Header Ads Widget

test

Du'aatii haadholii fi daa'immanii hir'isuuf tajaajilli geejjibaa murteessadha-Dooktar Darajjee Dhugumaa

 Du'aatii haadholii fi daa'immanii hir'isuuf tajaajilli geejjibaa murteessadha-Dooktar Darajjee Dhugumaa

Finfinnee, Amajjii 29, 2017 (FMC)- Du'aatii haadholii fi daa'immanii hir'isuuf tajaajilli geejjibaa murteessaa ta’uu Ministir Deetaan Ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaan ibsan.
Sagantaan jalqabsiisa Ambulaansii Doqdoqqee gaggeeffameera.
Saganticharratti Dooktar Darajjeen akka jedhanitti Itiyoophiyaan bara Faranjootaa 2030’tti du'aatii haadholii fi daa'immanii hir'isuuf karoorfatte hojjechaa jirti.
Karoora kana milkeessuufis hanqinoota gama geejjibaan jiran furuun barbaachisaa ta'uu kaasan.
Naannawaalee baadiyyaa biyyattiitti Ambulaansiin Doqdoqqee tajaajila geejjiba haadholiitiif daran barbaachisaadha jedhaniiru.
Ambulaansii motorsaayikilii kana hojjetee kan dhiyeesse Faawundeeshiniin Elnet, ambuulaansin kuni du'aatii haadholii yeroo da'umsaa hanqina tajaajila geejibaan muudachuu malu furuu kan tumsu ta’uu himan.
Mandariinaa Adamtu gabaase.

No comments:

Powered by Blogger.