Header Ads Widget

Responsive Advertisement

Harmi haadhaa guddina qaamaa, sammuu fi yaadaa daa'immaniitiif murteessaadha.

Harmi haadhaa guddina qaamaa, Sammu fi yaadaa daa'immaniitiif murteessaadha.






==========================

Torbeen harma hoosisuu addunyaa bara 2016 godina Shawaa Lixaa aanaa Ejereetti kabajame.

Torbeen harma hoosisuu bara kanaa mata duree 'hudhaalee harma hoosisuuf danqaa ta'an hir'isuu' jedhuun kan kabajame yoo ta'uu kaayyoon isaa hubannoo hawaasaa harma haadhaa hoosisuun walqabatee jiru cimsuudha.

Hoogganaa  itti aanaa biiroo fayyaa Oromiyaa Obbo Darajjee Abdannaa sagantaa kana irratti argamuun akka jedhaniitti,

mootummaan dhaqqabamummaa  tajaajila fayyaa  dabaluuf dhaabbilee fayyaa babal'isuun meeshaalee yaalaa fi humna namaan guutuun hawwasni dhiyeenyatti tajaajila  akka argatuuf  hojjachaa tureen milkaa'inni guddaan argamuu kaasanii jiru.


Kana malees qulqullina kenna tajaajilaa fooyyeessuf tarsiimoo adda addaa qopheessee hojiirra oolchuun bu'aa  olaanaan argamuu dubbatanii jiru.


Du'aatii haadholii fi daa'immanii xiqqeessuu irratti dhimmoota raawwatamaa turaniin biyyi  keenya addunyaa irratti maqaa gaarii akka argattu  kan taasise ta'uus ibsanii jiru.

Daiman Harma haadhaa hoosisuun  Daimian Sammu , Yada fi qama guddatanii egeree biyyaa akka utuban gochuuf gahee olaanaa akka qabu eeranii jiru.

Haadholii yeroo ulfi garaatti hafee jalqabee kunuunsa gahaa taasisuun, daa'imni erga dhalattee hanga ji'a jahaatti harma haadhaa qofa hoosisuu  akka qabanii fi  daa'immaniif waanti bakka harma haadhaa bu'u akka hin jirre ibsanii jiru.

Daa'imni dhalattee silga haadhaa irraa jalqabee yoo sooratte dhukkuboota adda addaatiif akka hin saaxilamne taasisuu bira darbee    haati daftee obbaatii akka oofkaltuuf kan gargaaru ta'uus dubbatanii jiru.

Daa'imman hanga ji'a jahatti harma haadhaa qofa fayyadamaa jiran akka biyya keenyatti %58 qofa ta'uu  kaasanii jiru.


Haadholiin sababa adda addaan harma haadhaa hoosisuu dhiisuun daa'imni quucarummaaf saaxilamuun maatii fi biyya irratti dhiibbaa qabaachuu dubbatanii jiru.

Daa'imman ji'a jahaan booda hanga waggaa lamaa fi isaa oliitti soorata dabalataa waliin harma haadhaa argachuu akka qaban kaasanii  jiru.


Abbootiin fi qaamoleen hawaasaa hadholiin kunuunsa gahaa argatanii daa'imman harma akka hoosisaniif haala mijataa uumuu akka qaban dhaamanii jiru


 Sagantaa kana irratti Abbootiin Gadaa, haadholiin siinqee, hooggantoonnii fi qaamoleen hawaasaa adda addaa argamanii jiru.


Xumuura irratti,  sagantaa kana ilaalchisuun dhiyeessii  dhiyaate irratti mariin gaggeeffamee jira.




Post a Comment

2 Comments