistikii |
ü Cancallii (chain) dhiyyeessii qorichaa saffisaa
ta’ee fi meeshaalee yaalaa (baay’ina, rakkoo itti fayyadamaa furuu, hanqina
qabannaa(store) jiru furuun, ü Rakkoo dhiyeessi qorichaa biyyaa alaati galchuu
waliin walqabatee jiru furuudhaaf carraalee jiru hundatti fayyadamuudhaan
Naannoo keessatti akka oomishamu gochuuf carraaqii taasisuu ü Bu’uuraaleen misoomaa kan akka ibsaa, bishaan fi
daandii naanoo dhaabbilee fayyaa hunda keessatti guutuun, |
|
Hanqina
Faayinaansii fayyaa |
ü Baajanni fayyaaf ramadamu akkaata fedhii hawaasni
keenya fedhii tajaajila fayyaa irratti qaban deebisuu danda’un baajata gahaa
ramaduun, ü Deeggarsi dhaabbilee arjoomtotaan kennamu akka
dabalu taasisuun, ü Hirmaanna hawaasa dabaluudhaan faayinaansii
dabalataa maddisiisuu ü Sagantaa inshuraansii fayyaa hawaasaa cimsuun itti
fuufisisuu |
|
Kenniinsa
tajaajila fayyaa irratti hanqinni jiraachu |
ü Kenniinsa tajaajila fayyaa irratti qulqullinni fi
walgitinsi tajaajila fayyaa fooyyeessuun, ü Hubannoon fi jijjiirama amalaa hawaasa fayyaa keenya
fooyyeessuun sirna fayyaa irratti murtoo akka qabaataan taasisuun, ü Dhibeewwaan daddarboo hin taane haala hin
baratamneen sababa haala jireenyaa, babal’ina magaalotaa, warshaalee fi kkf
irraan ka’een dabalaa dhufee hir’isuun, |
|
Hanqina
ogummaa fayyaa seektara keessa jiraachuu |
ü Rakkoo humna namaa kallatti hundaan jiruu fooyyeen:
Baay’inaan gahaa taasisuu, gosaa ogummaa hundi akka jiraatu taasisuun, rakkoo
bulchinsaa jiru furuun, gahumsaa fi naamusa ogummaa fooyyessuun, |
|
Hanqinia
qabiinsaa fi itti fayyadama odeeffannoo fayyaa |
ü Ragaa madda isaa irraa qulqullinaan sassaabuu,
gabaasuu fi itti fayyadamuu mirkaneessuun, |
|
Hanqina
hoggansa fi bulchiinsa Fayyaa |
ü Dhiibbaa hawwaasummaa, siyaasaa fi dinagdee yeroo
ammaa fayyaa hawwaasaa fi kenninsa tajaajila fayyaa irraan gahaa jiru
hambisuun, ü Qiindoomni seekterootaa biroo waliin dhimmoota
fayyaa hawaasaa hiikuuf jiru cimsuun, ü Sirni itti gaafatamummaa sadarkaa sadarkaan jiru
bifa walfakkaatuun iddoo hundatti mirkaneessuu, |
|
Uummatni
qabeenya guddaa ta’uu beekanii qindeessanii itti fayyadamuu dhabuu. |
ü Dhimma fayyaa hirmaannaa hawaasaa barbaadan
hundatrratti hawaasa mariisisuun hubannoo guutuun hawaasa biratti akka uumamu
taasisuun tajaajila kennamu irraa guutummaan guutuutti akka fayyadamu fi
hirmaannaa hubannoo irratti hundaa’e akka taasisu gochuu. ü Bulchiinsa qabeenya
hawaasa irraa walitti qabamu keessatti hawaasni akka hirmaatuu fi itti
fayyadama isaa irrattis yeroo yeroodhaan hawaasni akka beeku gochuu. |
|
Hanqina
qabeenya maddisiisuu fi ittifayyadama baajata |
ü Arjoomtota meeshaalee yaalaa arjoomuu dandaa’an
addaan baasuun carraa isaan hospitaalota meeshaa yaalaatiin gargaaruu
danda’an uumuun hospitaalotni meeshaalee barbaachisoo ta’aniin akka guutaman
taasisuu. ü Sirna kenniinsa tajaajila fayyaa fi hoggansa
dhaabbilee fayyaa cimsuudhaan dhaabbileen fayyaa galii dabalataa madda adda
addaa irraa akka maddisiisanii fi tajaajila fayyaa qulqullina fi gahumsa qabu
akka kennan taasisuu. ü Hojii ittiisaa fi to’annoo HIV galmaan gahuuf
qabeenya madda adda addaa irraa argamu qindessuudhaan ittisaa fi to’annoo
akkasumas kunuunsaa fi deeggersaaf akka oolu gochuu. ü Maallaqa gargaarsaa arjoomtota irraa argame qaamolee
HIV’f saaxilamoo ta’anii madda galii
isaanii cimsachuun jiruu fi jireenya isaanii fooyyeffatan taasisuun
dabalataan maalliqichi naanna’aa qaamota deeggersa barbaadaniif itti
fufiinsaan akka argatan taasisuu. ü Inshuuraansii fayyaa hawaasaa aanolee hunda irratti
babal’isuun akkasumas inshuuraansiin fayya hawaasummaa akka hojiirra oolu
taasisuu. |
|
Hanqina
meeshaa yaalaatii fi, hanqina kununsaa fi suphaa meeshaa yaalaa. |
ü Dhaabbilee fayyaa hanqina meeshaalee yaalaa qaban
addaan baasaa itti fufiinsaan guutaa deemu fi meeshaalee yaalaa hojiirra
jiraniif kununsa fi suphaa barbaachisu yeroo yeroon taasisuu. ü Humna raawwachiisummaa meeshaalee yaalaa gurguddoo
ta’an suphuuf gargaaru Workishoopii suphaa meeshaa yaalaa sadarkaa biiroo fi
kilaasterii adda addaa irratti hundeessuu. |
|
Muudannoo
Balaa tasaa |
ü Sodaawwan balaa tasaa fayyaa hawaasaa dursanii adda
baasanii beekuun, qophii barbaachisaa taasisuu fi hubaatii sababa kanaan
uumamu hir’isuu, ü Sirna faana dhawiinsa dhukkuboota daddarboo
cimsuudhan, rakkoo fayyaa sababa dhukkuboota bifa weeraratiin ka’uun miidhaa
hawaasa irraan gahuu danda’an hir’isuu, ü Sirna hooggansa balaa tasaa teeknoloojii kan akka
”mobile health” fi e-PHEM
fayyadamuudhaan ammayyeessuun ragaa
qulqullina qabu maddisiisuu, |
3. Sirna Hordoffii fi
Gamaggamaa
3.1.
Sirna Hordoffii
Karoora of-danda’uu seektara
fayyaa waggaa bara 2019 dhufan kana keessatti hojiirra oolan galmaan gahuuf
sirna hordoffii fi deeggarsaa karaa idila’ee fi qindaa’een diriirsuun hojiirra
olchuun daran murteessaa dha. Haaluma kanaan, karoora of danda’uu kana baay’ina
karoorfameen, yeroo karoorfame keessatti, ariitii fi qulqullina raawwachuuf,
hordoffii fi deeggarsaa taarsiima’aa ta’e karaa itti fufiinsa qabuun
gaggeessuun, duub-deebii yeroo isaa eeggate kennuun, karoorichi qixa barbaadameen
akka raawwatamu gochuun murteessaa dha. Hordoffii
fi deeggarsa qindaa’aa akka mana hojiitti idileessuun akkasumas hordoffii fi
deeggarsa sagantaalee bu’uureffatan cimsuun, galmoota karoora of danda’uu
keessatti qabamanii jiran milkeessuuf, ga’ee guddaa kan qabuu dha. Haaluma kanaan akkaataa gabatee
yeroo hordoffii fi deeggarsa karoorfameen sadarkaa sadarkaadhaan sirni
hordoffii fi deeggarsaa akka gaggeeffamu ni taasifama.
3.2.
Sirna Gamaggamaa
Hojiirra oolmaa karoora of danda’uu dhugoomsuuf,
tooftaalee akka seektarichaatti hordoffii hojiirra oolmaa karooraatiif
diriiranii jiran kan akka gamaaggama ji’aa, kurmaanaa fi waggaa caasaalee
seektara fayyaa, qooda fudhattoota adda addaa waliin akkasumas kutaalee
hawaasaa bakka hirmaachiisuun barbaachisuutti hirmaachiisuun gamaaggamni bu’aa
qabeessa ta’eef, galtee hojii itti aanu karaa ta’uu dandanda’uun idila’ee kan
gaggeeffamu ta’a.
3.3.
Sirna Madaallii
Karoora of danda’uu
seektara fayyaa Bara 2019 dhufan hojiirra oolu, bu’a qabeessummaan isaa kan
mirkanaa’u sirni madaallii karaa idila’een diriirsuun sadarka sadarkaa hundatti
bifa itti fufiinsa qabuun hojiirra yoo oole qofaa dha. Kanaaf, Aanaa irraa eegaluun caasaalee sektarichaa
hanga gaditti jiran karaa miirri dorgommii keessatti uumamuu danda’uun raawwiin
hojiilee karoora of danda’uu karaa idila’een itti fufiinsaan madaaluun ciminaan
akka gaggeeffamu ni ta’a.
3.4.
Sirna Gabaasaa
Galma gahiinsi akkasumas milkaa’inni karoora of
danda’uu kan ittiin safaramuu danda’u hojiileen caasaa sektarichaa sadarkaa
sadarkaan jiraniin hojjetaman yeroo isaanii eeganii yoo gabaafan ta’uun
beekamaa dha. Haaluma kanaan miira itti
gaafatamummaan gabaasni qulqullina qabuu fi dhugummaa irratti hundaa’e sadarkaa
sadarkaan gabaassi yeroo isaa eeggatee fi guutuu ta’e karaa idila’een akka gabaafamuu
danda’u ni hojjatama.
3.5.
Sirn
Duubdeebii
Sadarkaa sadarkaan karoora of danda’uu fi raawwii
bifa gabaasaan argame karaa itti fufiinsa qabuun, xiinxaluun, hordoffii fi
deegarsaa gaggeessuun akkasumas gamaaggama hojii yeroo isaa eeggatee
gaggeessuun bu’aa, milkaa’inaa fi jijjiirama qabatamaa dhufe madaaluun
duub-deebiin barsiisoo ta’e karaa idila’een itti fufiinsa qabuun kan kennamu
ta’a.
3.6.
Tooftaalee Hordoffii fi Gamaggamni Itti
Raawwatu
|
Qaama hord. fi
gam kan irratti rawwatamu |
Gabaasa |
Gamaaggama
qaamaan |
Suparvizhinii |
|||||||
|
Yoom |
Eenyuuf |
Akkamitti |
Yoom |
Eenyuun |
Akkamitti |
Yoom |
Eenyuun |
Akkamitti |
||
|
1 |
Wajjirii
Fayyaa Aanaa |
Ji’aa fi
Kurmaanaan |
Waajjira
Bulchinsa Aanaaf |
Barreeffamaan |
Ji’an
Kurmanan fi Waggaan |
Mana
Marii Bulchinsa |
Tarsiimoo
irratti hunda’uun mannii waliin wal bira qabuun |
Kurmanan |
Garee
supervizhinii Waajjiira Bulchinsa |
Qaamaa fi
cheeklistiin |
|
Ji’aan |
Wajjiraa
Mallaqaa Aanaa |
Barreeffamaan |
Ji’an
Kurmanan fi Waggaan |
Garee
Hordoffi fi gamagamaa |
Qaamaa fi
cheeklistiin |
Ji’a
Jahaan |
Garee
suparvizhinii |
Qaamaa fi
cheeklistiin |
||
|
Kurmanaan |
Komishinii
Karooraa fi Misoomaa Aanaatiif |
Barreeffamaan |
Ji’an
Kurmanan fi Waggaan |
Garee Hordoffii fi Gamagamaa |
Qaamaa fi
cheeklistiin |
Ji’a
Jahan |
Garee
suparvizhinii |
Qaamaa fi
cheeklistiin |
||
|
|
Biiroo
Fayyaa Oromiyaatif |
DHIS2 |
Ji’an
Kurmanan fi Waggaan |
Garee
Biiroo Fayyaa |
Qaamaa fi
cheeklistiin |
Ji’an ,
Kurmanaa fi waggadhan |
Garee
suparzhinii |
Qaamaaa
fi cheeklistiin |
||
